Gandoota baadiyyaa Oromiyaa hundatti manneen barnoota Bu’uura Boruu ijaaramuufi

Finfinnee: Naannoon Oromiyaa bara bajataa 2016tti gandoota baadiyyaa hundatti keessatti Manneen Barnoota Bu’uura Boruu ijaaruuf akka ta’e Biiroon Barnoota Oromiyaa beeksise.

Hogganaa ittaanana biirichaa Obbo Girmaa Baay’isaa ibsa addatti Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin akka jedhanitti, naannichi bara bajataa kanatti hirmaannaa ummataatiin manneen barnootaa bu’uura boruu 4574 ijaaruuf karoorfatee socho’aa jira. Hanga ammaattis manneen barnoota akka ijaaramaniif karoorfaman keessaa dhibbantaan 12 ijaarsisanii eegalameera.

Bara 2010 irraa eegalee qorannoo manneen barnootaa 6000 irratti taasifameen haalli mana barumsaa sababoota qulqullina barnootaa gadibuusa keessaa isa guddaa ta’uu ifatti baruun dannda’ameera jedhan.

Kanamalees qorannoo taasifameen baadiyyaatti dhabamuun manneen barnoota bu’uura boruu sababoota rakkoo qulqullina barnootaa keessaa isa tokko akka ta’e adda ba’uus eeraniiru.

Akka ibsa Obbo Girmaatti, ijoolleen osoo mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa hingaliin mana barumsaa bu’uura boruutti yoo baratan salphaadhumatti waan baratan hubachuu danda’u. Kana yaada keessa galchuun manneen barnootaa bu’uura boruu baadiyyaa iddoowwan hundatti hawaasa qonnaan bulaas ta’e horsiise bulaa biratti waliin gahuuf xiyyeeffannoo addaatiin hojjetamaa jira.

Qorannoo kana bu’uura godhachuun bara 2013 akka naannootti manneen barnoota bu’uura boruu waliin gahuufi kanneen jiran immoo sadarkaasaanii fooyyessuf duulatti galame. Kanarraa ka’uun baruma kana hirmaannaa ummataatiin daree dabalataa kuma 30 ijaaruuf karoorfamee, dareewwan kuma 34 qarshii biliyoona shaniin ijaaruun danda’ameera jedhan.

Bara 2014ttis manneen barnootaa bu’uura boruu 3100 naannichatti hirmaannaa ummataa qofaan ijaaramaniiru.

Haaluma walfakkaatun bara 2015ttis manneen barnoota bu’uura boruu 6081 hirmaannaa ummataatiin kan ijaaraman yommuu ta’u, manneen barnootaa ijaaraman kunniin sadarkaasaanii kan eeggataniifi meeshaalee baruu barsiisuuf gargaaran hunda kan guuttataniidha jedhan.

Manneen barnootaa hamma kanaa ijaaruun milkaa’ina guddaadha kan jedhan Obbo Girmaan, naannichatti dhaloota barsiisuun ajandaa mootummaafi nama dhuunfaa ta’uunsaa iccitiin milkaa’ina biirichaati jedhan.

Kanamalees rakkinoota adeemsa baruufi barsiisuu keessa jiran furuuf qorannoofi qo’annootti iccitii milkaa’ina biirichaa isa lammaffaa ta’uus ibsaniiru.

Sochii ijaarsa manneen barnootaaf taasifamu keessatti hirmaannaan hawwaasaa, kan abootii Gadaafi kan abbootii qabeenyaa daran dabalaa akka jirus eeraniiru.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 22 Bara 2015

Recommended For You