“Geengoo jeequmsaa keessaa ba’uuf falli jiru aadaa marii gabbisuu qofa” – Obbo Mulaatuu Gammachuu

Finfinnee: Daddaaqama siyaasa biyyattii wal’aanuufi geengoo jeequmsaa keessaa ba’uuf falli waaraan aadaa marii gabbisuu qofa ta’uu Miseensi Koree Raawwachiiftuu Hojii Paartii Kongirasii Federaalistii Oromoo Obbo Mulaatuu Gammachuu ibsan.

Obbo Mulaatuun haala boora’uu nageenya naannoo Amaaraa ilaalchisanii turtii dheengadda Dhaabbata Pireesii Itoophiyaa waliin taasisaniiru. Akka isaan jedhanitti, naannicha dabalatee bakka kamittuu mufii jiru humnaan osoo hintaane mariin furamuu qaba. Waldhabbii humnaan furuuf sochiin barootaaf biyyattii keessatti taasifame firii dhabuurra darbee dhaloota har’aaf ba’aa guddaa ta’eera.

Yeroo ammaa naannoo Amaaraatti qaamni hidhatee lolatti seenee qaama gaaga’amni waraanaa naannicharra darbee biyyaatti fiduu hinhubanneefi machiin dhuunfatame ta’uu himanii, naannoon Amaaraa naannoolee lola Kaaba biyyattiitti mudateen hubaman keessaa tokko ta’uunsaa osoo beekamu madaa dabalataaf lola banuun aantummaa dhabuurraa kan maddu ta’uu ibsaniiru.

Naannoo kanatti qaama hidhatee socho’uun olaantummaan seeraa gaaffii keessa galuunsaa bubbuluu kaasanii, har’a garuu qaamni kun erga ifatti waraana banee carraan marii dhiphaa waan ta’eef bifa of eegannoo qabuun olaantummaa seeraa gara mariitti geessu kabachiisuun dirqama ta’uu himaniiru.

Mootummaa eeyyama ummattoota biyyattiin hundaa’e maqaa baleessuun ummattoota waliin waan walitti isaan buusuuf akka isaaniif tolutti “Mootummaa ABO” jechuufi RIB wabii ummattoota biyyattii ta’e maqaa balleessuun shira hamaa ta’uusaa garaagarummaa ilaalchaa malee hubachuun barbaachisaa ta’uus ibsaniiru.

Waldhabbii barootaaf ture walqixxummaa, tokkummaafi obbolummaan goolabuuf waadaa waloo saboota, sablammootaafi ummattoota biyyattii kan ta’e heera har’a hojiirra jiru tumachuu yaadachiisanii, ta’us hanqina heerichaan walqabatee ka’u caalaa heericha qixa sirriin hojiitti hiikuu dhabuun geengoo jeequmsaaf sababa guddaa ta’uu hubachiisaniiru.

Akka isaan jedhanitti, waraanni mancaatiifi badii lubbuurra kan darbe nagaa xumura bareedaa hinqabu. Waldhabbii kamiifuu mariin heera biyyattiirratti bu’uureeffame dursuu qaba. Namuu hidhatee biyya gooluutti wanti arreeduuf sababnisaa beekamee mariin furamuu qaba. Isa mariif hinbitamne ammoo tarkaanfii seeraan adaba qabsiisuun dirqama mootummaati. Mootummaan mataansaas seera kabajuu qaba.

Yeroo dhiyoo as mariifi filannoo ummataa caalaa afaan qawween aangoo dhuunfachuuf sochiin gama hundaan taasifamaa jiru aadaa badaa sirrachuu qabu ta’uu himanii, jaarraa amma keessa jirru, keessattuu haala qabatamaa Itoophiyaa amma jiruun sochiin akkasii dhangalaatii dhiigaarra kan darbe herrega kamiinuu kan angootti nama geessu akka hintaane jala sararaniiru.

“Kan mufate hunduu qawwee kaasee Araat Kiilootti fiiga taanaan deebiinsaa afaan qawwee waan ta’uuf nageenyi biyyaa balaa hamaa keessa seena. Kun ammoo gaaga’ama roga maraa duuba deebisuufu rakkisaa ta’etti akka geessuu hubachuun barbaachisaadha” jedhu.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Hagayya 6 Bara 2015

Recommended For You

5 Comments to ““Geengoo jeequmsaa keessaa ba’uuf falli jiru aadaa marii gabbisuu qofa” – Obbo Mulaatuu Gammachuu”

  1. Pingback: lasik
  2. Pingback: sex women
  3. Pingback: steenslagfolie

Comments are closed.