Finfinnee: Bara bajataa 2015tti ijaarsa hidha haaroomsa guddicha Itoophiyaaf hirmaannaa ummataatiin qarshiin biliyoonni 1.4 walitti qabamuu Waajjirri Qindeessaa Pirojektii Hidha Haaroomsa Itoophiyaa Guddichaa beeksise.
Waajjirichatti Ittaantuu Daarektaraa kan ta’an Aadde Fiqirtee Taammir ibsa addatti Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin akka jedhanitti, bara bajataa 2015tti hirmaannaa ummataatiin ijaarsa hidha kanaatiif gurgurtaa boondii biyya keessaatiin qarshii biliyoona 1.1, daayispoorarraa qarshii miliyoona 40.1, erga barreeffamoota gaggabaaboon qarshii miliyoona 146, kennaa garaagaraatiin qarshii miliyoona 113 walitti qabamuu ibsaniiru. Walumaagalatti erga hidhichi eegalamee hanga Caamsaa bara 2015tti qarshiin biliyoona 18.3 walitti qabameera.
Qaqqabummaa babal’isuufi hirmaannaa hawaasaa dabaluuf hojii magaalota gurguddoo 58 keessatti hojjetameen hirmaannaa ummanni milkaa’ina ijaarsa hidhichaaf taasisu dabaluu eeranii, maallaqni hirmaannaa hawaasaatiin bara kana walitti qabamees yeroo walfakkaatu kan bara bajataa 2014 waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu fooyya’aa ta’uu ibsaniiru.
Bara kana nageenyi fooyya’aan jiraatus, rakkoon waldhabdee darbee darbee kutaalee biyyattii adda addaa keessatti uumamuufi laafinni hojii kominikeeshinii hudhaalee pirojeektichaa akka ta’an Aadde Fiqirteen eeraniiru. Keessattuu Naannoolee akka Affaar, Tigraayifi kutaalee Naannoo Amaaraa tokko tokkotti ummatarraa qarshii walitti qabuuf qormaatni tokko tokko waajjiricha mudachu himu.
Ijaarsisaas yeroo ammaa dhibbantaa 91 irra gahee jiraachuufi hojiin ijaarsa sibilaafi makaanikaalii dhibbantaa 76, hojiin ijaarsa haayidiroolikii dhibbantaa 67 xumuramuusu dubbataniiru.
Hojii hafe xumuruuf hirmaannaan hawaasaa dammaqinaan cimee itti fufuu akka qabu dhaamun, yunivarsiitiiwwan, miidiyaan hawaasaa, dippilomaatonnifi hayyoonni sochiifi hubannoo uumuu irratti akka hirmaatan Aadde Fiqirteen waamicha dhiyeessaniiru.
Taammiruu Raggaasaatiin
BARIISAA SANBATAA Adoolessa 29 Bara 2015
2 Comments to “Bara bajataa 2015tti Hidha Haroomsaa guddichaaf qarshiin biliyoona 1.4 walitti qabame”
Comments are closed.