“Gaafan biyyaa ba’e biqiltuu dhaabeen ba’e; biyya koo tajaajiluuf yoomuu qophiidha” – Atileet Fayyisaa Leellisaa

Finfinnee: Bara 2009 biyyaa ba’uun dura biqiltuu hedduu dhaabuusaafi ammas waan irraa eegamuun biyyasaa bilisaan tajaajiluuf qophii ta’uu Atileet Fayyisaa Leellisaa ibse.

Atileetiin kun addatti akka Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf akka ibsetti, naannawaa bosona yabbuun beekamtu keessatti waca shimbirrootaafi yaa’aa laggeenii dhandhamachaa guddate. Bosonni yabbataan inni loon keessa tiksaa guddate sun yeroon booda manca’uunsaatti gadduun osoo gocha mootummaa cunqursaa ADWUI mormee biyyaa hinba’in dura biqiltuu hedduu dhaabuu danda’eera.

Ammas waan qabuun biyya tajaajiluuf qophii ta’uu ibsee, dargaggoonni kaaniis biyyasaanii roga maraan hiyyummaa keessaa baasuuf yeroo kamuu caalaa xiiqeeffatanii hojjechuu akka qaban dhaama.

Biyya rakkoo walxaxaa keessa turteefi jirtu kana olkaasuun kan danda’amu tajaajila lammuummaa mootummaan labse qofa osoo hintaane tumsaafi kutannoo nama hundaa barbaachisa kan jedhu Atileet Fayyisaan, haa ta’uutii, mootummaan misooma mitii biyya itti fufsiisuufuu haala rakkisaa ta’ee keessatti hojii misoomaa jajjabeessaa hojjetaa jiru karaa guutuun milkeessuuf namni hunduu dirqama lammummaasaa ba’uu akka qabus yaadachiiseera.

Akka inni jedhutti, hojiin tajaajila lammummaan hojjetame jajjabeessaa ta’us baay’eetu hafa. Hundaa ol, dargaggoon Oromoo ol jedhee deemuuf gad cabee hojjechuu qaba. Abbootiin qabeenyaas qofaa osoo hintaane aadaa waloon hojjechuu gabbifachuu qabu. Jiraachuufi jijjiiramuuf hojiin kamuu tuffatamuu hinqabu. Ilaalcha siyaasaan garaagarummaan jiraatus biyya utubuuf qixa hiriiruun barbaachisaadha.

Agadaa gurguraa akkasumas ganna wayita boqonnaa Finfinnee dhaqee hojii guyyaa hojjechaa barachuusaa himee, har’a garuu namootni baay’een biyya hambaatti hojii gadaanaaf karaa seeraan fiiguurraa kan hafe biyya keessatti hojjetanii jijjiiramuu danda’amutti sababa hojii filuun bara hiyyummaa ofitti dheeressaa akka jiranis qeeqeera.

Kaleessa dhiibbaa siyaasaa tureen miirri biyya jibbuufi lagachuun bal’inaan tureera kan jedhu Atileet Fayyisaan, har’a garuu hiyyummaa yoo ta’e malee dhiibbaafi cunqursaan biyya nama jibbisiisu waan hinjirreef humna waloon hojjetanii jijjiiramuuratti fuuleffatamuu qabas jedheera.

“Bakkuma itti dhalannee guddanne yoo ilaalle rakkoon hawaasummaafi dinagdee bal’aatu jira waan ta’eef yoo xiqqaate waan qabnuun achumaa ka’uun rakkoo biyyaa furuuf yaaluun tarkaanfii tokko,” jechuun namootni biyya keessaafi alaa tajaajila lammummaaf xiyyeeffannoo akka kennan gaafateera.

Biyyaaf hojjechuun yoo dadhabameyyuu biyyattiitti ba’aa ta’uufi harka namaa ilaaluun hafee hojjetanii of danda’uun dirqama isa xiqqaa namni hundi ba’achuu qabuudhas jedheera.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 15 Bara 2015

Recommended For You

9 Comments to “ “Gaafan biyyaa ba’e biqiltuu dhaabeen ba’e; biyya koo tajaajiluuf yoomuu qophiidha” – Atileet Fayyisaa Leellisaa”

  1. Pingback: tải go88
  2. Pingback: videos

Comments are closed.