Finfinnee: Yunivarsitii Mattuutti barsiisaa Fiiziksii kan ta’an Doktar Gaarummaa Abdiisaa moosaajii Afaan Oromoo daa’imman barsiisuufi bifa adda ta’een akaakuu barnoota garaagaraarratti hundaa’uun hiika jechootaa kennu hayyuu kalaquu danda’aniidha.
Abbaan kalaqaa kun yaada dheengadda Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin, gaaffiilee bu’uuraa Oromoon kaasaa ture keessaa inni tokko gaaffii afaansaan barachuuti jedhanii, mirgi afaan ofiin barachuu argame kun qofaasaa ga’aa waan hintaaneef Afaan Oromoo guddatee afaan saayiinsiifi teknolojii akka ta’uuf hawwii guddaa qabaachuu dubbatu.
Afaan bu’uura guddina waa maraa ta’uu himanii, kalaqawwan garagaraarratti waggoota 16 ol dabarsanis waa’een Afaan Oromoo guddisuu kun xiyyeeffannoosaanii isa jalqabaa ta’uusaan alatti boqonnaa sammuullee akka isaaniif kennu dubbatu.
Kalaqawwan garagaraa hanga ammaatti hojjetan bu’aaf osoo hintaane deeggarsa malee tattaaffii isaaniifi hiriyootasaaniin hojjechaa jiraachuu himanii, kalaqawwan kanneen hawaasa biraan ga’uurratti Biiroo Barnoota Oromiyaa galateeffataniiru.
Afaan Oromoo guddatee sirna addunyaa keessa seennaan hawaasa biyya keessaa mitii hawaasni idil addunyaayyuu gabaa barbaacha dhufuuf dirqama kan jedhan Doktar Gaarummaan, ogummaan baratan injinariingi moosaajii ta’uu baatus Afaan Oromoo akkuma afaan Ingilizii afaan saayiinsiifi teknolojii ta’e wayita barreeffamu illee dogoggora qubee uumamu moosaajii namatti agarsiisu uumuun hawwiisaanii ittaanu ta’uu himaniiru.
Erga Afaan Oromoo, keessattuu naannoo Oromiyaa keessatti afaan hojiifi barnootaa akkasumas afaan barreeffamaa ta’ee bubbuleera jedhanii, waan gama hundaanuu hanga ammaatti hojjetame bakka tokkotti argachuuf moosaajiiwwan isaaniifi miiltowwansaanii hojjetan furmaata ta’uu ibsaniiru.
Yeroo ammaa kan sirna barnootaa haaraan walqabatee hanqina kitaabaa jiru furuuf Biiroo Barnoota Oromiyaan walta’uun kitaabilee barnootaa kutaa 4ffaa akaakuu barnoota garaagaraa hunda moosaajii kanatti fayyadamuun bifa moobaayiliifi kompitaraan barataaf dhiyeessuun akka danda’ames dubbataniiru. Moosaajii kanaan barnootni suursagaleenis waan dhiyaateef namni kompitara yookiin moobaayilii hinqabne filaashiin foddaa televizyiniirratti illee dubbisuu akka danda’u yaadachiisaniiru.
Kuusaa jechoota ‘jechiiki’ jedhamu haala dhiyeessiifi qabiyyeessaan adda ta’e hojjechuuf hayyootni yunivarsitichaa akaakuu barnoota garagaraa barsiisan hirmaachuu eeranii, kun ammoo hiikni jecha tokkoo akakuu barnoota garagaraa keessatti adda adda ta’uusaa hubachuuf shoora guddaa gumaacheera jedhu.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
BARIISAA SANBATAA Hagayya 6 Bara 2015
5 Comments to “Doktar Gaarummaa Abdiisaa: Hayyuu Moosaajii Afaan Oromoo kalaqan”
Comments are closed.