Imala waggoota sadii turizimii naannichaarratti jijjiirama qabatamaa fidaa jiru

Finfinnee: Komishiniin Turizimii Oromiyaa (KTO) waggaa sadan har’aa kan hundaa’e yoo ta’u, yeroo kana keessattis qormaatawwan kanneen akka weerara Koviid-19, waraana idil addunyaafi biyya keessaatiin qoramus jijjiirama qabatamaa damicharratti fidaa jiraachuudha komishinichi kan ibse. Imala waggoota sadii komishinichaarratti miidiyaaf ibsi kennameera.

Komishinariin KTO Lalisee Dhugaa ibsa kennaniin akka jedhanitti, komishinichi erga hojiitti seenee reefuu waggoota sadii ta’uus yeroo kana keessatti galiin qarshii biliyoona 15 argamuufi baay’inni turstii biyya keessaafi alaa miliyoona 9.5 qaqqabuu ibsaniiru. Keessumaa gama yaa’insa turistiitiin lakkoofsi turistii biyya keessaa yeroodhaa yerootti dabalaa jiraachuufi turistoonni biyya alaa kuma 235 ta’an biyya alaarraa dhufuun naannicha daawwachuu himu.

Waggoonni sadan xumuraman kanneen komishinichi akka marsaa tokkooffaatti kan qabatee hojjetaa ture ta’uu kaasanii, boqonnaa imala haaraa ittiin jalqabamu ta’us ibsu. Fuuldurattis hojiin turizimii naannichaa guutuutti garasaaniitti waan dhufeef bu’aa caalu galmeessuuf xiiqiifi kutannoodhaan hojjetama jedhaniiru.

Gama turizimiitiin Oromiyaarratti tiraansifoormeeshinii dijitaalawaa dhufuu eeranii, qabeenya turizimii naannichi qabu karaa dijitaalaatiin namoota beeksisuun danda’amuu kaasanii, keessumaa hojiin ‘Visit Oromia’ waliin walqabatee hojjetame akka fakkeenyaatti kan ka’u ta’uu eeru. Misooma hawata turizimiin walqabatee waggoota shan keessatti bakkeewwan hawataa 10 misoomsuufi torba ammoo kanneen jiran haareessuuf karoorfamee, pirojektii maaddiin biyyaaf jedhuun hojii Haroo Wanciirratti hojjetamu dabalatee bakkeewwan haaraa sadiifi haareessa afur hojjechuu ibsu.

Akka ibsa komishinarii kanaatti, gama carraa hojii uumuutiin waggaa shan keessatti demee turizimiitiin carraa hojii kuma 500 banuuf karoorfamee haala biyyaafi addunyaarraan kan ka’e hamma karoorfame hojjetamuu baatuus kallattiidhaan kuma 30fi alkallattiin kuma 200 oliif carraa hojii uumuun danda’amuu dubbatu.

Komishinarri Ittaanaa Komishinichaa Naggaa Wadaajoo gamasaaniin, KTO erga hundeeffamee hojiiwwan ijoo shan jechuunis; misooma hawwata turizimii, gabaa turizimii beeksisuufi dhaadheessuu, dijitaalaayizeeshinii, michoominaafi maddisiisa leecalloo akkasumas gahumsa dhaabbilee turizimii mirkaneessuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jiraachu himu. Kanneen keessaas leecalloo gara miliyoona 130 ta’u walitti qabamuuf yaalamuufi kanaanis Magaalaa Bishooftuutti Wiirtuu Ga’oomina Turiistii Mootummaa Jarman waliin ta’uun ijaaruuf karoorfameera.

Gama dijitaalaayizeeshinitiin mosaajiwwan addaddaa misoomsuun ifoomsuu, suurawwan kuma torba ta’an moosaajiiwwan irratti fe’uufi kuma 300 guutuu Oromiyaarraa walitti qabuu danda’amuu dubbatu.

Daarektarri Olaanaa ‘Ijaa Developers’ Injinar Biraanuu Tasfaayee gamasaaniin, dhaabbati Ijaa abbootii sheerii shaniin qarshii biliyoona afuriin hundeeffamuu kaasanii, erga hundaa’e waggaa tokko ta’uufi keessumaa misooma haaromsa bakkeewwan hawata turizimirratti jalqabbii gaariirra jiraachuu himu.

Kaayyoon hundeeffama dhaabbatichaas, paarkiiwwan ijaaruu, wiirtuuwwan kalaqaa babal’isuu, riil isteetiiwwan ijaaruufi dhaabbata ‘tour and travel’ sadarkaasaa eeggate hundeessuu ta’uu eeru.

Saamraawiit Girmaatiin

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 29 Bara 2015

Recommended For You