Waaliyaawwan tapha michummaaf Ameerikaa jiru

Finfinnee: Gareen Kubbaa Miilaa Biyyaaleessaa Itoophiyaa Waaliyaan tapha michummaaf Wiixata darbe gara Ameerikaa kan imale yoo ta’u, kutaa biyyichaa Varjiniyaa qubateera.

Taphichaaf shaakallii irraa eegamu biyya keessattis taasisaa kan ture gareen kun, erga Ameerikaa ga’es qophii irraa barbaadamu taasisuun dorgommisaa jalqabaa Roobii darbe halkan sa’aatii 8:00 irratti kadeemsifachuun dorgommisaa injifannoodhaan eegaleera. Varjiniyaa istaadiyeemii Seegiraa Filditti kan taphate gareen biyyaaleessaa Itoophiyaa gitasaa Guyaanaa 2fi 0dhaan injifateera.

Gareen kun injifachuu kan danda’e goolii daqiiqaa 11ffaafi 76ffaarratti amballiin garichaa Shimallis Baqqalaa galcheeni. Taphichi Waldaa Kubbaa Miilaa Addunyaa ‘FIFA’tiin kan galmaa’eefi beekamtiin kan kennameef yoo ta’u, jalqabbii dorogommichaarratti Ameerikaatti Ambaasaaddarri Itoophiyaa Doktar Injinar Silashii Baqqalaa argamuun garicha jajjabeessaniiru. Itoophiyaanoonniifi dhalattoonnii Itoophiyaa magaalicha jiranis istaadeyimicha argamuun garee biyyaaleessaa jajjabeessaniiru.

Waaliyaawwan turtiisaanii Ameerikaatti istaadiyeemii Owudii Fiildi kan kilabni Yunaayitid DC taphasaa itti adeemsifatu daawwachuun abbaa gahee kilabichaa kan ta’an abbaa qabeenyaa lammii Itoophiyaa Iyyoob Maammootiin affeerraan irbaataa taasifameeraaf.

Gareen Kubbaa Miilaa Biyyaaleessaa Itoophiyaa Waaliyaan tapha michoomaa ittaanu har’a kilaba Loodon Yunaayitid waliin Istaadiyeemii Seegira Fiilditti kan taphatu ta’a.

Saamraawiit Girmaatiin

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 29 Bara 2015

Recommended For You

3 Comments to “ Waaliyaawwan tapha michummaaf Ameerikaa jiru”

  1. Pingback: disposable vape

Comments are closed.