Akkuma warqiin abiddaan qoramee faaya gatijabeessaafi miidhaginaa ta’u, dhalli namaa bu’aa ba’ii hadhaa’aa keessa darbee gara jireenya milkaa’inaatti ba’uunsaa waan oolu miti. Kanaaf hadhaa’aan jireenyaa qoraasuma dhalli namaa ittiin ulamee urgaa’u, ichima dhalli namaa ittiin dandeettiisaa cimsuun faajjii injifannoo dhuunfatuudha.
Addunyaan kun buburreedha, kaan simattee duuniyaan badhaasti; kaanimmoo jifattee gadadoodhaan dhamaasti. Kan kutannoodhaan hadheeffatee qabsaa’e tulluu hiyyummaa yoo diigu, kan abdii kutatee hiyyummaaf harka kennatemmoo dhufaa darbaa harka namaa ilaalchisuunshee waan oolu miti.
Dureessi biyya Chaayinaa Jaakmaa Aliibaabaan maatii harkaqal’eeyyiirraa kan dhalateeafi baratee lafa hiriyyaansaa qaqqabe ga’uuf daran dhaama’us, irra deddeebbiin kufus abdii kutannaa isa mudateen nama hinta’u jedhee mul’ata jijjiiramaa isa keessa jiru hinmaseensine.
Akkuma yoo kun cabe kanaan jedhamu mul’ata jijjiiramaa keessasaa bule milkeeffachuuf kufee ka’ee, bu’ee ba’ee har’a dinagdee addunyaa raasuu danda’u dhuunfatee hiyyummaa seenaa gochuun dhalootaafis ta’e biyyaaf kanamalees addunyaa birootiif fakkeenya ta’aa jira.
Dubbistootaa, seensa barreeffama keenyaa kana keessatti waa’ee gatijabeessummaa albuuda warqii kaasneerra. Warqiin albuudota gati jabeessa abidda keessa darbee gatiinsaa daran olaanaa ta’eefi miidhaginaaf barbaadamuudha.
Maxxansa keenya Fuula Qarreefi Qeerroo kanaan waa’ee shamarree hadhaa’aafi gubaa jireenyaa hedduuf osoo hinjilbeeffatiin miira nidanda’amaafi mul’ata jijjiiramaa keessashii buleen kuftee ka’aa hadhaa’aa jireenyaa mogolee nama buusu hurreessuun dargaggoota birootiif faajjii injifannoofi ibsaa tulluurraa ta’aa jirtuu isin dubbisiisna; waa’ee Shamarree Birqee Gassee.
Shamarree Birqeen Abbaashee qonnaan bulaa Gassee Jabanaafi Harmeeshee Aadde Xaafashee Atoomsaarraa Godina Horroo Guduruu Wallaggaa, Aanaa Coomman Guduruu, Ganda Gabatee 01 dhalatte.
Yeroo umriinshii barnootaaf ga’us harkaqal’ummaarraa kan ka’e ishee barsiisuu waan hindandeenyeef gara Godina Wallagga Bahaa, Aanaa Saasiggaa, Ganda Lalisaa Bareedaa Mana Barnootaa Sadarkaa 1ffaa Lalisaa Bareedaa jedhamutti kutaa 1ffaa hanga 8ffaa walakkeessaatti eessumashii bira teessee barachuu kaasti.
Sana booda kutaa 8ffaa seemistara 2ffaa Mana Barumsaa sadarkaa 1ffaa Walqixxee Guddannaatti ministirii fudhattee avereejii 82 galmeessisuun gara kutaa 9ffaatti darbuu himti.
Maatii bira erga dhuftee hadhaa’aan jireenyaa daran itti hammaachuu kan kaastu Shamarree Birqeen, yeroo boqonnaasheetti hojii humnaa hojjechaa nama boruu ta’uuf miira kutannootiin carraaqaa turte.
Barnootashii kutaa 9ffaafi 10ffaa Mana Barnootaa Sadarkaa 2ffaa Gabateetti (Aanaa Guduruu) kan baratte yoo ta’u, qophaa’ummaa ammoo Kombolchatti hordofte.
Jireenyi gadadoo manatti ganamuma ishee qabe ammas daran hadhaa’aa waan ta’aa dhufeef qabsoo jalqabde milkeeffachuuf yeroo boqonnaasheetti hojii humnaa (dhagaa baachuun), armaataa guutuun nyaata, dhiyeessiiwwan barnootaafi kiraa manaa of danda’aa imalashii ittifufuu dubbatti.
Shamarree Birqeen kutaa 1ffaarraa kaastee hanga 8tti sadarkaan cimtuu ta’uu yoo kaastu, wayita sadarkaa 2ffaa hanga qophaa’inaa barattus hojii humnaa ijaarsi manaa gaggeeffamu hojjechaa dhiyeessiilee barnootaa bitachaa bari’uu lafaa eegaa turuu himti.
Wayita dhagaa baachaa, biyyoo guuraa hojii humnaa hojjetaa turtetti dhukkuba kaleefillee saaxilamuu eertee, mul’atnikoo osoo hinmilkaa’iin karaattan hafaa laata ilaalchi jedhus ishee hubaa turuu dubbatti.
Kanaafimmoo sababa kan ta’eef wayita wal’aansa kaleetiif mana yaalaa deemtutti kaleenshii hubamuu hanga oppireeshinii ta’uuttillee deemuu akka danda’u isheetti himamuus ni kaasti.
Hadhaa’aan jireenyaa kanishee qoraa ture Birqeen, osoo rakkoo kanaaf hinjilbeeffatiin kutaa 12ffaa gargaarsa maatiifi firaan ala dhukkubashii danda’aa qabxii 366 fiddee Yunivarsiitii Asoosaa seentee barumsa dhaabbata olaanaa eegaluuf carroomtus maaliinan deema? Eenyutu nagargaara? Gaaffiin jedhu sammuushii qoraa turuu nutti himteetti.
Egaa akkuma osoo goondaan hindhufiin daaraa sararatu jedhamu hamma yunivarsiitiin waamicha taasisuufiitti hojii humnaa baadiyyaa keessa deemtee guyyaatti qarshii 70 walitti qabachaa wantoota muraasa ishee barbaachisan guuttattee jireenya gadadoo dukkanaa’aafi hadhaa’aa fuuldurashiitti tulluu ta’ee mul’ataa tureen wal’aansoo qabuuf karaa buute.
Akkuma Iyyaarikoon iyyaan diigame jedhamu tulluun hiyyummaa durakoo dhaabate cichanii tattaaffachuudhaan hurraa’uu akka danda’u beekeen mudhiikoo hidhadhee maatii harkaqal’eessa addunyaa kanatti ishee fidetti nagaa dhaammachuun imalashii gara Naannoo Beenishaangul Gumuz, Magaalaa Asoosaa, Yunivarsiitii Asoosaatti taasisti.
Birqeef jireenya badhaadhaa jiraachuun mul’atashii ta’us akkuma kan manaa naqabe ari’ee naqaqqabe jedhamu hiyyumni mogolee ishee gaadi’ee karaatti ishee hambisuuf sakaallaa itti ta’e erga yunivarsiitii seentees biraa hinhafne, ittuu hammaachuun qormaata itti ta’e.
Ta’us miirri kutannaa ishee keessa jiru daran olaanaa waan ta’eef harkakennachuurra yeroo boqonnaasheetti hojii humnaa hojjechaa turtii yunivarsiitiishii miidhagsuuf kuftee ka’aa turte.
Sanbataafi Dilbata hojii humnaa hojjechaa yeroo kan barnootashii hordofaa olka’insashii eegaa turte. Kaleessa jireenyi gadi ishee qabee achi jirtaashiillee kan gaafatu dhabamee dagatamtee turte. Gaafa guyyaan ga’u har’a ibsaa tulluurraa taatee ofirra dabartee dargaggoota moodeela irraa baratamu taate.
Birqeen seenaa addaa hojjechuun harka tokkoon barnoota isa kaaniin tulluu deegaa diigdee kabajaaf geesseetti. Qondaaltonni mootummaa adda addaafi Pirezidaantiin Yunivarsiitii Asoosaa hoggantoota Muummee Ingiliffaarraa badhaasa olka’inashee mul’isu, meedaaliyaawwan lamaafi waancaa tokko akkasumas bilbila ismaartii dhuunfatteetti.
Akka hayyoonni jedhanitti, hiyyumni hiyyuma caalu hiyyuma sammuuti. Kan Shamarree Birqee qoraa ture garuu hiyyummaa sammuu osoo hintane kan duuniyaa ture.
Maatiinshii ijoollee torba qaban keessaa barnoota baratee kan milkaa’e ishee qofa ta’uu kaastee, warreen kaan abdii kutannaarraa kan ka’e barnootasaanii addaan kutanii ammallee baadiyyaatti jireenyaan wal’aansoo walqabaa jiraachuu himti.
Shamarreen tun Sanbataafi Dilbata hojii humnaa hojjechaa barnootashee Yunivarsiitii Asoosaarraa sagantaa idileetiin barana sadarkaadhaan xumurtee, badhaafamte.
Guyyaan eebbashii kun isheef boqonnaa jijjiiramaa ijjishii tokko jedhee milkaa’ina arguu jalqabe yoo ta’u, Muummee Ingiliffaarraa qabxii olaanaa, 3.943 galmeessiste.
Qabxiin isheen galmeessiste kun waan addaa ta’uusaatiin Yunivarsiitiin Asoosaa digrii lammaffaa akka barattuuf carraa kan kenneef yoo ta’u, iskoolaarshiippiinis kan kennameef ta’uu dubbatti.
Kaleessa eenyuyyuu shamarree tana hinbeeku ture. Har’a garuu bakka hayyoonniifi hawaasni Yunivarsiitii Asoosaa, akkasumas qondaaltonni mootummaa argamanitti badhaasa injifannoo fudhatteetti, beekamtiis goonfatteetti.
Dhumarrattis jireenyi qabsoodha kan jettu Shamarree Birqeen, dargaggoonni haala keessa jiraniin otoo abdii hinkutatiin ykn hingufatiin gara milkaa’inaatti ce’uuf tattaaffachuu akka qaban gorsiti. Keessumaa warri barnootasaanii xumuranii eebbifaman hojii barbaacha yeroosaanii gubuun maatiitti ba’aa ta’uurra miira hojii tuffannaa keessaa ba’anii hojiin milkaa’uun akka danda’amu narraa barachu qabu jetteetti.
Waasihun Takileetiin
BARIISAA SANBATAA Adoolessa 29 Bara 2015
5 Comments to “ Birqee Gassee: Shamarree qaxalee hojii humnaa hojjechaa Ingiliffaan qabxii 3.943 galmeessiste”
Comments are closed.