Finfinnee: Sagantaan ashaaraa magariisaa gara fuulduraatti biqiloota bosonaafi margaarratti xiyyeeffachuu qaba jechuun qorataan bosonaa Obbo Dachaasaa Jiruu beeksisan.
Qorataan kun ibsa addatti Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin akka jedhanitti, sagantaan ashaaraa magariisaa sadarkaa biyyaatti gaggeeffamaa jiru biqiloota bosonaafi margarratti yoo xiyyeeffatame bu’aansaa daran dabala. Biqilooti baadiyyaafi magaalaatti dhaabbatanis akka barbaachisummaa isaaniitti adda ba’anii dhabamuu qabu.
Biqiloonni bosona ta’uun roobni ga’aan akka argamu gochuu keessatti shoora olaanaa qabu. Hiddoonnisaanii bishaan harkisuu qofa utuu hintaane biyyee walitti jabeessuun biyyeen akka lolaan hindhiqamnefi hinsigigaanne taasisuun madaala sirnakkoo naannawaa eegisisa jedhaniiru.
“Madaalliin sirnakkoo kan eegamu yoo ta’e gabbina biyyeef gumaacha olaanaa qaba. Kana qofas osoo hintaane gaaddisnisaanii jiidha biyyee keessaa urkaan akka hingogne taasisuun gumaacha waan qabuuf sagantaan ashaaraa magariisaa biqiloota bosonaarratti xiyyeeffachuu qaba” jedhu.
Biqilooti margaas haaluma walfakkaatuun roobni samiirraa roobu lafa keessa akka seenufi burqaan bishaanii akka dabalu gochuun jiidha lafa keessaa akka dabalu waan fayyadaniif xiyyeeffannoon itti kennamee dhaabamuu qabu jedhaniiru. Kana malees, margi bakka biqiletti yoo goges lafarra ciisuun lafti akka hinho’ineefi biyyeen lolaan haramee akka hindeemne taasisuun gumaacha olaanaa waan qabuuf xiyyeeffannoo argachuu akka qabu gorsu.
Qorataan Bosonaa Obbo Dachaasaan akka jedhanitti, waliigala akka biyyaattis ta’e akka naannootti hongee ittisuufi biqiloota bosonaafi margaa misoomsuun barbaachisaadha. Biqilooti akka barbaachisummaasaanitti dhaabachuu yoo baatan lafa dheedichaafi qonnaa dhiphisuu danda’u. Kanaaf, akaakuufi bakka dhaabatanirratti ofeeggannoon taasisuun barbaachisaadha.
Raawwiin sagantaa ashaaraa magariisaa hanga ammaatti jiru ija qorataa kanaan wayita ilaalamu biqilooti baadiyyaafi magaalaatti dhaabbatan adda baasanii ilaaluurratti hanqinni waan jiruuf ilaalcha keessa galuu akka qabu dubbatu. Biqiloota bosonaa baadiyyaatti dhaabaman gidduu buna dhaabuun omisha bunaa akka dabaluufi lafa xiqqoorratti bu’aan adda addaa akka argamu akka taasisu kaasu.
Biqilooti bishaan hagam gadhiisu hagam ofkeessatti qabachuu akka danda’an ilaalchisee Waddeessa, Baddeessaa, Mooriingaa, Laaftoofi kanneen biroo waliigalaan biqiloota akaakuu kudhanirratti qorannoo gaggeessuu himanii, biqiltooti adda addaa faayidaa adda adda akka qaban hubachiisaniiru. Kanaaf, wayita biqilaan dhaabamu akaakuufi bakka dhaabbatan hanga isaan bishaan ofkeessatti qabatanii turan addaan baafachuun barbaachisaadha jedhu. Akka bu’aa qorannoosaanitti biqilaan Waddeessaafi Birbirsi bishaan baay’ee ofkeessatti qabatee hambisuudhaan sadarkaa olaanaa akka qabu ibsaniiru.
Sagantaa ashaaraa magariisaa raawwatamaa jiru fuulduratti daran saayinsawaa taasisuun bu’a qabeessummaansaa akka dabalu taasisuuf namootiin akkasaanii qorattoota bosonaa ta’an waldaan gurmaa’anii gorsa kennuun barbaachisaa ta’uu himanii, miidiyaanis yaadicha babal’isuun galtee qaama ilaallatuuf taasisuu qabu jedhaniiru.
Gammachuu Kadiriin
BARIISAA SANBATAA Adoolessa 22 Bara 2015
5 Comments to ““Sagantaan ashaaraa magariisaa biqiloota bosonaafi margarratti xiyyeeffachuu qaba” -Obbo Dachaasaa Jiruu”
Comments are closed.