Gujiitti waldaaleen albuuda warqii baasuurratti gurmaa’an warqii kiilogiraamii 185 Baankii Biyyaalessaatiif dhiyeessan

Finfinnee: Godinni Gujii akaakuuwwan albuuda gara garaa 32 ol kan qabdu yoo ta’u, kana keessaa waldaaleen seeraan gurmaa’an 173 barana warqii kiilogiraamii 185 Baankii Biyyaalessaatiif dhiyeessuun ibsame.

Hogganaan Waajjira Misooma Albuuda godinichaa Obbo Nageessoo Waaqoo ibsa addatti torban darbe Dhaabbata Piresii Itoophiyaaf kennaniin, godinichi albuuda warqii akaakuuwwan albuuda garagaraan kan badhaadheedha jedhan. Dhaabbilee gurguddooon sadarkaa idil addunyaatti beekaman godinichatti hojii misooma albuudaarratti bobba’anii hojjechaa jiru. Kana malees, waldaaleen biyya keessaa 173 albuuda akaakuu garaagaraa baasuurratti bobba’anii jiru hojjechaa jiru.

Waldaaleen albuuda warqii baasuurratti hirmaatan bara bajataa 2015tti warqii kiilograamii 185 baankii biyyaalessaaf kan dhiyeessan ta’uu himanii, hangi warqii dhiyaate kun qabeenya warqii godinichi qabu waliin yoo madaalamu baay’ee gadaanaadha. Maashinota ammayyaa fayyadamuu dhabuun, deeggarsi gama mootummaan taasifamu gahaa ta’uu dhabuufi rakkoon nageenyaa sababoota omishaafi omishtummaa warqii akka xiqqaatu kan taasisan ta’uus eeraniiru.

Waldaaleen albuuda warqii baasuurratti bobba’an hanqina maashinootaarraa kan ka’e abbootii qabeenyaa garaagaraa waliin sharikaan hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Riifoormiin damee albuudaarratti eegalame hawaasa naannawaa fayyadamaa taasisuuf seeronniifi dambiiwwan gara garaa akka bocaman taasiseera. Damicharratti namoota kuma 10 oliif carraan hojii uumamuus eeraniiru.

Yeroo ammaa hojii albuuda akaakuu gara garaa baasuu haala hawaasa fayyadamaa taasisuufi naannawaarratti miidhaa hingeessifneen adeemsifamaa jiraachuu himanii, alseerummaa damee albuudaa keessatti mul’atu maqsuuf karaa qindaa’een qooda fudhattoota waliin tarkaanfileen garaagaraa fudhatamaa jiraatanis ammas taanaan hojiileen alseerummaa waan mul’ataniif qindoominaan irratti hojjechuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 22 Bara 2015

Recommended For You

8 Comments to “Gujiitti waldaaleen albuuda warqii baasuurratti gurmaa’an warqii kiilogiraamii 185 Baankii Biyyaalessaatiif dhiyeessan”

  1. Pingback: eft exploit
  2. Pingback: disposable
  3. Pingback: like this
  4. Pingback: fox888
  5. Pingback: lazywin888

Comments are closed.