Finfinnee: Dhageettii Itoophiyaan biyyoota alaa biratti qabdu haala guddina dinagdeefi siyaasa keessoosheen kan murtaa’u ta’uu Hayyuun Siyaasaafi Miseensi Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Doktar Diimaa Nagoo ibsan. Haala amma jiruun Itoophiyaaf miseensa gurmuu ‘BRICS’ ta’uurra warra Dhiyaa faanaa tarkaanfachuun filatamaadhas jedhaniiru.
Doktar Diimaan Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf akka ibsanitti, gurmuun sirna dinagdee Biraazil, Ruusiyaa, Indiyaa, Chaayinaafi Afrikaa Kibbaa (BRICS) gurmuu egeree malee kan waan hundumaa xumureefi of danda’e miti. Gurmuun kun dhiibbaa warra Dhihaarraas bilisa waan hintaaneef Itoophiyaan miseensa gurmuu kanaa ta’uufi ta’uu dhiisuunshee hagas mara miidhaas ta’e faayidaa hinqabu.
Miseensa gamtaa kamii ta’uu caalaa dhageettiifi fudhatamni Itoophiyaan biyyoota alaa biratti qabdu guddina dinagdeesheefi siyaasa keessoorratti waan hundaa’uufis sanaaf xiyyeeffannoo addaa kennuu qabdi jedhanii; haala qabatamaa amma jiruun garuu Itoophiyaaf kan wayyu warra Dhihaa faana tarkaanfachuu akka ta’es hubachiisaniiru.
Itoophiyaan guddina dinagdeen ta’uu baatus dhiibbaa siyaasaan addunyaarratti dhageettii qabaachaa turuushee kan yaadachiisan Doktar Diimaan; 1960moota keessa sochii barattootaan walqabatee raafama siyaasaa biyyattii erga mudatee as dhageettii siyaasaa Itoophiyaan biyyoota biratti qabdu gad bu’aa dhufuu dubbataniiru.
Dhiibbaa biyyi tokko addunyaa keessatti qabdu sirna dinagdeefi siyaasa jabaarratti hundaa’a jedhanii; gurmuu ‘BRICS’ kan taate Chaayinaan sirna dinagdee jabaa waan qabduuf doolaara Ameerikaa bira darbuun maallaqaa mataasheen Sawud Arabiyaarraa boba’aa galchuuf waliigaltee mallatteessuushee himaniiru. Itoophiyaan garuu miseensa gamtaa feete ta’uufi waan feete murteeffachuuf karaa dheeraan akka ishee hafu ibsaniiru.
Itoophiyaan gamtaafi biyyoota kami waliin yoo tarkaanfatte dantaashee gonfachuu dandeessi kan jedhu imaammata sirriin lafa kaa’amuu qaba kan jedhan hayyuun kun, gaaffii miseensummaa ‘BRICS’ Itoophiyaan dhiyeessiteef fudhatamummaansaa dhimma gara fuulduraatti murtaa’u ta’us hariiroon warra Dhihaa waliinii garuu dhimma murteessaa ta’uu hubachiisaniiru.
Akka isaan jedhanitti, kaayyoon gurmuu ‘BRICS’ dhiibbaa dinagdee warra Dhihaa maqsuudha. Miseensi gurmuu kanaa Biraaziliifi Indiyaan michoota jaboo warra Dhihaa ta’uunsaanii imala gurmuu kanaaf qormaata guddaa ta’uunsaa waan hafu miti. Gurmuun kun of danda’ee dhaabbachuuf waan baay’eetu isa hafa waan ta’eef dhawataan of danda’ee sirna jabaa diriirsaa deemnaan biyyoota moora warra Dhihaa jala jiran jajjaboon baasuunsaa waan hinolleef warra Dhihaaf dhukkubbii mataa ta’uu mala jedhu.
Yeroo ammaa biyyootni dinagdee jabaa qaban kanneen akka Sawud Arabiyaa, Imireetii Araboota gamtoomaniifi Aljeeriyaan miseensa gurmuu kanaa ta’uuf abbalaa jiraachuus eeraniiru.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
BARIISAA SANBATAA Adoolessa 29 Bara 2015
3 Comments to “ “Dhageettii Itoophiyaan biyyoota alaa biratti qabdu dinagdeefi siyaasaa keessootiin murtaa’a” -Doktar Diimaa Nagoo”
Comments are closed.