Rakkoon dhiyeessii xaa’oo akka furamuuf qonnaan bultoonni gaafatan

Finfinnee: Rakkoon dhiyeessii xaa’oon walqabatu furamuufii akka qabu qonnaan bultoonni godinaalee Buunnoo Baddalleefi Iluu Abbaaboor gaafatan.

Qonnaan bultoonni kunneen addatti Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf akka ibsanitti, mootummaan xaa’oo isaaniif dhiyeessaa jiraatus fedhiifi dhiyeessiin waan walhinsimneef baasii guddaaf saaxilamaniiru.

Qonnaan bulaa Abdurraamaan Yesuuf jiraataa Godina Buunnoo Baddallee aanaa Baddallee ganda Qoolloo Sirrii yommuu ta’an dhiyeessii xaa’oorratti hanqinni bal’aan jiraachuu ibsu. Gandisaanii omishaafi omishtummaan beekamtus hanqina xaa’oorraa kan ka’e hangaa gad omishaa jiraachuu dubbatanii, xaa’oon alatti akka omishamuufi baasii olaanaan akka galu beekanis faddaaltotarraa gatii qaaliin bituuf dirqamuunsaanii beekamuufii akka qabu yaadachiisaniiru.

Lafa bal’aa qabanirratti ruuzii dabalatee omishaalee garagaraa bal’inaan omishuuf fedhii guddaa qabaachuu ibsanii, ta’us sababa hanqina xaa’oofi tiraakteera dhabuun fedhiinsaanii gar malee daangeffamuu ibsu. Hanga humnisaanii danda’e qonnaan bultoota biroo waliin gurmaa’anii qotiyyoon dabaree waliif qotaa jiraachuufi waan qaban gurguranii xaa’oo gatii qaaliin faddaalaarraa bitaa jiraachuu dubbatu.

Qonnaan bulaan gandichaa biroon Obbo Xa’aa Hajii gamasaaniin, hubannoo gama mootummaan uumameen omishtummaa guddisuuf dorgommii jabaa keessa galuu himanii, lafa hektaara tokkorraa omisha olaanaa argachuun dursa qabachuuf kunuunsa omishaaleerratti xiyyeeffannaan hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Omisha olaanaa argachuun kununsa qofa osoo hintaane xaa’oon daran barbaachisaa ta’uu kaasanii, qonnaan bulaan rakkoo dhiyeessii xaa’oo kan furu taanaan jireenyasaanii fooyyessuurra darbee gabaafuu omisha ga’aa dhiyeessuuf qophii ta’uu dubbataniiru.

Hogganaan Biiroo Qonna Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuu wayita omisha ruuzii godina Iluu Abbaaboor daawwatan haasaa taasisaniin, mootummaan seektara qonnaaf xiyyeeffannoo addaa kennuu eeranii; komii gama dhiyeessiin jiru dhawataan furuuf hojjetamaa akka jirus ibsaniiru. Hojii qonnaa kana cimsuufis godina Iluu Abbaabooritti waajjiira qonnaa ganda Beennaa 1ffaaf konkolaataa, bishikiliita mootaraafi maashina ruuzii calleessu yeroo dhiyootti dhiyeessuuf waadaa galuunsaanii ni yaadatama.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

 BARIISAA SANBATAA Adoolessa 22 Bara 2015

Recommended For You

7 Comments to “ Rakkoon dhiyeessii xaa’oo akka furamuuf qonnaan bultoonni gaafatan”

  1. Pingback: สล็oต PG

Comments are closed.