Sirna kenniinsa qormaataa cimee ittifufuu qabu

Biyya keenyatti keessumaa qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa haala sirnaafi naamusasaa eeggateen kennuun matumasaatiin qormaata olaanaa ture. Sababuma kanaan hanna dabalatee alseerummaawwan adda addaa teknolojiidhaan deggaraman bal’inaan raawwatamaa turaniiru.

Gocha badaa kanaan dhaloonni qaroon hedduu, maatiin akkasumas biyyi miidhaawwan adda addaatiif saaxilamaniiru.

Dhimma kana gadifageenyaan kan hubate mootummaan jijjiiramaa gocha alseerummaa qormaata kutaa 12ffaa irratti akka biyyaatti mul’atu sirreessuuf tarkaanfiiwwan adda addaa fudhachuutti seene, keessumaa bara 2014 irraa eegalee. Kanaanis qormaatichi yunivarsitiiwwan mootummaa qofatti akka kennamu ta’e. Mootummaan dhimma kanarratti karaa Ministeera Barnootaa gara hojii qabatamaatti gale.

Haala kenniinsa qormaata bardheengaddaarraa kaasee barana yeroo lammaffaaf kennamaa jirurratti yaadonni ijaaroofi onnachiisoon adda addaa kennamaa turaniiru, jirus.

Qormaanni biyyaalessaa kutaa 12ffaa haala kanaan hundaaf qixa, haqaqabeessaafi qaqqabummaa qabuun kennamuun pirotokolii yeroon gaafatuudha. Biyya guddisuufis ta’e quucarsuuf barnoonni qooda leencaafi murteessaa qaba.

Mootummaan baasii olaanaa ramaduudhaan qormaatichi dhaabbilee barnootaa olaanaatti akka kennamu taasisuunsaa mataansaa dhalootaaf hammam yaadaa akka jiruufi guddina biyyaatiif dhiphachaa jiraachuu kan agarsiisuudha.

Milkaa’inni damee barnootaarratti hawwamu guutummaatti akka dhufuufis sadarkaa dakaarraa kaasee bu’uurarratti xiyyeeffannaan hojjetamuu qaba. Barataan qormaata hatee darbe baratichuma mataasaatiif, maatiif, ummataaf darbees biyyaaf hinfayyadu.

Hanna mana barnootaatti amaleeffatee baheen boru maatiisaa, bultiisaa, naannawasaa, ummataafi biyyasaa hata. Adeemsa toorasaa gadilakkisee biyya miidheefi miidhaa jiru kana sirreessuuf tarkaanfiin mootummaan fudhate barsiisaafi daran murteessaadha.

Kanaan walqabatee bardheengaddaa adeemsichi haaraa ta’uurraa kan ka’e barattootaafi maatii biratti naasuu, sodaafi kkfn uumamee ture. Darbee darbees barattoota biraa haala to’annoo cimaa kana keessatti hinqoramnuufaa kan jedhan mudatanii turan.

Kan baranaatiif muuxannoo darbe qindeessuudhaan waan ittideemameef qormaatichi haala fooyya’ina qabuun kennamaa, barattoonnis fudhachaa jiru. Kanaafis Ministeerri Barnootaa galateeffatamuu qaba; keessumaa barana qormaatawwan riimeediyaaliifi bahiinsaa maddiitti kan kutaa 12ffaa kana marsaa lammaffaaf barattoota kuma 868f Adoolessa 19 hanga 21 akkasumas Adoolessa 25 hanga 28 bara 2015tti marsaa lamaan kennuun milkeeffataa waan jiruuf.

Kanaaf adeemsi kenniinsa qormaataa tokko, lama jedheefi sadarkaa barnootaa dakaa eegalee dadammaqinaafi ofitti amanamummaa uumaa jiru kun sirna ta’ee, imaammataafi seeraan utubamee cimee ittifufuu qaba. Barattoonnis waan facaasan haammachuuf of qopheessuu qabu.

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 22 Bara 2015

Recommended For You

8 Comments to “Sirna kenniinsa qormaataa cimee ittifufuu qabu”

  1. Pingback: blote tieten
  2. Pingback: situs toto
  3. Pingback: ventilator gaze
  4. Pingback: altogel
  5. Pingback: links

Comments are closed.