Kaampaaniin Albuudaa Keefii bara dhufu hojii eegala

Finfinnee: Kaampaaniin Albuudaa Keefii bara 2016tti Godina Wallagga Lixaatti hojii albuuda baasuu akka eegalu ibse.

Bulchaan kaampaanichaa Mistar Haarii Anagoostiras ibsa Kamisa darbe miidiyaaf kennaniin akka jedhanitti, kaampaaniin kun gara Itoophiyaa dhufee Ministeera Albuudaa wajjn waliigaltee mallatteessuun hojii qorannoo albuudaarratti erga bobba’ee waggoota kudhanii ol ta’eera.

Waliigalticha boodas Pirojeektii “Tulluu Kaappii” jedhamu hundeessuun haalduree barbaachisoo hunda xumuruun bara dhufuu hojii albuuda warqii qotuu kan eegalu ta’uu eeraniiru.

Kaampaanichi raawwii pirojekticha kanaatiif bajata doolaara miliyoona 500 ol ramadee socho’aa akka jiruufi hanga ammaatti doolaara miliyoona 80 ol hojiilee garagaraatiif baasii gochuu beeksisaniiru.

Kaampaanichi waggaatti albuuda warqii toonii shanii ol omishuu akka danda’us eeranii, pirojektiin kun naannawichatti hojii albuuda warqii baasuu hanga bara 2027tti ittifufiinsaan akka hojjetuuf waliigaltee mallatteessuu dubbataniiru.

Faayidaa hawwaasni naannawichaa kaampaanicharraa argachuu qabuun walqabatees Mistar Haariin akka dubbatanitti, kaampaanichi yommuu hojjettoota mindeessu harka 90n dhalattoota naannawichaatiif dursa kenna. Namootni 1000 carraa hojii ni argatu. Kaampaanichi naannawichatti manneen barnootaafi keellaawwan fayyaa ijaaruuf socho’aa jira.

Hojiin misooma albuudaa kaampaanii idil addunyaa kanaa hundi karaa dijitaalawaa ta’een waan raawwatamuuf alseerummaan albuudarra qaqqabu akka hinjiraannes eeranii, sochiin kamuu maaykirooskoppiidhaan hordofama jedhan.

Namoonni sababa pirojektichaatiin lafaafi qe’eesaaniirraa buqqa’aniif qarshii guddaa kaffaluu qofa osoo hintaane akka dandamataniifi dinagdeedhaan of danda’aniif leenjiin ogummaa garagaraa akka kennamuuf ibsaniiru.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 22 Bara 2015

Recommended For You

5 Comments to “ Kaampaaniin Albuudaa Keefii bara dhufu hojii eegala”

  1. Pingback: สล็oต PG

Comments are closed.