“Wallagga lixaatti sochii ispoortii cimsuuf humna guutuun nihojjetama” – Obbo Salamoon Taammiruu

 Finfinnee: Godina Wallagga Lixaatti sochii ispoortii gama maraan cimsuuf caasaaleen gubbarraa hanga dakaatti jiran humna guutuun hojjechuu akka qaban Bulchaan Godinichaa beeksisan.

Bulchaan Godina Wallagga Lixaa Obbo Salamoon Taammiruu qorannoo raawwii hojii sektara ispoortii akka godinaatti jiru qaamota dhimmi ilaallu waliin erga taasisanii hanqinaafi cimina jiru adda baasuun kallattii fuulduraa kaa’aniiru. Haaluma kanaan ga’umsa dargaggoonni akaakuu ispoortii gara garaan qaban hedduu ta’us xiyyeeffannoon kennamuu dhabuun damicha miidhuu dubbatu.

Hudhaalee damichaa kanneen jedhaman keessaa bakki oolmaa dargaggootaa mijataa ta’e dhibuu, istaadiyoomii sadarkaasaa eeggate dhibuufi bajanni raawwachiistuu hojiif oolu gahaa ta’uu dhabuu qorannichaan adda ba’uu kaasu.

Hanqinoota kanneen furuun dhaloota ispoortiidhaan ga’umsa guddaa horatee Oromiyaarra darbee biyyasaa sadarkaa addunyaatti maqaa waamsisu horachuuf ciminaan hojjetamuu akka qabu ibsaniiru.

Isa kanaafimmoo ittigaafataamummaa guddaa fudhatee raawwachiisuu kan qabu caasaalee damicharra hojjetan waan ta’eef hunduu karoora hiixataafi xiiqii baafatee warraaqsa misooma ispoortii saffisiisuu qaba jedhaniiru.

Bakka oolmaa dargaggootaa mijeessuun walqabatee harkifannaan jiraachuu kan ibsan Obbo Salamoon isa kana hordoffii walirraa hincinne taasisuun milkeessuuf ni hojjetama jedhaniiru. Kilaboonii garagaraas akaakuuwwan ispoortii addaddaan bahanii ga’umsa horataniin misooma ispoortii cimsuu akka qaban haalli akka mijatu ibsu.

Kanamalees, gama bajataan keessumaa komiin adda addaa durgoon walqabatee ka’aa turuu eeranii, dhimma kanas gadi fageenyaan erga irratti mari’atamee booda fooyya’uu akka qabu murtaa’uu himu. Qamoleen abbummaan sochii misooma ispoortii kanarratti bobba’an aantummaan hojjechuu akka qabanis dhaamaniiru.

Gama biraatiin istaadiyoomii ammayyaa qabaachuun walqabatee hanqinni jira jedhanii, dhimmi kun furmaata akka argatuuf qaama dhimmisaa ilaallatu waliin kan hojjetan ta’uus hubachiisaniiru.

Sochii ispoortii akka godinichaatti aanota gara garaa keessatti gaggeffamaa ture jajjabeessaa ta’uu himanii, aanota adda durummaan misooma ispoortiirratti bu’aa galmeessisaniif badhaasaafi waraqaa ragaa kennaniiru.

Akka gabaasa Biiroo Dargaggoofi Ispoortii Oromiyaarraa argannetti Aanaan Ayiraa misooma ispoortiin hojii olaanaa hojjechuun waancaa badhaafamaniiru.

Kanamalees, Aanaan Boojjii Coqorsaafi Aanaan Gimbii waraqaa ragaa kan argatan yoo ta’u, hunduu misooma ispoortii nama dhuunfaarraa kaasee hanga addunyaatti biyya ofii beeksisuu danda’u milkeessuuf aantummaan hojjechuu akka qaban kallattiin taa’eera.

Ispoortiin madda bashannanaa qofa ta’uurra darbee madda galii akka ta’uuf ciminan hojjechuun murteessaa ta’uu kaasanii, qorannoo gaggeffameen Aanaan Noolee Kaabbaa madda galii olaanaa argamsiisuun waancaa fudhataniiru.

Misoomni ispoortii akka godinichaatti gaggeeffamaa jiru sadarkaa godinaa, naannoofi biyyaarra darbee addunyaarratti maqaa biyya ofii waamsisuuf karoora hiixataa ba’e xiiqiin galmaan ga’uuf hunduu tumsuu akka qabu dhaamaniiru.

Waasihun Takileetiin

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 15 Bara 2015

Recommended For You

6 Comments to ““Wallagga lixaatti sochii ispoortii cimsuuf humna guutuun nihojjetama” – Obbo Salamoon Taammiruu”

  1. Pingback: ragdoll kitten
  2. Pingback: braip oque é
  3. Pingback: Racial segregation

Comments are closed.