Paarkiin Indastirii Jimmaa bara dhufu guutummaatti hojii eegala

Finfinnee: Paarkiin Indastirii Jimmaa bara dhufu guutummaatti hojii kan eegalu ta’uun ibsame.

Gaggeessaa Hojii Olaanaan paarkichaa Obbo Tasfaayee Likkiisaa ibsa addatti Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin akka jedhanitti, paarkichi bara 2011 erga eebbifamee booda Kaampaanii Chaayinaa abbaan qabeenyummaasaa murtaa’e tokko waliin walii galtee mallatteesseera. Kaampanichi waggoota lamaaf hojii omisha huccuufi kophee hojjechaa erga turee booda sababoota akka weerara dhibee koronaa, dhorkamuu fayyadama gabaa bilisaa (AGOA)fi kanneen birootiin walqabatee waligaltee adda kutee hojii dhaabuun hojjettootasaas bittinneesseera. Haa ta’uu, malee kaampaaniin kun wayita hojiirra turetti namoota kuma tokkoofi 500f carraa hojii uumee tureera.

Yeroo ammaa kana paarkicha keessatti dhaabbanni biyya Hindii tokko zayita avokaadoo omishee gara biyya alaatti ergaa jiraachuu himanii, bara bajataa 2015tti zayita avokaadoo gara alaatti erguun doolara Ameeriikaa miliyoona tokko argamsiisuun alatti namoota 300f carraa hojii uumuusaa dubbataniiru.

 Kana malees, dhaabbileen biyya keessaafi alaa gara paarkichaatti seenanii hojii eegaluuf maashinii dhaabuufi sochii adda addaa taasisaa akka jiranis ibsaniiru.

Paarkichi istandaardii idil addunyaan waan hojjetameef abbootii qabeenyaa simachuu akka danda’uufi abbootiin qabeenyaa gara paarkichaatti seenaa jiranis irra jireessaan bu’aalee qonnaa qindeessuurratti fedhii olaanaa kan qaban ta’uu ibsaniiru.

Carraa gaarii paarkichaan walqabatee iddoon argamasaa kanaa iddoo qabeenya bu’aalee qonnaa kanneen akka dammaa, bunaafi kanneen biroo baay’inaan itti argaman ta’uusaatin bu’aalee qonnaa qindeessuurratti dhaabbileen bobba’an baay’ee bu’a qabeessa ta’uu akka danda’an dubbatu. Paarkichi bu’uraalee misoomaa kanneen akka ibsaa, bishaanii, intarneetii fi kaameeraa nageenyaa kan maashinoota gurguddoo sochoosuuf gargaaran hundaas kan guuttate ta’uu eeru.

Paarkichi guututti gara hojiitti yeroo galu carraa hojii namoota kuma shanii hanga saddeetii kan uumu yoo ta’u, sheediwwan sagal paarkichi qabu keessaa hanga ammaatti lama qofti abbootii qabeenyaan qabamuu Obbo Tasfaayeen dubbataniiru.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 29 Bara 2015

Recommended For You

2 Comments to “ Paarkiin Indastirii Jimmaa bara dhufu guutummaatti hojii eegala”

  1. Pingback: fuckboy

Comments are closed.