Finfinnee: Bu’aqabeessummaan hariiroo dippilomaasii biyyattii daran dabalaa jiraachuu Ministeerri Haajaa Alaa Itoophiyaa beeksise.
Dubbii Himaan Ministeerichaa Ambaasaaddar Mallas Alam ibsa tibbana miidiyaaf kennaniin akka jedhanitti, torban lamaan darbanii eegalee anga’ootni biyyoota Afrikaa, Baha Fagoofi kanneen biroo daawwannaa hojiif gara Itoophiyaa dhufuun qondaaltota mootummaa Itoophiyaa waliin dhimmoota garaagaraarratti marii taasisaniiru.
Itoophiyaan hariiroo biyyoota ollaaf xiyyeeffannoo addaa laattee hojjechaa jiraachuu eeranii, sababnisaas biyyoota kanneen waliin daangaa waliinii qofa osoo hintaane ummata walinii waan qabduuf, miidhamni isaanii miidhama Itoophiyaa ta’uu himu.
Daawwannaa Pirezdaantii Sudaan Kibbaa Saalvaakiir ilaalchisee akka jedhanitti, akkaataa hariiroo daldalaa kanaan dura biyyoota lamaan gidduu ture itti cimsuun danda’amuufi biyyoota lamaan bu’uraalee misoomaatiin walitti hidhuun danda’amurratti mariin bu’a qabeessi taasifameera. Ministeera Dhimma Alaa Afrikaa Kibbaa Doktar Naaledii Paandar waliinis haalota waliigaltee Piritooriyaa guutuutti hojiitti hiikuuf gargaaran irratti marii bal’aan taasifameera.
Pirezdaantiin Baankii Addunyaa Ajaay Baangaanis torbee darbe Itoophiyaa daawwachuunsaanii Itoophiyaaf faayidaa olaanaa ta’uu kaasanii, mootummaan Itoophiyaa pirojektoota misoomaa gurguddoo biyyattii keessatti hojjechaa jiru ariifachiisuuf deeggarsa maallaqaa argachuuf dhaabbilee faayinaansii idil addunyaa waliin hojjechaa jiraachuu ibsu.
Daawwannaan Ministeera Dhimma Alaa Jaappaan Hayashii Yoshimaasaafi Ministeera Dhimma Alaa Kooriyaa Kibbaa Paarkiin Jiinis, Itoophiyaan hariiroo biyyoota Baha Eeshiyaa waliin qabdu guddifachuuf itti fufiinsaan kan itti adeemsifamu ta’uu dubbatu. Keessumaa gama daldalaa, invastimantii, guddina dandeettii akkasumas kalaqa saayinsiifi teknolojiitiin muuxannoo qooddachuu irratti Itoophiyaan biyyoota kanneen waliin hojjechuuf fedhii guddaa akka qabdus ibsaniiru.
Hariiroon dippilomaasii Itoophiyaafi Kooriyaa Kibbaa waggoota 60 kan guute yoo ta’u kan himan Ambaasaaddar Alam, naannolee walitti bu’iinsaan miidhaman keessatti sochii deebisanii dhaabuufi ijaaruuf deeggarsa taasisuuf Paarkiin Jiin waadaa galuu himaniiru.
Taammiruu Raggaasaatiin
BARIISAA SANBATAA Hagayya 6 Bara 2015
2 Comments to “Bu’aqabeessummaan hariiroo dippilomaasii Itoophiyaa dabalaa jira”
Comments are closed.