Dacheen Oromiyaa, Godinni Shawaa Kaabaa qe’een Janaraal Taaddasaa Birruu Aanaa Waacaalee Jiddaa, Gandi Xiqqoo Sayyoo mucaa xiqqoo addunyaaf guddoo taate ilaalcha gadi qabaa dubartootarra jiru cabsuu dandeessuufi dhiiraan qixa hojjechuun madda qorannoo hayyuu dhaloota qartu halkan tokko nuuf arjoomteetti.
Ilaalcha gadi qabaa dubartootarratti fe’amee jirurraa kan ka’e dubartiin eessa geessi yaada jedhuun fagoo deemanii ofirra darbanii biyya ofiif bu’a buusuu kan danda’an hedduun osoo jiranii karaatti kan hafani tokko lama miti.
Keessummaan keenya torbee kanaammoo ilaalcha gadi qabaa dubartootarratti fe’amee jiru kanarratti hadheeffattee qabsaa’uun miira ni danda’amaa hojiitti hiikuun seenaa kan hojjette yoo taatu shamarree maatiinshee qonnaan bultoota ta’an ganda baadiyyaa, keessatti dhalattee bu’aa ba’ii hedduu keessa dabartee dubartootaaf fakkeenya taatedha.
Kutannaan shamarree kanaa gorsa Janaraal Taaddasaa Birruun ichimamtee, ilaalcha gadi qabaa beekumsi dubartii golaa olitti jedhu, dhiiraa qixa hanga addunyaaf galtee ta’anitti ta’uu qabatamaan kan agarsiiste fakkeenyummaanis kan kaatu Doktar Asteer Tasfaayee keessummaa Gaazexaa Bariisaa godhanneerra. Seenaa Doktar Asteer, akkamiin barruulee addunyaaf galtee ta’e qopheessuu akka dandeesseefi hojiileeshee biroorrattis turtii waliin taasifneerra.
Bariisaa: Doktar Asteer eenyu? Eessatti dhalattee guddatte?
Doktar Asteer: Ani intala qonnaan bulaa abbaakoo Obbo Tasfaayee Hordofaafi Haadhakoo Aadde Tsaggaayee Daargeerraa Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Wacaalee Jiddaa Ganda baadiyyaa Sayyoo jedhamtu keessattin dhaladhe.
Bariisaa: Haalli guddinakee baadiyyaa maal fakkaata?
Doktar Asteer: Haalli guddinakoo akkuma ijoollee badiyyaa kamiiyyuu hamma umuriinkoo barnootaaf ga’utti hojii humnikoo eeyyameen maatikoo tajaajilaan guddadhe.
Bariisaa: Umuriin kee barnootaaf akkuma gaheen mana barumsaa sadarkaa 1ffaa eessatti eegalte? Sadarkaankee akkam ture?
Doktar Asteer: Dhugaa dubbachuuf miirri kutannaa ani ganamuma qabu daran cimaa ture isa kanaafimmoo galtee kan naaf ta’e gorsa Janaraal Taaddasaa Birruu dhaloonni hinbaranne mirgasaaf hinfalmatu jedhu sana natti fakkaata. Kutaa tokkoffaa Mana Barumsaa Iluu Kuraa Sadarka 1ffatti kiiloomeetira 30 miilaan imaleen barachaa ture.
Barnootakoo akkuman jalqabeen sadarkaa keessan ba’aa ture. Kanaaf sababa kan naaf ta’emmoo obboleessakoo hangafaati. Baradhee bakka guddaa ga’uu akkan qabu nagorsaa ture, heerumee karaatti akka hinhafne gorsa Janaraal Taaddasaa Birruu dhalootaaf olkaa’een akkan guddachuu qabu na taasiseera.
Bariisaa: Mana Barumsaa Iluu Kuraatti hanga meeqaatti baratte?
Doktar Asteer: Obboleessi kiyya kutaa 12 xumuree barnoota kolleejjiif biyyarraa fagaachuusaan maatiin kiyya barnootarraa akka na hinkunneef adaadaakootti imaanaa nakenne. Haaluma kanaan magalaa Muka Xurrii Mana Barumsaa Muka Xurrii Sadarkaa Tokkoffaatti kutaa 2ffaa hanga 5ffaa baradhe.
Obboleessikoo kolleejjiirraa barsiisummaan eebbifamee akkuma deebi’een bakka inni hojiif itti ramadame Aanaa Kuyyuu Mana Barumsaa Leemmaan Sillaaseetti kutaa 6ffaan baradhe. Duubarra obboleessi koo Aanaa Waacaaleetti jijjiiramnaan Muka Xurriitti deebi’een kutaa 7-8 achittan fixe.
Kutaa 8ffaatti parsentaayilii 95 fideen qabxii olaanaadhaan kutaa 9ffatti darbe. Sadarkaankoos akkuman dura siif kaase 1-3 gadi bahee hinbeeku fedhiin ani barnootaaf qabu dachaan dabalaa ga’umsikoos humnaa ol dabalaa kutaa sagal gale.
Bariisaa: Mana barumsaa Sadarkaa 2ffaafi qophaa’ina eessatti baratte? Barnoonni akkam ture?
Doktar Asteer: Mana Barumsaa Sadarkaa 2ffaa hanga qophaa’inaa Muka Xurrii Mana Barumsaa Raggaasaa Wayyeessaattin xumure. Mul’annikoo imaanaa obboleessikoo natti laate “jabaadhuu baradhu bakka guddaa geessa” jedhu sana milkeessuun ilaalcha gadi qabaa shamarranirra jiru cabsuudha. Kanaaf obboleessakoo hinqaanessu, hojjechuun qaba ejjennoo jedhuun tattaafadhee qabxii gaarii fideen yunivarsiitii seene.
Bariisaa: Yunivarsiitii eessaa? Muummee maalii siga’e?
Doktar Asteer: Kutaa 12ffaa akkuman xumureen Yunivarsiitii Arbaaminci Damee Teknolojii Bishaanii, Muummee Injinariingii Qabeenya Bishaaniifi Jallisii (Water Resource And Irrigation Engineering) gale.
Akkuma beekamu Yunivarsiitiin Arbaaminci akkuma baha Afrikaatti Teknolojii Bishaaniin beekamtii guddaa kan qabudha, anis baran yunivarsiiticha galee bara 2000 kaasee of kennee barachuun caalee argamuuf hojjetaan ture.
Bariisaa: Turtiin jireenya Yunivarsiitii Arbaaminci akkam ture? Akkamiin simatamte?
Doktar Asteer: Dhugaa dubbachuuf qophaa’ummaa ani barnootakoof qabu cimaa ta’us qormanni natti baay’atee ture. Haalli qilleensaa achi ture ulfataadha; kanarraa kan ka’e hedduu nadhukkuba ture.
Waggaa jalqabaa barnootakoofi dhukkuba jijjiirama haala qilleensaan walqabatee namudateen wal’aansoo walqabaa jireenya yunivarsiitii dhandhamaan ture.
Bara 2000 semisteera 1ffaa fixee 2ffaatti dhukkubbiin natti dhaga’amuu jalqabe. Deemsa keessa qormaata xumura semisteera 2ffaa waggaa jalqabaa yeroon fudhachuuf qophaa’u akka malee nadhukkubee mana yaalaan gale.
Qormaata addaan kutee guyya saddeetiif akka malee dhukkubsadhee riifariitiin gara Finfinneetti akkan dhufu ta’e. Kanarraa kan ka’e barnootakoo addaan kuteen yaalarran ture. Of duubatti deebi’eellee sababa dhukkubaan addaan kutuukoof beeksisuu dadhabeen abdii kutannaa keessa galeen ture.
Bariisaa: Barnoota keetti akkamiin deebiteree?
Doktar Asteer: Yunivarsiiticha keessatti waanin beekameef waggaa itti aanutti deebi’ee barnootakoo akkan eegalu natti himame. Kanarraa kan ka’e osoo hinbaratiin qormaata nadarbe sana mara deebi’een qoramee warra bara 2001 Yunivarsiitii seenan waliin barnootakoo itti fufe.
Bariisaa: Waggaan tokko erga sitti dabalamee barumsakee waggaa meeqatti xumurte?
Doktar Asteer: Dhukkubbii namudaterraa kan ka’e waggaa ja’aaf barnootakoo hordofeen dhukkubakoof osoo hinjilbeeffatiin qabxii gaarii fideen eebbaaf ga’e jechuudha.
Duubarra dhukkubbiifi bu’aa bahii jireenya yunivarsiitii ulfaataa ta’e sana dandamadhee shamarran yunivarsiiticha keessatti qabxii gaarii galmeessisanii barsiisummaadhaan achitti hafan keessaa Doktar Asteer ishee tokko ta’uu dandeesseetti jechuudha. Muummee keenya kana jalatti anaafi hiriyoonnikoo shamarranii lama barsiisoota shamarranii jalqabaa taanee tajaajiluu eegalle.
Bariisaa: Digirii jalqabaan Injinariingii Qabeenya Bishaaniifi Jallisiin erga eebbifamtee Yunivarsiitii Arbaamincitti qacaramtee hammamiif hojjette?
Doktar Asteer: Waggaa lamaaf ergan tajaajilee booda Digiriikoo lammaffaa achuma Yunivarsiitii Arbaamincitti Muummee ‘Irrigation And Drainage Engineering’n eebbifameen hojii barsiisummaa koo ittan fufe. Xiyyeeffannoon barnoota digiriikoo lammaffaa kun ogummaa injinariingii bishaaniirratti kan xiyyeffatedha.
Waggaa lamaafi ji’a sadiif ergan barsiisee booda carraaqqii gara garaa taasiseen carraa digirii sadaffaa ykn doktireetummaa argadhee baradheera.
Bariisaa: Duubarra Doktireetummaallee argachuun baratteetta carraa kana akkamiin argatte? Eenyutu sideeggare?
Doktar Asteer: Carraa barnoota doktireetummaa kana carraaqee kan argate anuma. Dhaabbilee garagaraa waliin hojjechaan ture; waliis barreessaan ture. Deemsa keessa Yunivarsiitii Finfinnee Mooraa Araat Kiilootti Ogummaa Hooggansa Qabeenya Bishaaniin (Hydrology And water Resource Management) hordofuun jalqabe.
Bariisaa: Meeqa taatanii barnoota doktireetummaa kana eegaltan?
Doktar Asteer: Barnoota kana yeroon yaadadhu anaanuu na dhiba. Sababnisaas ijoollee kudha afur taanee erga eegallee saddeet qofatu eebbifame; kanneen hafan addaan kutaniiru.
Eebbifamtoota saddeet kana keessaas shamarri ana qofadha. Yeroon taa’ee yaadus shamarri dhiiraan qixa hojjechuurra dabartee dhiiraa ol hojjechuu akka dandeessu kanan itti mirkaneeffadhedha. Beekumsi dubartii golaa olitti osoo hintaane hundaa olidha jedhamee sirrachuu mala.
Sababnisaas dirree addunyaa dubartootaa yeroo ilaallu dubartoonni bakka hunda galanii jijjiirama fiduu akka danda’an, biyyasaanii maqaa waamsisuu akka danda’an qabatamaan argaa jirra.
Biyya fagoo deemuu hinbarbachisu dubartoonni keenya hawaasummaa, siyaasa, dinagdeefi hojii mara keessatti hirmaachuun jijjiirama olaanaa galmeessisaa jiru kun ammallee cimuu qaba. Kun ilaalcha gadi qabaa dur ture kan cabsaa jiruufi ga’umsa dubartoonni qaban kan agarsiisudha.
Bariisaa: Barnootakee akka addaan kuttu sakaallaa kan sitti ta’e jiraa laata?
Doktar Asteer: Dhugaa dubbachuuf yeroon sadarkaa 1ffaa barachaa ture maatiinkoo akkan heerumu barbaadu. Nan yaadadha jaarsi guddaa tokko mana keenya dhufanii intala kana ilmakoo fuusifachuun qaba jedhee dudubbataa turan. Guyyaa sana abbankoos baacoo fakkeessee dubbata ture. Haata’uutii obboleessi kiyya hinheerumtu barattee lafa yaadde erga geessee booda niqaqqabdi jedhee na humneessaa ture.
Shamarran hedduu baratanii bakka guddaa ga’uu osoo danda’anii heerumsiifannee gammachuu keenya dhandhamna ilaalcha jedhuun cabanii golatti kan hafan hedduudha; kun ammallee irratti hojjetamuu mala.
Bariisaa: Maatiinkee sadarkaa amma ati irra geesse kana gaafa argan maal jedhu, maaltu isaanitti dhaga’ame?
Doktar Asteer: Jalqaba haatikoo humna guddaa naaf taateetti jechuu nan danda’a. Sababnisaas abbaakoo caalaa ijoollee jiran mara kunuunsaa, hojii mana keessaa hojjechaa yeroo nu guddistu dubartootaaf wanti dadhabamu hinjiru miirri jedhu na keessa buleera.
Kanarraa kan ka’e kufee ka’ee lafa yaadako ga’eera; shamarran biroofis fakkeenya ta’eera. Kunimmoo maatiikoo daran gammachiisa. Kanaaf ammallee fayyadamummaa dubartootaa, hirmaannaa isaan gama siyaasaan, hawaasummaafi dinagdee keessatti qaban dachaan akka dabaluuf irratti hojjetamuu qaba.
Bariisaa: Gara barnoota keettin sideebisaati, waraqaa qorannoo doktireetiikee maalirratti hojjette?
Doktar Asteer: Jijjiirama haala rakkoo qilleensaan walqabatee omishaafi omishtummaa akkasuma qabeenya bishaaniirratti qaqqabu (Climate Change Impact On Agriculture And Water Resource Management) irrattan hojjedhe.
Bariisaa: Giddugalli ati qorannoo itti gaggeessite eessa? Qoranicha akka gaggeessituuf maaltu si kakaase?
Doktar Asteer: Haroo Baatuurrattan hojjedhe. Isa kanaaf sababa kan naaf ta’emmoo itti fayyadama haroo sanaa, omishaafi omishtummaa gamasitti galmaa’aa jiruufi faallaa kanaammoo miidhaa haroo sanarratti qaqqabaa jirurraatti xiyyeeffateetidha.
Bariisaa: Bu’aaleen qorannoofi qo’annoo akka Itoophiyaatti hojjetamu hedduunsaa shelfii guutuurraa kan hafe rakkoo hawaasaa furuurratti hagas mara bu’aa hinbuusan jedhama. Kan kee kun bu’aa buuseeraa laata? Galtee ta’ee tajaajilaa jiraa?
Doktar Asteer: Bu’aan qorannookoo rakkoo jijjiirama qilleensaa mudataa jiruun omishaafi omishtummaaan kana malees qabeenyi bishanii keenyallee dhumaa jiraachuu qabatamaan agarsiiseera. Isa kanaafimmoo gorsitoonnikoo hordoffii naaf taasisaa turan sirriitti ragaa naaf bahu. Kanarraa kan ka’e bu’aan qorannookoo rakkoo kan furu ta’ee tajaajilaa jira.
Bariisaa: Gorsitoonnikee wayita qorannoo taasistu hordoffiifi deggarsa ogummaa siif taasisaa turan kana malees bu’aa qorannookeef humna siif ta’an eenyuu fa’i?
Doktar Asteer: Doktar Olqabaa Tolasaa, Doktar Abbabaa Damisseefi Doktar Xannaa Alaamirrawufaati. Beekumsa ani ofii qabu akkuma jirutti ta’ee deggarsaafi gorsa garagaraa naaf laachuun warreen humna naaf ta’an kana malees hayyota kabajni maluufiidha.
Bariisaa: Bu’aa qorannoo rakkoo hiikuu danda’u qopheesseera jettaa? Bu’aa akkamii buuseera?
Doktar Asteer: Bu’aan qorannookoo warreen imaammata qonnaa baasaniif, itti fayyadama bishaaniirratti warreen hojjetaniif, warreen misooma qonnaa jallisiirratti bobba’aniif galtee jijjiiramaa ta’e tajaajila.
Bariisaa: Qorannoo Haroo Baatuurratti gaggeessaa turterraa maal hubatte?
Doktar Asteer: Itti fayyadamni bishaanii jallisiif oolaa jiru baay’ee qisaasa’aadha. Lakkoofsi namoota jallisii fayyadamanii hedduudha. Kana malees wayita bishaan obaaasan hanga hinqabu hamma ijjisaanii quufutti waan obaasaniif takkaan haroon sun akka dhumatu taasisaa jira. Humnaa ol wayita obaasan ammoo biyyeen dhiqamuun, gabbina biyyee keessatti biqiltootaaf gargaaran fixu . Kanarraa kan ka’e bu’aan omishaa akka xiqqaatu taasisaa jira.
Bariisaa: Itti fayyadama bishaanii humnaa ol ta’e kanaan walqabatee rakkoon mudataa jiru biraan argannookeetiin mirkanaa’e jiraa laata?
Doktar Asteer: Jijjiiramni qilleensaa fakkeenyaaf hongeen hammaachuun walqabatee dhufuun haroon sun akka hurku hangi bishaanii akka xiqqaatu taasisa. Kana malees humnaa ol jallisiif wayita waraabanitti ammas hangi bishanii ni hir’ata. Kanarraa kan ka’e lubbuqabeeyyiin bishanicha keessa jiraatan kan nyaataaf oolan kan akka qurxummii dhumaa jiraachuu argannookoon mirkanaa’eera.
Kanamalees akkuman dura siif kaase callaan kuduraafi muduraa darbees omishoota garagaraa bishaan jallisii humnaa oliin misooman biyyee jalaa dhiquun callaan akka hir’atu taasisaa jira. Kanaaf itti fayyadama bishaanii keenya madaalawaa gochuun teknolojii qonna ammayyaan deggaramuun murteessadha jechuudha.
Bariisaa: Bu’aan qorannookee akka Afrikaattillee tajaajilaa jiraachuu, atis waltajjii garagara argatterratti deemtee dhiyeessuun beekamtii argateetta jedhama dhugaadhaa?
Doktar Asteer: Eeyyee Afrikaa Kibbaa, Taanzaaniyaa Aruushaa, Taayilaandillee deemeen argannookoo dhiyeesseera. Shamarree qorattuu olguddatoo keessaa ishee tokko ta’eera.
Yeroo ammaattis yunivarsiitiiwwan biyya keessaafi alaa, dhaabbilee garagaraa waliin hojjechuuf carraa argadheera. Barruulee garagaraa sadarkaa addunyaatti galtee ta’anii gargaaran qopheesseera; ammas ittuman jira.
Bariisaa: Barruulee ati akka galteetti addunyaaf qopheessiteefi qopheessaa jirtu mal fa’i laata?
Doktar Asteer: Mojuloota (Barruulee) Haydirooloojiifi itti fayyadama qabeenya bishaaniirratti wabii ta’ee gargaarudha. Barruulee kunniin dhaabbilee barnoota olaanaa biyya keessaafi ala jiran kana malees qorattoota na duuba jiraniifi jijjiirama haala qilleensaa, itti fayyadama qabeenya bishaniirratti hojjechuu barbaadaniif madda ta’ee tajaajila jechuudha.
Bariisaa: Barruuleen qophaa’an kunniin siqofaan moo hayyota biroo kan hammatedha?
Doktar Asteer: Jalqaba sadarka Afrikaatti hayyoonni ogummaa bishaaniin gahooman walitti dhufanii bu’aa qorannoosaanii dhiyeessu. Achiin kan filatamaa ta’e adda bahee waliin hojjechuun eegalama.
Gama kanaan ani tattaaffii garagaraa taasiseen bu’aa qorannoo rakkoo hiikuu danda’u waanan dhiyeesseef Yunivarsiitii Kolombiyaa (USA) waliin ta’uun barruulee ‘Climate Change Impact on Global Hydrology’ dhiibbaa jijjiiramni Haala qilleensaa qabeenya bishaaniirratti qaqqabsiisuufi furmaatasaa kan qabate qopheessuurratti hirmaadheera.
Bariisaa: Barruulee siifi Yunivarsiitii Kolombiyaatiin qophaa’e kana eenyutu itti fayyadama? Akkamiin tajaajilaa jira?
Doktar Asteer: Barruuleen kun karaa dijitaalaa onlaayinii gadhiifamee jira.Yeroo ammaattis barsiisoonni dhaabbilee barnoota olaanaafi qaamoleen qorannoofi qo’annoo hojjetan itti fayyadamaa jiru.
Bariisaa: Sadarkaa addunyaatti dorgomanii carraa barruulee wabii qopheessuu argachuun hinulfaatuu laata? Akkamiinis milkoofte?
Doktar Aster: Akka Afrikatti dhimma kanarratti hojjechuun kan dorgoman dhibbaan lakkaa’amu. Kan filataman 31 yoo ta’an isaan keessaa natu carricha argatee waahilakoo Yunivarsiitii Kolombiyaa waliin hojjechuu danda’e. Sanuummoo shamarra ta’ee carraa akkasii argachuukootti biyyakoorra darbee Afrikaa bakka bu’ee addunyaaf galtee ta’uu danda’uukoof nan gammada.
Bariisaa: Bu’aan qophii barruulee kanarraa argatte jiraa laata? Moo dhamaatee duwwaadha.
Doktar Asteer: Hamma tokko argadheera; garuu quubsaadha jechuun hindanda’amu. Waan hundi adeemsaan milkaa’a; guddaa hojjetanii xiqqaa argachuun jira, xiqqaa hojjetanii guddaa argachuunis jira. Dhimma yeroo yoo ta’een alatti duuniyaas argachuun hinoolu.
Ana garuu maallaqa naaf kaffalamu caalaa wanti nagammachiisu yoo jiraate beekumsa horadhe bifa barruuleen qopheessee dhaloota na duuuba jiru ijaaruudha; sun fedhiikoo isa olaanaadha.
Bariisaa: Fuuldurattis dabalataan barruulee gara garaa qopheessitee dhiyeessuuf hojjetaa jiraachuus odeeffanneerra, kun maalirra jira?
Doktar Asteer: Dhugaadha, ogummaa qabeenya bishaaniifi jijjiirama haala qilleensaan walqabatee ammas wantan hojjechaa jiru jira. Barruuleen kun Itoophiyaaf qofa osoo hintaane addunyaaf galtee ta’ee tajaajila. Haata’u garuu hamman hojiitti hiikee argamutti ibsuu hinbarbaadu.
Bariisaa: Mee gara barsiisummaakeettin sideebisa, barsiisummaan siif maalidha?
Doktar Asteer: Barsiisummaan anaaf Ofirra darbanii biyya ofiif ibsaa ta’anii jiraachuudha. Dhalootaaf madda beekumsaa ta’uudha, ogummaa kabajamaa itti boonamudha.
Bariisaa: Dhamaatee barsiisummaan qabuufi galii inni ji’aan argamsiisu akkamiin madaalta?
Doktar Asteer: Isa yoo dubbachuu baanne wayya. Barsiisaan dhamaatee guddaa dhama’ee galii inni argatu gadaanaadha. Fakkeenyaaf yoo fudhatte barsiisaan tokko digirii jalqabaan miindeffamee miindaa xiqqaan hojjeta. Digirii lammaffaasaa yoo xumure miindaan dabalamuuf kuma lama hincalu. Doktireetiisaa yoo hojjetes jijjiirama hinqabu.
Kanaaf barsiisummaan barnootaan of ijaaruu, dhaloota tajaajiluu yoo ta’een alatti gama galii miindaan yoo madaalle mana kiraa kaffalatee maatii jiraachisuu miti ofii jiraachuufuu rakkisaadha.
Bariisaa: Fooyya’uu mala kan jettu yoo jiraate?
Doktar Asteer: Xiyyeffannoon ogummaa barsiisummaa yunivarsiitiif kennamaa jiru ammallee fooyya’uu mala. Mootummaan damee kana yaadachuu, fuulasaa garasitti deebisuu qaban jedha.
Sababnisaas hayyonni ga’umsa qaban hedduun barsiisanii dhaloota jijjiiruu osoo danda’anii galiinsaanii xiqqaachuurraa kan ka’e biyyaa ba’u. Ogummichi dhalootaan jibbamaa dhufa. Kana malees gara hojii dhiisuutti deebi’u; kun furamuu mala.
Bariisaa: Turtii yerookeef galatoomi; qorattuu biyyarra dabartee addunyaaf galtee jijjiiramaa taatu akka taatu siif hawwina.
Doktar Asteer: Isinis galatoomaa, keessummaa Gaazexaa Bariisaa gootanii waan na affeertaniifi deggarsa ogummaa naaf taasistaniif ulfaadhaa.
Waasihun Takileetiin
BARIISAA SANBATAA Hagayya 6 Bara 2015
5 Comments to “Barsiisummaa yunivarsiitiirraa hanga barruulee addunyaaf galtee ta’e qopheessuutti kan geesse, Doktar Asteer Tasfaayee”
Comments are closed.