Argannoowwan haaraa Seenaa Duraa (Prehistoric) aartii dhagaarraafi fakkiiwwan holqoota keessaa

Afrikaa, ardii namummaafi aartiin itti jalqabame

Jaarraa tokkoo ol dura oggaa Chaarlis Daarwiin Afrikaan bakka ka’umsa dhala namaa baay’ee ta’uu dandeessi jedhee falmu qofaa isaa ture.

Ergasii as, ogeeyyiin ‘paleoanthropologists’, waggaa waggaan, ragaa yaada Daarwin deeggaru baay’inaan argachaa jiru. Qabeenyi meeshaa fosiilii hominiidiifi kutaalee Afrikaa adda addaa hedduu keessatti argameera.

Afrikaan bakka argama dhala namaa ta’uusheetiif beekamtii kennuudhaan, Afrikaa Kibbaatti ‘Sterkfontein’dhaabbata hambaalee addunyaa galmeessu‘UNESCO’tti kan galmaa’e yoo ta’u, isheenis‘Cradle of Humankind’ jedhamuun beekamti.

Anaatoomiin namoonni ammayyaa akka keenyaa yoo xiqqaate waggoota kuma 150darbaniif Afrikaa keessa jiraachaa turaniiru. Awurooppaan garuu faallaa kanaatiin, yeroo kana keessaa kurmaana dhumaa qofaaf namoota anatoomiidhaan ammayyaa ta’an qabatteetti.

Warri Awurooppaa jalqabaa kunniin akkuma jiraattota jalqabaa Eeshiyaa, Awustiraaliyaafi Ameerikaa hundisaanii hidda dhaloota Afrikaa tokkorraa kan dhufan turan. Namoonni har’a lafarra jiraatan hundi hidda dhaloota kana qooddatu. Afrikaan kutaalee addunyaa kaaniif namummaafi teknolojii kennite. ‘Fossils’ teknolojii jalqabaafi meeshaaleen dhagaa Afrikaa keessatti kan argaman yoo ta’u, umriinsaaniis gara waggoota miliyoona lamaatti dhiyaata.

Garuu aartiin eessaa jalqabe? Kun gaaffii deebisuuf ulfaatuudha.Aartiin fakkeenyaa inni durii Faransaayitti holqa ‘Chauvet’ jedhamu keessatti argama. Innis waggoota kuma 33 dura ture. Afrikaatti aartiin fakkeenyaa durii Appooloo 11, bakka daangaa Naamibiyaafi Afrikaa Kibbaatti dhihoo jirurraa kan dhufeedha.

Ciccitoonni dhagaa dibame kuufama lafaa waggoota kuma 27 dura awwaalaman argameera.

Kun aartii haaraa kan Faransaayitti argamu caalus baay’eensaanii, bu’uura ilmaan namootaa ammayyaa Afrikaa keessatti guddatan irratti hundaa’uun dhumarratti ragaan aartii durii Afrikaatti akka argamu ALA Guraandhala, bara 2002tti namni Kiriis Heenshiilwuud Okeer jedhamu akka tilmaameetti fakkii ji’oomeetirii micciiramaa ta’een faayame argachuu beeksiseera. Barreeffama kana waggoota kuma 77tti haala konsarvaatiivii ta’een guyyaa itti kenne; dhugaa dubbachuuf hanga waggoota kuma100 ta’uu danda’a. Dhugaadha, kutaan kun osoo namni ammayyaa kamuu Awurooppaa keessa hin deemiin dura akka hojjetame beekamaadha. Kanaafis Afrikaan bakka dhala namaafi teknolojii qofa osoo hintaane, bakka aartiifi aadaan itti jalqabame ta’uutu mul’ata.

Aartii dhagaa dubbatoota Afaanota Naayilootikii, Afrikaa Bahaa

Itoophiyaa, Keeniyaa, Yugaandaafi Taanzaaniyaa kaabaatti kan babal’ate duudhaa aartii dhagaafi fakkiiwwan holqa keessatti dibameefi bocame kan bakka bu’iinsa istaayilii olaanaa loon gaanfa dheeraafi gabaabaa qabanirraa ijaarameedha. Sababa raabsa addaa kanaan qorattoonni aartiin kun abbootii warra Naayilootikii ammayyaa dubbataniin akka hojjetame amanu. Aartiin kun halluu gurraacha, diimaafi adii furdaadhaan kan bocame ykn qubaan kan dibameedha.

Yeroo muraasa keessatti, paanaalii fakkii loonii fakkiiwwan namaa muraasas of keessatti qabata. Ogummaa kana keessatti garaagarummaan naannawaa mul’atu tokko tokko jiru. Fakkeenyaaf, giddugaleessa Keeniyaafi Taanzaaniyaa Sarangeetiitti fakkii loonii mannaa fakkiiwwan maqaa looniifi gaachanasaaniitu baay’inaan argama.

Gareen akka Samburuu, Pokot, Turkanaafi Maasaayi ammallee maqaa walfakkaataa hedduu fayyadamu. Isaanis mallattoo abbummaafi bifa gaachana aartii dhagaa kana keessatti agarsiifaman. Aartii dhagaa kanaafi gocha sirna foon nyaachuu loltoota dhiiraa gidduutti walittidhufeenyi akka jiru agarsiifameera.

Bakkeewwan addaa, yeroo baay’ee fakkiiwwan holqaafi gaaddisa dhagaa, har’as sirnoota kanneen keessatti kan ittifayyadaman yoo ta’u, kana booda aartiin dhagaa hinhojjetamne. Haa ta’u malee, fakkiiwwan hedduun addatti haaraa ta’uusaanii yoo ilaalle, aartii hojjechuun hanga yeroo dhiyootti ittifufuunsaa hinoolu.

Aartii dhagaa Sahaaraa

Gammoojjiin Sahaaraa Afrikaa bal’innisaa iskuweer kiiloo meetira miliyoona shan caala. Lafa goggogaa ture, ammas jira. Haa ta’u malee, rooba dabaluu Dh.K.D bara 10,000–2500gidduutti dirree dhagaafi cirracha biqiltoota ‘steppe fi savannah’ deggaruu jalqaban, lageen goggogaa yaa’u, haroowwan duwwaan guutamaniifi gammoojjiin gaara bosona ta’uu arge. Bineensonni bosonaa lafa sana keessa kan babal’atan yoo ta’u, namoonni yeroo muraasa booda hordofan.

Bineensonni bosonaa akkasii, arba, ‘rhinoceros’, roobii(hippopotamu), Sattawwaa, ‘bosonuu (antelope’), Guchii, leencaafi bineensota adamsitoota biroo, bubalus (loon bosona), naacha(crocodiles) fi qurxummii kan dabalatu ture. Jalqaba namoonni nyaata bosonaa walittiqabuufi adamsuudhaan jiraatu turan. DhKD gara bara 5,000 booda loon manaa(domestic cattle) kan mul’atan yoo ta’u, hoolonni, re’oonniifi saroonni Eeshiyaa Xiqqoo irraa fidaman.

Naannawawwan adda addaa akkaataa jireenyaa adda addaa fayyadamu turan. Namoonni tokko tokko adamsitoota walittiqabuu, kaan horii tiksuu, kaan immoo qurxummii qabuu itti dabalaniiru. DhKD Bara Kiristiyaanaa yeroo muraasa dura gaalli Sahaaraa keessa seene.

Islaamummaan naannawaa caalaansaa bara 900 DhKD.Aartiin kun boca (petroglyphs) dhagaarratti ciccirameefi fakkiiwwan (pictographs) dhagaa gaaddisa qaburratti ‘pigment’ dibachuun kaafaman of keessaa qaba.Bocaan yeroo baay’ee seentimeetira 20 hanga 100 gidduutti kan safaru yoo ta’u, tokko tokko garuu meetira shan ol ta’a.

Fakkiiwwan yeroo baay’ee xiqqaa (5– 50cm), garuu daran muraasni meetira lama ol ta’u. Fakkiiwwan buruushiin ykn meeshaa biraatiin halluu tokko ykn isaa ol ta’een hojjetamaa turan. ‘Outline’ halluuwwan diriiraa oksaayidii sibiilaa, suphee, cileefi ‘liquid binders’ irraa hojjetamaniin guutamaniiru.

Bocni muraasni sararasaaniirratti halluu qabu. Bocni baay’inaan dhagaa gaaddisa qaburratti kan mul’atu yoo ta’ellee, tokko tokko daandiifi dhagaa guddaarratti kan bocameedha. Fakkiiwwan yeroo hunda jechuun ni danda’ama gaaddisa dhagaafi pirojekshinii dhagaa jalattiifi seensaa holqaatti argamu; tokkollee holqa gadi fagoo keessatti hinmul’atu. Aartiin hundi haala qilleensaatiif kan saaxilame yoo ta’u, akkasitti dadhaboofi suuta suutaan manca’aa deema.

Bocni fakkiiwwanii bal’inaan kan argamu yoo ta’u, lammaffaan baay’inaan argamu ‘Tassili’, gaarreen ‘Akakuiifi Ennediifi ‘Djebel Uweinat’ qofa keessatti. Aartiin dhagaa bifa tokko tokko bakka dhagaan gammoojjii itti argamu hundatti jechuun ni danda’ama.Aartiin dhagaa yeroo baay’ee gidaara/girgiddaa/ paanaalii (Panel/wall) guguddaa keessatti kan argamu yoo ta’u, fakkiiwwansaa bineensota bosonaa, beeladoota manaafi namootaan kan olaantummaa qabuudha.

Suuraan namootaa haala tartiiba yeroo agarsiisuu danda’uun agarsiifama. Fakkiiwwan namaa haala fakkeenyaafi gocha bal’aa keessatti mul’atu: fakkiiwwan tiksee, namoota uffata hinqabne, uffata faayaa uffatan, meeshaa waraanaa qabataniifi gaarii, farda, looniifi gaala yaabbatan ni argamu.

Fakkiiwwan bakka bu’ummaa ifa ta’an kana cinaatti fakkiiwwan fakkeenyaa ifa hintaane kanneen akka geengoo giddugaleessaa, ispiraaliifi dizaayinoota ji’oomeetirii walxaxaa ta’an ni argamu. Namni tokko suuraa hordoffii bineensotaafi namaa akkasumas qaawwa dhagaa sanatti lafa bu’e ni argama. Bal’inni teessuma lafaa baay’inaan kan hinmul’anne yoo ta’u, fakkiin biqiltootaa hinjiru jechuun ni danda’ama.

Guddina tartiiba yeroo aartii dhagaafi fakkiiwwan holqa keessaa

Qorattoonni umurii aartii dhagaa Sahaaraa isa jalqabaa ilaalchisee yaadota adda addaa qabu, garuu irra caalaansaanii tartiiba mataduree ykn akkaataa hundeeffamasaaniirratti waliigalu. Tokko tokkoon akkaataa raabsa teessuma lafaa mataasaa, tooftaa fakkii/bocuu adda ta’e, ciminoota adda addaa ‘patinas’fi tuuta addaa bineensotaa, namootaafi meeshaa waraanaa agarsiisa.

Naasir Ahmadiin (qorataa holqaa)

Ittifufa

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 15 Bara 2015

Recommended For You

6 Comments to “Argannoowwan haaraa Seenaa Duraa (Prehistoric) aartii dhagaarraafi fakkiiwwan holqoota keessaa”

  1. Pingback: Countertop paint
  2. Pingback: join Herbalife
  3. Pingback: chat rooms
  4. Pingback: Massage

Comments are closed.