Finfinnee: Weerarri hoomaa hawaannisaa naannoo Affaaritti mudate omishaaleefi biqilootarraan miidhaa dhaqqabsiisaa jiraachuu Biiroon Qonnaa, Qabeenya Umamaafi Beeyladaa naannichaa beeksise.
Biirichatti Daarektarri Eegumsa Biqilootaa Obbo Habiib Abdallaa Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kaleessa akka ibsanitti, hoomaan hawaannisaa Galaana Diimaa irraa ka’e Fulbaana 15 bara 2015 irraa eegalee godinaalee Affaar daangaa Tigraayitti argaman weeraree miidhaa dhaqqabsiisaa jira. Hoomaan hawaannisaa kun aanaalee 15 naannichaa keessatti biqiloota soorata gaalaafi re’ee ta’an akkasumas biqiltuuwwan sagantaa ashaaraa magariisaan dhaabamanirraan miidhaa guddaa qaqqabsiisaa jiraachuu ibsaniiru.
Weerarri hawaannisaa kun wayita bakkeewwan omishaaleen qonnaan bultootaa ga’an itti sassaabamaa jiranitti mudachuunsaa omishaaleerratti miidhaa ni qaqqabsiisa sodaan jedhu jiraachuu himanii, miidhaa hanga ammaatti ga’eefis ragaan walitti qabamaa jiraachuus dubbataniiru.
Mootummaan naannichaa Ministeera Qonnaa waliin ta’uun Adoolessa 18 bara 2015 irraa eegalee hoomaa hawaannisaa kana qolachaa jiraachuu himanii, hoomaan hawaannisaa kun Affaaritti miidhaa dhaqqabsiisuuf ture to’aachuun danda’ameera. Ministirri Qonnaas deeggarsa ogeessotaa, xayyaaraafi keemikaalaa taasisaa jiraachuus ibsaniiru.
Hoomaa hawaannisaa kana guutummaatti balleessuuf naannoo Tigiraay waliin qindoominaan hojjechaa jiraachuu himanii, mala aadaanis duula walirraa hincitne taasisuuf hojiin hubannoo uumuu hawaasaaf kennamaa jiraachufi dhaabbilee gargaarsaarraas deeggarsi walitti qabamaa jiraachuus eeraniiru.
Gama biroon bakka hawwaannisni itti wal horu, akkamittiifi yoom akka walhoru ilaalchisee ogeessotaaf leenjiin hubannoo gabbisuu kennameen bu’aa abdachiisaan argamaa jiraachuus himanii, hawaannisni bakkinni qubatu yoo itti tole buuphaa buusuun achumatti waan walhoruuf ummatni of eeggannoofi tumsa barbaachisu akka taasisu dhaamsa dabarsaniiru.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
BARIISAA SANBATAA Hagayya 6 Bara 2015
6 Comments to “Affaaritti hoomaan hawaannisaa miidhaa dhaqqabsiisaa jira”
Comments are closed.