Mootummaan Itoophiyaa seenaa hiyyummaa biyyattiin barootaaf keessa turte keessaa baasee gara badhaadhinaatti fiduuf imala eegaleera. Keessumaa lafee dugdaa biyyattii kan ta’e qonna hundeedhaa jijjiiruun biyyattiin midhaan nyaataatiin of danda’uurra dabartee, omishawwan alaa galchitu dhiisuun ofii alatti ergitee sharafni alaa akka argamuuf xiyyeeffannaa olaanaadhaan erga hojjetamuu eegalee waggoonni sadii darbaniiru.
Akka Oromiyaattis kallattii ka’ame hordofuun hojilee jajjabeessoon hojjetamaa jiru. Inisheetiivoota ce’umsa dinagdee keenyaa 300 ol qorachiisuun hojiitti kan seene yoo ta’u, yeroo ammaa inisheetivoonni qonnaa 28 hojiitti hiikamaniiru. Inisheetiiviiwwan qamadii, avookaadoo, ruuzii, muuziifi kkftiin bu’aa gaariin argamaa jira. Hojiiwwan kanneenis jilli Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa, Hogganaan Biiroo Qonna Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuun durfamu tibbana godinaalee Oromiyaa addaddaatti argamuun daawwataniiru.
Inisheetiivii Qamadii
Badhaadhinnni waloo Itoophiyaa milkaa’uu kan danda’u saffisaafi qulqullinaan omishuun yoo danda’ame ta’uu kan himan Obbo Shimallis, kanaafis baay’ina akaakuu omishaafi alergii dabaluuf ganna kana lafa hektaara miliyoona 8.2 sanyii midhaan garagaraatiin uwwisuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu dubbatu.
Inisheetiivii haaraa omisha qamadiitiinis ganna kana qofa lafa hektaara miliyoona 2.2 sanyii qamadiitiin uwwisuuf hojjetamaa jiraachuu ibsanii, qonnaan bultootaafi ogeessoota milkaa’ina kanaaf gahee guddaa bahachaa jiran galateeffataniiru.
Akka ibsasaaniitti, qonna biyyattii jijjiiruuf daandiifi tooftaa kanaan dura ittiin hojjetamaa ture jijjiruu akka barbaachisu erga hubatameen booda inisheetiivoota haaraa garagaraa dinagdee qonnaa ceesisuu danda’an bocuun hojiirra oolchamaa jira. Akkasumas qonni biyyattii qorannoofi teknolojiin yoo deggaramee karoora tarsimawaa gurguddoo gama qonnaatiin milkeessuuf qabatame; wabii nyaataa mirkaneessuu, carraa hojii bal’inaan uumuu, omisha alaa galan kan biyya keessan bakka buusuufi sharafa alaa maddisiisuu kan ittiin milkeessuun danda’amuudha.
Bara omishaa 2015, godinaalee Booranaa, Boorana Bahaa, Gujii, Gujii Lixaafi Baale Bahaatti lafa hektaara kuma 618 misooma qamadii arfaasaatiin uwwisuun danda’ameera. Hanga ammaatti lafa %86 irraa kan sassaabame yoo ta’u, callaan kuntaala miliyoona ja’atti dhiyaatu argamuu ibsu.
Inisheetiivii Muuzii
“Inisheetiivoota qonnaa yeroo dhihoo as hojiitti hiikaman keessaa, Inisheetiiviin Misooma Muuzii Dikilaareeshiinii misoomaa Muuzii Godina Shawaa Lixaa, Aanaa Iluu Galaanitti jalqabsiisne isa tokko. Inisheetiivii kanaan hojiin sanyii muuzii kanaan dura alaa galaa ture biyyuma keessatti baay’isuufi raabsuuf jalqabame bu’aa qabatamaa fidaa kan jiru yoo ta’u, yeroo ammaa inisheetiivii kanaan lafti hektaarri kuma sadii ol muuziidhaan misoomaa jira” jedhu Obbo Shimallis .
Inisheetiivii Ruuzii
Akka ibsa Obbo Shimallisitti, Dikilaareeshinii Inisheetiivii Misooma Ruuzii Beddellee (Bedele Rice Development Initiative Declaration) akka inisheetiivii qonnaa dabalataatti labsameera. Kunis Godina Buunnoo Beddellee, Aanaa Beddellee, Ganda Qollootti eegalameera.
Hoggansi jijjiiramaa, imala badhaadhinaa qabame milkeessuuf hojii hojjechaa jiruun, wabii midhaan nyaataa mirkaneessuun dhimma ijoo ta’uu hubachuun, omishaalee baraman cinaatti, omisha haaraa ta’an jalqabuun isaa ni yaadatama. Kanneen keessaa tokko omisha ruuzii yoo ta’u, waggaa lama dura hektaara kuma ja’a jalqabuun yeroo ammaa hektaara miliyoona tokkorraan ga’uu himu. Raawwii kanaan ittifufuun bara omishaa 2016/17 irraa jalqabnee ruuzii biyyi keenya sharafa guddaan alaa galchitu guutummaatti kan hafu ta’uu eeru.
Inisheetiivii Boqqolloo
Sosochiin inisheetivoota qonnaa jalqabaman hundi dinagdee baadiyyaa naannichaa gama wabii nyaata mirkaneessuu, omisha alaa galu biyyatti omishuun, alergii dabaluufi carraa hojii uumuun tiransiformeshiinii qonna biyyattii mirkaneessaa jiraachuu kan himan pirezidaantichi, barana akka naannootti lafa hektaara miliyoona 1.6 sanyii boqollootiin uuwwifamuu dubbatu.
Inisheetivii Baala Shaayii
Jilli Obbo Geetuu Gammachuu Hogganaa Biiroo Qonnaa Oromiyaatiin durfamu tibbana Godina Iluu Abbaa Boor, Aanaa Halleetti biqiltuu baala shayee dhaabuun dargaggoota misooma baala shayeerratti bobba’anii jiran jajjabeesseera. Inisheetiivii kanaanis hojiin jajjabeessaan hojjetamaa jiraachuu daawwatameera.
Barana biqiltuu baala shaayii miliyoona 3.4 qopheessuuf karoorfamee biqiltuun miliyonni 4.1 qopheessuun hanga ammaatti biqiltuun miliyoonni tokko dhaabbachuu himu. Misoomni baala shayee kanaan dura Godina Iluu Abbaa Booraa aanaa tokkotti misoomaa kan ture, bara darbe pirezidaantii naannichaatiin misoomicha babal’isuun qonnaan bultoonni akka fayyadamaniif inisheetiivii misooma baala shaayii labsuusaaniitiin yeroo ammaa godinaalee Oromiyaa afur; Iluu Abbaa Boor, Buunnoo Beddellee, Jimmaafi Qellam Wallaggaatti qonnaan bultoonni kilaastaraan misoomsaa jiraachuu eeru.
Kilaastara Dammaa
Jilli Obbo Geetuu Gammachuutiin durfame Godina Iluu Abbaa Boor, Aanaa Alleetti kilaastara dammaa daawwateera. Barana inisheetiivii misooma dammaa milkeessuuf gaagura ammayyaa kuma 345 qonnaan/horsiisee bultootaafi dargaggoota gurmaa’aniif dhiheessuun dammi tooniin kuma 86 gabaaf dhihaachuu Obbo Geetuun ibsaniiru
Akka Oromiyaatti bara 2016tti haala mijaawaa naannichi omisha dammaatiif qabu qabatamaan hojiirra oolchuuf dhiheessii gaagura ammayyaa gara miliyoona tokkootti guddisuun dammaa toonii kuma 113fi 921fi gagaa toonii kuma torbaafi 81 omishuun dinagdee misooma dammarraa omishtootaafi biyya fayyadamaa taasisuuf karoorfamee hojiitti galamuu Obbo Geetuun ni dubbatu.
Qonnaan bultoonni, dargaggoonniifi waldaaleen IMX hojii boonsaa misooma dammaarratti hojjechaa jiraniif deggarsa ogeessiifi hoggansi sadarkaan jiran taasisaa jiraniif galateeffatanii, galma omisha dammaa biyya alaatti baay’inaafi qulqullinaan erguuf qabame milkeessuuf caalaatti hojjetamuu akka qabus hubachiisu.
Daawwannicharratti bulchaan godinichaa Obbo Indaalkaachoo Tafarii akka ibsanitti, godinasaaniitti barana gaagura ammayyaa kuma 29fi 36 raabsamuufi bara 2016tti immoo gaagura kuma 135 dhiyeessuuf hojjetamaa jiraachuu ibsu. Dargaggoonni waldaan gurmaa’anii dammaa kilaastaraan misoomsaa jiranis fayyadamoo ta’uufi damma qulqullinasaa eeganii alatti erguu jalqabuufi ammas kana caalaa misooma dammaa babal’isuuf muuxannoo qaban dargagoota kaaniif qooduun akka hojiitti galaniif fakkeenya ta’aa akka jiran himu.
Saamraawiit Girmaatiin
BARIISAA SANBATAA Adoolessa 29 Bara 2015
4 Comments to “ Inisheetivoota ijoo damee qonnaa”
Comments are closed.