Finfinnee: Naannolee Sidaamaa, Harariifi Bulchiisa Magaalaa Dirre Dhawaatti calalliin hirmaattota marii biyyaalessaa xumuramuu Komishiniin Marii Biyyaalessaa beeksise. Sassaabbiin yaadota ajandaa marii biyyaalessaaf ka’umsa ta’an adeemsifamaa jiraachuunis ibsameera.
Komishinarri Komishinii Marii Biyyaalessa Doktar Yoonaas Adeeyi addatti Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf akka ibsanitti, Komishinichi hojii hirmaattota marii biyyaalessaa calaluu hanga ammaatti hojjeteen kan naannolee Sidaamaa, Harariifi Bulchiisa Magaalaa Dirre Dhawaa xumureera.
Mootummaa Naannoo Gambeellaafi Beenishaangul Gumuzitti leenjiin qaamota deeggarsa taasisanii waan xumurameef hojii hirmaattota addaa baasuu akkuma sagantaa taa’ee jiruutti baatii Adoolessaa keessa eegala. Dargaggoota, dubartoota, abbootii amantaa waliigalaan kutaalee hawaasaa sagal hirmaachisuun tokkoon tokkoon aanaaleerraa hirmaattota 500 hanga 550tti hirmaachisuun namoota lama lama akka adda ba’an ni taasifama jedhaniiru.
Naannolee Oromiyaa, Affaar, Sumaaleefi Tigiraayitti yeroo ittaanu keessatti hojiin hirmaattota adda baasuu akka eegalamu himanii; naannoo Tigraayitti qaamaan argamanii hojii eegaluuf bulchiinsa yeroo naannichaa xalayaan gaafatanii deebii eeggachaa akka jiran ibsaniiru. Komishinichatti Qindeessituun Kominikeeshiniifi Miidiyaa Aadde Beetalihem Kiroos gamasaaniin, Komishinichi hojii hanga ammaatti raawwateen naannolee tokko tokkotti guutummaan guutuutti xumuramuufi gariin ammoo xumuramaa jira jedhaniiru.
Haaluma kanaan, naannoo Sidaamaatti namoota kuma 22 dhiyaatan keessaa hirmaattota 830, Haraariitti namoota kuma 4fi 50 keessaa 405, Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dhawaatti namoota kuma 5fi 400 keessaa 540 adda ba’uun calalliin wayita xumuramu Ummattoota Itoophiyaa Kibba Dhihaatti gariin kan hinxumuramne ta’uu himaniiru.
Aanaalee 46 hojiin adda baasuu xumurametti hirmaattotni 828 adda ba’uu eeranii; aanaalee 57nitti gaafa xumuramu namoota kuma 26 himaatan keessaa hirmaattotni kuma tokkoofi 540 akka filataman dubbataniiru.
Haga ammaatti hojii hirmaattota adda baasuu raawwatameen namoota sadarkaa naannootti marii biyyaalessaarratti hirmaatan kuma 2fi 603 adda ba’aniiru.
Hawaasa diyaaspooraafi namoota caasaa alidilee keessa jiran hirmaachisuun marii biyyaalessaa bu’aaqabeessa taasisuuf hojjechuun kallattii xiyyeeffannoo komishinichaa ittaanu ta’uus hubachiisaniiru.
Gammachuu Kadiriin
BARIISAA SANBATAA Adoolessa 22 Bara 2015
3 Comments to “Naannolee lamaafi bulchiinsa magaalaa tokkotti calalliin hirmaattoti marii biyyaalessaa taasifame”
Comments are closed.