Yunivarsitiin Arsii Atileet Qananiisaa Baqqalaaf doktireetii kabajaa kenne

Atileet Qananiisaa Baqqalaa ALA Waxabajjii 13, bara 1982 Naannoo Oromiyaa, Godina Arsii, naannawa Magaalaa Boqojjiitti dhalate. Boqojjiin iddoo dhaloota atileetota bebbeekamoo kanneen akka ijoollee Dibaabaa (Ijjigaayyoo, Xirunash, Ganzabee) fi Adaadaasaanii Atileet Gargaartuu Komiishinaraa Daraartuu Tulluuti.

Qananiisaan bara dorgommii waggaa 16 keessatti dorgommiiwwan biyyoolessaa 170 irratti kan hirmaate yoo ta’u, dorgommii fiigicha meetira kuma shaniirratti yeroo 56, meetira kuma sadiirratti yeroo 37, meetira kuma kudhanii tiraakiirratti yeroo 19, maaraatooniirratti yeroo 10, fiigicha meetira kuma kudhanii daandiirratti si’a ja’a, meetira kuma lamaarratti si’a shan, meetira kuma tokkoofi 500 irratti yeroo afur, kiiloo meetira 15 irratti yeroo sadii, walakkaa maaraatooniirratti yeroo lamaafi fiigicha maayila tokkoorratti al kudhan hirmaateera.

Atileet Qananiisaan dorgommiiwwan Olompikii, qaxxaamura biyyaa, Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa, Taphawwan Guutuu Afriikaafi Shaampiyoonaa Atileetiksii Afrikaarratti Itoophiyaa bakka bu’uudhaan medaaliyaa warqii 26, meetii sadii, nahaasa lama waliigalatti medaaliyaawwan 31 argamsiiseera.

Atileet Qananiisaan bara 2004 irraa kaasee fiigicha meetira kuma shaniin, bara 2005 irraa eegalee ammoo fiigicha meetira kuma 10n hanga bara 2020tti rikordii addunyaa qabatee ture. Atileetiin kun bara 2003 hanga 2011tti dorgommii fiigicha kuma 10tiin mo’amee hinbeeku. Atileetiin kun Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa bara 2009 irratti fiigicha meetira kuma shaniifi kuma 10nii irratti hirmaachuun tokkoffaa ba’eera.

Atileet Qananiisaan dorgommii maaraatooniin Beerliin Bara 2019 sa’aatii 2:01:41n xumuruun riikoordii Addunyaa lammaffaa qabatee jira. Riikoordii Maaraatoonii Addunyaa sa’aatii 2:01:39n qabatee kan jiru Atileetii Keeniyaa Eliyuud Kipchoogee dha.

Yunivarsiitiin Arsii sirna eebba marsaa 9ffaa torban har’aa adeemsifamerratti Atileet Qananiisaa Baqqalaaf doktireetii kabajaa kenneera. Atileet Qananiisaan bu’aa olaanaa damee atileetiksiirratti galmeessiseefi gumaacha sadarkaa biyyaa, ardiifi addunyaatti taasiseen doktireetii kabajaa kana argachuu akka danda’e yunivarsitichi beeksiseera.

Kanaan dura Gargaartuu Komiishinaraa Atileet Daraartuu Tulluu, Kumaalaa Hayilee Gabrasillaasee, Komaandar Xirunash Dibaabaafi Masarat Daffaar bu’aawwan damee atileetiksiin galmeessisaniin yunivarsitiiwwan adda addaarraa doktireetii kabajaa argachuunsaanii ni yaadatama.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 22 Bara 2015

Recommended For You

7 Comments to “ Yunivarsitiin Arsii Atileet Qananiisaa Baqqalaaf doktireetii kabajaa kenne”

  1. Pingback: jarisakti
  2. Pingback: naga356

Comments are closed.