Inistitiyuutiin Qorannoo Qonnaa Itoophiyaa teknolojiiwwan omishaafi omishtummaa dabalu jedhee amanu qorannoo garagaraa taasisuun qonnaan bulaa biraan ga’aa tureera. Teknolojiiwwan xiyyeeffannaadhaan irratti hojjetu keessaa ammoo baayoo teknolojiin isa tokko. Teknolojiin kun lubbu qabeeyyiin faayidaa kennan akka dabalaniif sanyii fooyyeessuurratti kan hojjetamudha. Dhimma kanaafi hojiilee inistitiyutichi hojjetu ilaalchisuun Daarektarri inistitiyuutichaa Doktar Fatoo Esmoo dhiyeenya kana Gaazexaa Bariisaa waliin gaaf deebii taasisanii turan.
Akkasaan jedhanitti, baayoo teknolojiin waggoota dheeraaf inistitiyuticha keessatti ittiin hojjetamaa ture. Hiikkaansaas amaluma lubbu qabeeyyiitti fayyadamuun bu’aa irraa argachuudha. Fakkeenyaaf raacitiin mana baay’ee keenyaa keessatti faayidaarra oolu baayoo teknolojii keessa jira. Yeroo ammaa namoonni baayoo teknolojii orgaanizimoota sanyiin dhalootaasaani fooyyeeffame (Genetically Modified Organism – GMO) qofa jedhanii fudhatu. Garuu waan baay’ee of keessaa qaba.
Akka agarsiisaatti baala muka tokkoo fuudhuun amala garagaraatiin baay’isanii mukuma isa haadhoon walfakkaatuufi dhibeerraa qulqulluu ta’een baay’isuun baayoo teknolojii ta’uu himanii, inni ‘GMO’ jedhamu lubbu qabeeyyii tokko irraa gara biraatti jiinii dabarsuu jechuu akka ta’u himu. Akka fakkeenyaattis baakteeriyaarraa jiinii fuudhanii boqoolloo keessa galchuu bu’aa teknolojii kanaa akka ta’u dubbatu.
“Asirratti maaliif galchine kan jedhu ilaaluu qabaanna. Inni kun jiiniidhuma dabarsuuf osoo hintaane rakkoorraa ka’a. Jiinii baakteeriyaa keessa jiru lubbu qabeeyyiin dhibee fidan yoo nyaatan ni du’u. Qorattoonni kana ilaalaniitu jiinii sana baakteeriyaarraa fuudhanii gara boqqollootti dabarsan. Sanyii haala kanaan argame yoo ilbisoonni kan nyaatan ta’e sababa jiiniin baakteeriyaa keessa jiruuf ni du’u jechuudha. Akkasumas dhibeen illee miidhuu hindanda’u. Yeroo baay’ee omishoonni akkanaa kan balaaleeffatamaniif jiiniin ilbisoota ajjeese kun namarrattis dhiibbaa fiduu danda’a sodaa jedhuuni” jedhu.
Ta’uus teknolojiin kun Ameerikaa keessa gara waggaa 30 turuu himanii, namoonnis itti fayyadamanii hanga ammaatti wanti irratti dhufe akka hinjirre ibsu. Sanyii akkanaa qopheessuun kan barbaachiseef boqqolloo ilbisoonniifi dhibeen hinmiine uumuuf ta’uufi ilbisoonni keemikaalaan illee du’uu didan yommuu mudatan carraan jiru boqqolloo dhabuurra mala kana fiduu akka ta’u hubachiisu.
Gama kanaan teknolijichi hanga jiinii sirreessuu (Jean Editing) qaqqabuu kan ibsan daarektarri kun, kana jechuun bakka wayii keessaa jiinii kutanii baasuu ta’uu dubbatu. Fakkeenyaaf jiinii boqqolloo fudhachuun waan keessa jiru tarreessanii barreessuuf osoo yaallee kitaaba jiildii 40, fuula kuma tokko tokko qabu ba’uu akka danda’u himanii, kana keessaa kutaadhuma muraasa kutanii baakteeriyaa sanatti galchuun baayoo teknolojii akka ta’e ibsu.
“Garuu jijjiiramni dhufu olaanaadha. Namoonnis kanuma ilaaluunii miidhaa fiduu danda’a sodaa jedhu kan qabaniif. Jiiniin tokkorraa tokkotti darbuun kun uumamaanis ni jira. Garuu mala namtolcheetiin gaafa ta’utu nama keessatti shakkii uuma” jedhu.
Akka ibsa Doktar Fatootti teknolojiin kun sadarkaa Itoophiyaatti eegalamuun qabatamaadhaan sochiiwwan tokko tokko eegalamaniiru. Akkuma irranatti ibsamuuf yaalameetti omishawwan dhibeefi ilbisoota dandamatan hojjechuurratti, damee biqiltuu tokkoo muranii biqiltuu hedduu akka ta’u taasisuun ni hojjetama. Kunis biqiltuuwwan kanneen akka buna, muuzii, anaanaasiifi kanneen biroorratti ni hojjetama. Kana malee ‘GMO’ kan jedhamuun sanyiin boqqolloo tokko yaaliirra jira. Itoophiyaa keessa billaachi boqqolloo nyaatu tokko seenuusaatiin kana balleessuuf sanyii boqqolloo kana dandamatu qopheessuun dirqama. Kanaa achi boqqolloo omishuu dhiisuu ykn kemikaalaa garmalee itti fayyadamuun miidhaa dhufu dandamachuu qofatu filmaata. Kanaaf yaaliin taasifamaa jira.
Xaafiirratti ammoo akka lafa hindhoofneef jiinii kuffistu sana keessaa baasuun sirreessuun akka danda’amuufi yaaliitti jiraachuu eeranii, teknolojii kanaan guutuutti sanyiin omishatti seenee ture jirbii ta’uu himu. Akka waliigalaatti garuu yaaliiwwan muraasni jiraatanis baay’inaan itti akka hindeemamne kaasu.
Teknolojiin kun biqiloota qofarratti osoo hintaane beeladootarrattis kan hojjetu ta’u himanii, isa kana hojiitti hiikuuf garuu naamusnisaa akka dhorku himu. Biyyoota kaanitti garuu fakkeenyaaf jiinii hoolaa kutanii hoolaa isa fakkaatu tokko gochuun hojjetamuusaafi taknolojii kana namarrattis hojjechuun akka danda’amu kaasu. Kana garuu seeraan kan dhoowwame waan ta’eef akka itti hindeemamne eeru.
Inni biqiltootarratti hojjetame akka barbaadametti qonnaan bulaa biratti fudhatama argachuu kan dhabeef sababoota lamaan ta’uu kan ibsan Daarektarri kun, Inni jalqabaa inistitiyuutichumti haala barbaadamuun itti hojjechuu dhabuusaa ta’u kaasu. Sababnisaa ammo teknolojiin hojii kanaaf gargaaru gara biyya kanaa dhufee waan hinjirreef ta’uu himu. Inni biraan ammoo kanneen ‘GMO’ fudhachuurra harka dhibba keemikaala itti biifuu wayya jedhanii fudhatan jiraachuufi dhiibbaa keemikaalli sun fidu hubachuu dhabuun yaada kana kaasan jiraachuu ta’u eeranii, warri keemikaala omishanis bu’aan omishasaanii akka gurguramuuf waan barbaadaniif fudhatamummaa akka hinarganneef kan irratti hojjetan ta’uu kaasu.
Ammarra waan biyya keenyatti hangas mara hinjirrerratti baay’ee dubbachuun hinbarbaachisu yaadni jedhu waan jiruufis hojii hubannoo uumuurratti xiyyeefatamee hojjetamaa akka hinturre himanii, wayita sadarkaa yaaliirra darbee hojii bu’a qabeessatti seenamu garuu bal’inaan akka irratti hojjetamuufi hangasitti garuu sochiidhuma muraasa jiru miidiyaan adeemsaan hubannoo akka uumuuf fooramiin miidiyaa hundeeffamee hojjetamaa jiraachuu kaasu.
Walumaagalatti, wayita amma omishni dachaan dabaluu qabu kanatti sanyiiwwan fooyya’oo garagaraa qorannoon deggaraman qonnaan bulaa biraan ga’uun keessumaa biyyoota akka Itoophiyaa guddinarra jiraniif murteessaadha. Kanaaf mootummaanis dhimmichaaf xiyyeeffannaa kennee deggaruu, hayyoonni damichaas hubannoo uumuurratti cimanii hojjechuun irraa eegama. Miidiyaanis gabaasawwan dhimma kanarratti qophaa’an kan ogeessoota ykn qorattootaan deggarame taasisuun burjaaji jiru qulqulleessurratti hojjechuu qabu.
Saamraawiit Girmaatiin
BARIISAA SANBATAA Hagayya 6 Bara 2015
3 Comments to “ Baayoo teknolojii fayyadamuu, omishaafi omishtummaa dabaluuf”
Comments are closed.