“Hojiin kalaqa yunivarsitichaa qaroomina Oromiyaa Lixaa haala calaqqisiisuun hojjetamaa jira” -Doktar Lataa Tasfaayee

Finfinnee: Xiyyaara nama maleessa (diroonii) dabalatee bu’aaleen kalaqa garagaraa Unvarsiitiin Dambi Dolloo kalaqe calaqqee qaroomina Oromiyaa Lixaa kaleessaa ta’uu pirezidaantiin yunivarsitichaa ibsan. Komii kanfaltii durgoofi hojiiwwan dabalataa ilaalchisee barsiisota biraa ka’us furuuf hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Pirezdaantiin yunvarsitichaa Doktar Lataa Tasfaayee Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennanin akka jedhanitti, bakki hundeeffama yunivarsitichaa; Oromiyaan Lixaa jalqabbii barumsa ammayyaa biyyaattiif wiirtuu ta’uun qaroomina kaleessaa, qulqullina barnootaa akkasumas fayyadamummaa hawaasa naannawichaa giddugaleeffachuun hojii hojjeteen umrii gabaabaa keessatti beekamtii guddaa gonfateera. Kun ammoo jalqabbii barumsa ammayyaan walqabatee qaroomina kaleessa ture mul’isuuf shoora mataasaa taphata.

Qaroominaafi dandeettii kalaqaa hawaasa keessa jiru gara yunivarsitichaatti fiduun akkasumas, namoota dandeettii kalaqa qabaniif leenjii dandeettii gabbisuu kennameen bu’aa olaanaan argamuu himanii, dhaloota jalaan dhufu qaruuf manni barumsaa modeela ta’eefi tajaajila wal’aansaa barbaadamu hawaasaaf kennu hospitaalli rifeeraalaa Dambi Dolloo yunivarsitichaan hogganamaa jiraachuu yaadachiisaniiru.

Dirooniin muummee gabbisa teknolojii yunivarsitichaan hojjetameefi sadarkaa biyyaattii dinqisiifame fuulduratti akka biyyaatti gabaaf kan dhiyaatu ta’us omishaafi omishtummaa qonna godinichaa dabaluuf farra aramaa biifuurraa eegalee nageenya midhaanii to’achuufi hordofuu keessatti bal’inaan hojiirra oolchuuf sochiin taasifamaa jiraachuu eeru. Diroononni shiboo elektirikaa citeefi walitti bu’ee balaa ibiddaa uumu suphaniifi furmaata hatattamaa laatan akkasuma nageenya magaalaa to’atanis kalaqamuusaanii ibsaniiru.

Kana malees, yunivarsitiin kun maashina haala salphaan nyaata beeyiladaa qopheessu, jenereetaroota saffisaan hojjetan, maashina halluu ibsaa mana keessaa to’atuufi bu’aqabeessummaa baajajii elektirikii dabalan kan hawaasa naannawaa salphaatti tajaajilan kalaquu himanii, omishtummaa qonnaa dabaluuf sanyii filatamaa midhaaniifi beeyladaarratti qorannoo adeemsisuun dabalata sanyii qurxummii filatamaa horsiisuun qonnaan bulaa godinichaaf raabsaa jiraachuu ibsu.

Haala nageenyaan walqabatee Doktar Lataan akka jedhanitti, yunivarsitichi namoota ilaalcha garagaraa qaban sadarkaa godinichaarra darbee akka addunyaattuu kan tajaajilu waan ta’eef ija hamaan ilaalama amantaa jedhu hinqaban. Hundeeffamni yunivarsitichaas gaaffii hawaasaa waggoota 50 oliin kan dhugoomedha. Kanumarraa ka’uun hawaasni godinichaa hawaasa yunivarsitichaan walta’uun akka dhalasaatti eegaafi kunuunsaa jira.

Komii kaffaltii durgoofi hojiiwwan dabalataa barsiisotni yunivarsitichaa kaasan ilaalchisee, komiichi sirrii ta’uufi taateen akkasiis darbee darbee kan mudatu ta’uu himanii, rakkinichis hanqina maallaqa callaa akka biyyaatti jiruun kan walqabatu akka ta’eefi rakkichatti furmaata laachuuf hojjetamaa jiraachuus ibsaniiru.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 29 Bara 2015

Recommended For You

5 Comments to “ “Hojiin kalaqa yunivarsitichaa qaroomina Oromiyaa Lixaa haala calaqqisiisuun hojjetamaa jira” -Doktar Lataa Tasfaayee”

  1. Pingback: click over here

Comments are closed.