Baga gammaddan

Ammaan tana dhaabbileen barnoota olaanaa biyya keenyatti argaman barattootasaanii eebbisiisaa jiru. Keessumaa eebbi baranaa kanneen yeroowwan darbaniirraa adda; bara qormaanni bahumsaa dameelee barnootaa hundaan haala naamusa qabeessa ta’een ittikennamuu eegale waan ta’eef.

Kanaanis, dhaabbilee barnoota olaanaa mootummaa 48 irraa barattoonni kumni 84, 627fi akkasumas dhaabbilee dhuunfaa 171 irraa kumni 109fi 239 galmaa’anii kanneen keessaa dhaabbilee barnootaa mootummaarraa barattoonni kuma 77fi 981 ykn 592.15; dhuunfaarraa kumni 72fi 203 ykn % 65.87 walumaagalatti barattoonni kuma 150fi 184 qormaaticha fudhataniiru.

Barattoota kuma 48fi 632 dhaabbilee mootummaarraa qormaatichaaf ta’an keessaa % 62.37; kan dhuunfaarraa % 17.2 qabxii darbiinsaa 50fi isaa ol galmeessisaniiru. Waliigalaan barattoota kuma 61fi 54 qormaatichaaf taa’an keessaa % 40.65 qabxii darbiinsaa galmeessisuusaanii ragaan Ministeera Barnootaa ni ibsa.

Kun egaa ejjennoo cimaa mootummaan qulqullina barnootaa mirkaneessuuf qabatee hojjetaa jiruuf agarsiistuu guddaadha. Biyyiifi ummanni barnoota qulqullinnisaa eegameen ala damee kamiinuu guddatu waan hinjirreef hojii milkaa’aan damee kanarratti hojjetamu badhaadhina roga maraatiif utubaa cimaa ta’ee kan tajaajiluudha.

Barnoonni qulqulluufi sadarkaasaa eeggate furtuu rakkoolee hundaati. Kana mirkaneessuuf ammoo haaluma jijjiiramaa mootummaatii as mul’ataa jiruun qaqqabummaa barnootaa dhugoomsuu maddiitti qulqullinasaarrattis sadarkaalee bu’uuraarraa hanga olaanaatti sirnaawaa taasisaniifi imaammataan utubanii xiyyeeffannaan hojjechuun barbaachisaadha.

Eebbifamtoonnis, akkuma qormaata bahumsaa injifannoodhaan xumuran oggaa boqonnaa jireenyaa haaraa eegalan dameelee biyyaafi lammiisaanii fayyadan qofarratti bobba’uun hojii milkaa’aa biyyaafi hawaasasaaniirraa eebba dabalachuuf amanamummaa olaanaadhaan raawwachuuf injifannicha irra deebi’uuf of qopheessuu qabu.

Akkuma Pirezidaantiin RFDI Saahilawarqi Zawudee, “Barachuu jechuun jijjiirama amalaa fiduudha. Hammeenyarra gaarii, dukkanarra ifa, dogoggorarra isa sirrii filachuufi hordofuudha. Beekumsaafi muuxannoo argataniin ba’aa warra kaanii baachuu, lammiilee rakkoo keessa jiran utubuufi rakkinicha keessaa baasuuf tattaafachuudha” jedhan kana galaa guyyuu godhachuun hojiirra oolchuu qabu.

Akkasumas boqonnaan ittaanu isaaniif yeroo humna ofiitiin dhaabachuuf tattaaffii itti eegalaan ta’uu hubatanii otoo qormaata jireenyaa kamiifuu hinjilbeeffatiin ciminaan keessa darbuuf garanumaa of qopheessuun irraa eegama.

Dandeettii gonfataniin daandii milkaa’inaafi dhugaa qofaaf fayyadamuun amanummaafi gaarummaadhaan biyyaafi ummatasaanii tajaajiluuf of qopheessuu qabu. Bu’aan kun kan dhufe yeroo ofiitti sirnaan fayyadamuufi of kennanii hojjechuurraa waan ta’eef barsiifata gaarii kana jireenyasaanii ittaanu keessattis ittifayyadamuu qabu. Miira tajaajilummaa gonfachuunis irraa eegama.

Hunda caalaa barattoonni baranaa qormaata bahumsaa dameelee hundarratti seenaa barnoota olaanaa keessatti yeroo jalqabaatiif kenname, akkasumas bu’aa ba’iiwwan darbitanii of, maatiifi biyya tajaajiluuf eebbaaf qaqqaban mo’attoota ta’uu keessaniif baga gammaddan.

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 15 Bara 2015

Recommended For You

7 Comments to “ Baga gammaddan”

  1. Pingback: unieke reizen
  2. Pingback: sexy chat

Comments are closed.