Dacheen Shawaa Kaabaa biyya gootota Salaalee kanneen akka Jeneraal Taaddasaa Birruu, Agarii Tulluu, Hirkoo Tulluu, Jimaa Tulluu, Irreessaa Abbabaa Biqilaa, Wasanuu Didoo, Hayilamariyaam Gammadaafaa biqilchite seenaa uummata Oromoo keessatti bakka guddaa qabdi.
Gootonni kunniin Oromoofi Oromummaa cimsuun ala seenaa Itoophiyaa biyya keessaafi alatti olkaasuun injifannoo cululuqaa galmeessisaniiru.
Ummanni hinbaranne mirgasaatiif hinfalmatu jechuun dhiibbaa sirnoota darbanii jaarraa tokkoofi walakkaa oliif Oromootti ba’aa ta’aa turan ofirraa fonqolchuuf barnootatti cimuun murteessaa ta’uu Jeneraal Taaddasaa Birruu ummata hubachiisaa turan.
Tattaaffii gootota darbanii akka raacitiitti fayyadamuun Oromoon sirna jaarraa tokkoofi walakkaa oliif itti fe’amee ture ofirraa cabsuun qabeenyasaatti abbaa ta’eera. Mirgi ofiin of bulchuu, qabeenya ofiitti abboomuus mirkanaa’eera.
Ta’us ummanni Godina Shawaa Kaabaa gocha suukanneessaa qaamolee seeraan ala hidhatanii socho’aniin irratti raawwatamaa jiruun rakkachaa jiraachuudha Miseensi Caffee Oromiyaa Aadde Masarat Birihaanuu kan ibsan.
Dhimma kanaafi kkf irratti xiyyeeffachuun Gaazexaan Bariisaa Aadde Masarat Birihaanuu keessumaasaa maxxansa kanaa taasifateeraa dubbisa gaarii.
Bariisaa: Aadde Masarat Birihaanuu eenyu? Ummata aanaa kami bakka buutan?
Aadde Masarat: Godina Shawaa Kaabaatti Miseensa Caffee Buufata Filannoo Waacaalee Jiddaati. Kanamalees Bulchiinsa Magaalaa Shaggar, Kutaa Magaalaa Lafga Xaafoo Laga Daadhiitti Hoggantuu Waajjira Dhimma Dubartootaafi Daa’immanii ta’een tajaajilaa jira.
Bariisaa: Yaada yaa’ii idilee 5ffaa waggaa 2ffaa bara Hojii Caffee 6ffaa irratti kaastaniin aanaaleen Godina Shawaa Kaabaa dhabiinsa nageenyaatiin rakkoo keessa akka jiran kaastaniittu. Haalli qabatamaan naannawichatti mul’atu maal fakkaata?
Aadde Masarat: Akkuman yaa’ii Caffeerratti kaase aanaalee godinachaatti alseerummaan babal’ataa jira. Lammiileen bahanii galuu, daldalatanii of jijjiiruu, dhimma hawaas dinagdeetiif socho’uun yaaddoo itti ta’aa jira. Qaamoleen yaaddoo nageenyaa uumaa jiranimmoo kanneen seeraan ala hidhatanii socho’aniidha.
Bariisaa: Tattaaffiin qaamni nageenyaa, nageenya lammiilee eegsisuuf taasisaa jiru maal fakkaata?
Aadde Masarat: Humni nagaa lammiilee kabachiisuuf bobba’e gahaadha jechuun hindanda’amu, murnoonni kunniin aanaalee godinichaa adda addaatti faffaca’anii lammiilee nagaa ajjeesaafi saamaa jiru. Kun yaaddoo jiruufi jireenya jiraattotaa ta’aa jira.
Bariisaa: Kaayyoon murnoota kanneenii maalinni laata?
Aadde Masarat: Akeeknisaanii qabeenya ummataa hatuu, saamuu, nama ajjeesuu, kana malees ukkaamsanii qarshii gaafachuudha. Murnoonni kunniin mandheesaanii babal’ifachuun ummata hiraarsaa jiru.
Bariisaa: Aanaaleen Godina Shawaa Kaabaa jala jiran hammami? Isaan keessa hammamtu rakkina kanaaf saaxilame?
Aadde Masarat: Godinni Shaawaa Kaabaa aanaalee 14 qaba. Isaan keessaa kudhan rakkoo nageenyaa keessa jiru.
Bariisaa: Murnoonni seeraan ala hidhatanii socho’an kunniin erga nama ukkaamsanii maallaqa hammam gaafataa jiru?
Aadde Masarat: Waan nama ajaa’ibuudha. Qonnaan bulaa, takka takkammoo daldaltoota butuun ykn ukkaamsuun qarshii hanga miliyoona lamaa gaafataa jiru. Namni miliyoona lama kennee of oolchuu waan hindandeenyeef ajjeefamaa jira. Mootummaan qaamolee kanneenirratti tarkaanfii laalessaa yoo hinfudhanne haalichi egeree sirnichaatiifuu yaaddoodha.
Keessumaa aanaalee akka Dagam, Kuyyuu, Abooteefi Yaayyaa Gullalleefaatti rakkinichi waan hammaatuuf mootummaan birmachuu qaba.
Gochi suukanneessaan murnoonni hidhatanii socho’an raawwatan hanga reeffallee dhorkachuutti kan qaqqabeedha. Gochi hamaan kun furmaata argachuu qaba. Murnoonni seeraan ala hidhatanii naannawicha keessa socho’an dhabamsiisuuf humni gahaan bobba’uun qaba.
Bariisaa: Lammiileen sababa kanaan qe’eesaaniirraa buqqa’an jiruu?
Aadde Masarat: Kan si dhibu abbootiin qabeenyaa ofirra darbanii carraa hojii dargaggootaaf uumuu danda’an, kanneen jireenya giddugaleessaa jiraatan qe’eefi qabeenyasaanii gadhiisanii magaalatti baqataniiru.
Bariisaa: Shoorri ijaarsawwan akka gachaana sirnaafaa kanaan dura gurmaa’anii turanii dhimma nageenya mirkaneessuu keessatti akkamitti ibsama?
Aadde Masarat: Ijaarsi gaachana sirnaa, milishaan, poolisiin nageenya waloo lammiilee tiksuuf toorri xiyyeeffannoo kennamee hojjetamaa ture gaariidha. Ta’us humnasaaniitiin murnoota kanneen dhabamsiisuun ni ulfaata.
Sababnisaas yeroo ammaatti lakkoofsisaanii yeroorraa yerootti dabalaa jira. Saamichi ittifufeera. Kanaaf murnoota kaneen dhabamsiisuuf raayyaa ittisaa ykn humna gahaa bobbaasuun nageenya lammiilee tasgabbeessuufi sochiin hawaas dinagdee akka bakkatti deebi’u taasifamuu qaba.
Bariisaa: Sochiin hawaas dinagdee akka Godina Shawaa Kaabaatti jiru maal fakkaata?
Aadde Masarat: Godinichi omishaafi omishtummaa callaa gara garaatiin kan badhaadheedha. Kana malees omisha aannaniitiin maqaa qaba.
Bariisaa: Misoomni aannaniis ta’e midhaanii daran olaanaadha jedhama. Haala gama walitti hidhaminsa gabaatiin jiru akka bakka buutuu ummataatti maal taajjabdan?
Aadde Masarat: Dhugaa dubbachuuf omishni aaannaniifi midhaanii olaanaa ta’us daandiin mijataafi walitti hidhaminsi gabaa hanqina waan qabuuf fayyadmummaan qonnaan bulaa gadaanaadha.
Bariisaa: Rakkoon gama bishaan dhugaatiifi ibsaatiin jirus cimaa ta’uutu dubbatamaatii asirratti maal jettu?
Aadde Masarat: Shawaa Kaabaatti
aannan caalaa bishaantu gatii olaanaadhaan gurgurama yoon jedhe dubbii harbeessuu hinta’u.
Ummanni bishaan dhugaatii dheebotu aannan gatii guddaa baasuu danda’u gatii rakasaan gurguraa jira. Fakkeenyaaf ummanni Aanaa Jiddaa Finfinneerraa fageenya kiiloo meetira 30 hincaallerra taa’ee bishaan dheebota. Aannan immoo gatii rakasaan gurgura.
Sababiin kanaa karaan, geejjibni, ibsaafi walitti hidhamiinsi gaba dhabamuudha. Kanaaf rakkoolee kanneen furuurratti xiyyeeffannaan hojjetamuu qaba.
Bariisaa: Sararri bishaanii akka godinichaatti aanaalee gara garaatti argamu umurii dheeraa kan lakkoofsise ta’uudha hawaasni kan kaasu. Isin kanarratti maal jettu?
Aadde Masarat: Dhugaadha. Sararri bishaan dhugaatii aanaalee Godina Shawa Kaabaa jala jiran keessa jiru waggaa 47 kan lakkoofsiseedha. Baay’inni ummataa dachaan dabaleera.
Bishaan dhugaatii akka badhaasa guddaatti lakkaa’amaa jira. Sababnisaas iddoo tokko tokkotti bishaan jarikaanii abbaa liitira 25 qarshii digdamaan bitama.
Bariisaa: Kenniinsi tajaajila fayyaa jiru maal fakkaata?
Aadde Masarat: Tattaaffiin du’aatii hadholiifi daa’immanii hambisuuf eegalame jajjabeessaa ture. Ta’us tajaajilli daandii, geejjiba ambulaansii kana malees hospitaalli ammayyaa dhabamuun yaaddessaa ta’aa jira.
Gama kanaan akka godinaatti hojiin hojjetama jiru jajjabeessaadha. Haata’uutii haadholiin tajaajila si’ataa argachaa jiru jechuun ni ulfaata. Kanaaf ijaarsi bu’uuraalee misoomaafi hospitaalli sadarkaasaa eeggatee dhabamuun sababa guddaadha.
Akka godinaatti hospitaalota lama qofatu jira. Isaanis Hospitaalota Fiicheefi Muka Xuuriiti. Hawaasni Aanaa Warra Jaarsoo Dabrabirihan deemee wal’aanamuuf dirqama.
Ambulansiiwwan jiranis olii gadi fiiganii tajaajila saffisaa kennuurratti rakkoon nageenyaa isaan daangesseera. Kanumarraa kan ka’e du’aatii haadholii xiqqeessuun haala barbaadameen deemaa jira jechuun ni ulfaata.
Bariisaa: Kanaan walqabatee haalli gama dhiyeessii qorichaatiin jiruu hoo akkamitti ibsama?
Aadde Masarat: Dhiyeessii qorichaatiin walqabatee rakkoo guddaatu jira jechuun ni danda’ama. Faarmaasiin hawaasaa babal’atus qorichi keessa hinjiru.
Bariisaa: Hanqinoota irranatti eertan furuuf eenyurraa maaltu eegama?
Aadde Masarat: Godinichatti misooma hawaasa fayyadamaa taasisu babal’isuun barbaachisaadha. Aannan gatii gadaanaadhaan gurguranii bishaan dheebochuun, omisha midhaan nyaataa hedduu horatanii rakkoo walitti hidhamiinsa gabaatiin faddaaltotaan saamamuun hafuu qaba. Nageenya mirkaneessuufis xiyyeeffannaan hojjetamuu qaba.
Bariisaa: Shawaa Kaabaatti gatiin aannanii maaliif gadi bu’e?
Aadde Masarat: Akkuman irranatti sii kaase rakkoo daandiifi geejjibaan walqabatee walitti hidhaminsi gabaa laafaadha. Daldaltoota seeraan alaatu gatii gadi bu’aan irraa bitee Finfinnetti geessee qaaliin gurgurata. Kunimmoo horsiisee bultoota miidhaaf saaxilaa jira.
Kanaaf osoo giddugalli gabaa, daandiifi geejjibni mijatee ofirra darbee qaala’insa gatii gabaa tasgabbeessuu keessatti shoora olaanaa taphata jechuudha.
Gabaabumatti godinni Shawaa Kaabaa misoomawwan bu’uuraatiin duubatti kan hafte garuuummoo omishaafi omishtummaan qaala’insa gatii salphisuu kan dandeessu waan taateef xiyyeeffannoo kennuufiin barbaachisaadha.
Bu’uuraalee misoomaa daandii, ibsaa, bishaan guutuufiin omishnisaanii gabaaf akka dhiyaatu, gatii madaalawaan akka gurguratan, qaala’insi gatii gabaas akka fooyya’uuf shoora waan taphataniif irratti hojjechuun barbaaachisaadha. Ijaarsi daandii eegalamee addaan cite waan jiruuf otoo hojiinsaa ittifufee xumuramee gaariidhan jedha.
Bariisaa: Haalli gama bulchiinsa gaariitiin jiru hoo maal fakkaata?
Aadde Masarat: Kenniinsa tajaajilaatiin walqabatee harka keessa wal ilaaluun ni mul’ata. Hawaasni haqa qarshiin bitachaa jira. Kun hawaasatti ba’aa dabaluu waan ta’eef dhimma xiyyeeffannoo argachuu qabuudha.
Dhaabbilee mootummaa keessatti hanni, saamichi, loogiin ammallee jira. Kunimmoo amantaa hawaasni mootummaarraa qabu kan gadibuusu waan ta’eef osoo fooyya’ee gaarii ta’a.
Bariisaa: Rakkoo hojidhabdummaa dargaggootaa furuuf sochiin akka godinichaatti jiru maal fakkaata?
Aadde Masarat: Dhimmi kun bu’uuraalee misoomaa wajjin kan walqabatudha. Sababnisaas dargaggoonni irrajireessi dhaabbilee barnoota olaanaarraa eebbifamanii hojii malee taa’aa jiru.
Dargaggoota kanneen gurmeessuun hojiilee adda addaarratti bobbaasuuf tattaaffiin taasifamaa akka ture quban qaba. Kana caalaatti milkeessuuf ammoo bu’uuraaleen misoomaa kanneen akka ibsaafi bishaanii guutamuun dirqama.
Egaa dargaggoota hojidhabeeyyii gurmeessuufi mindeessa muraasaan xumuruun waan hindanda’amneef hojiileen akka paarkii indastiriifaan otoo babal’atanii gaariidhan jedha.
Fakkeenyaaf omisha aannanii achitti gatii dhabaa jiru qindeessanii gabaaf dhiyeessuun osoo jalqabamee carraa hojii addaa banuu danda’a.
Bariisaa: Tarsiimoofi imaammata qonna ammayyaa babal’isuu mootummaan gadi buuse hojiirra oolchuurratti Godinni Shawaa Kaabaa maal fakkaatti?
Aadde Masarat: Tarsiimoofi imaammata qonna amamayyaa babal’isuun walqabatee aadaan waggaatti yeroo lama omishuu babal’ateera. Omishaafi omishtummaan dachaan dabalaa jira.
Osoo rakkoon nageenyaa furamee jijjiiramni biyya fayyadu ni dhugooma jedheen abdadha. Rakkoon Hanqina callaa guddistuu hudhaa damicha booddeetti harkisu ta’aa waan jiruuf kunis otoo furamee gaariidhan jedha.
Mootummaan xiyyeeffannoo kennee dhiyeessii xaa’oorratti hojjetaa jiraachuu kan ibse yoo ta’u, biyya keessa galee dafee akka raabsamu taasisuu keessatti tarkaanfiin fudhatamaa jiru bareeda. Kana malees qonnaan bulaa keenyatti onnee kan horudha.
Bariisaa: Akka miseensa Caffeetti waldhabdee siyaasaa mootummaafi ABO Shanee mariin furuuf yaada caffeerratti Pirezidaantiin BMNO Obbo Shimallis Abdiisaa kaasan akkamiin ilaaltu?
Aadde Masarat: Waldhabdee mariidhaan furuun duudhaa Oromoo ganamaati. Akka fakkeenyaatti hundaa’uun mana murtii aadaa, marii ilaafi ilaameen walitti bu’insa furuuf yaaluun ammayyummaadha.
Sababnisaas baasii hinqabu. Meeshaa waraanaafi rasaasa bituuf baasii guddaatu baha. Mariin ABO Shaneefi mootummaa gidduutti eegalame akkasumas ibsi caffeerratti kenname otoo hojiitti hiikamee namatti tola.
Barisaa: Rakkooleen naannawa daangaa bulchiinsaatti mudatan akkamiin furamuu qabu jettu?
Aadde Masarat: Mootummoonni naannolee walittidhufanii mari’achuun furmaata guddaa argamsiisa jedheen amana. Si’ana humnaan osoo hintaane mariidhaan rakkoo furuutu barbaachisa.
Bariisaa: Haala guddina magaalotaatiin walqabatee jirurratti maal jettu?
Aadde Masarat: Guddina magaalotaan walqabatee kanneen guddachuu malan dagatamaniiru. Fiicheen, Magaalaan Muka Xuurii magaalota guddachuu qaban turan haata’uutii abbummaa dhabaa jiru yaanni jedhu ka’aa jira kun dhimma xiyyeeffannoo argachuu malu waan ta’eef irratti hojjetamuu qaban jedha.
Bariisaa: Sochii gama misooma barnootaatiin taasifamaa jirurraa maal hubattan?
Aadde Masarat: Hojiin gama misooma barnootaatiin hojjetamaa jiru dhaadannoo dhaloonni barate mirgasaatiif ni falmata jedhu kan hojiitti hiiku, dhaloota sababaan falmu, dhaloota sayinsiifi teknolojiin badhaadhe horachuu keessatti bakka olaanaa qabaata. Biiroon Barnoota Oromiyaa hawaasa kakaasuun manneen barnootaa Bu’uura Boruufi kaan hojjechuunsaa waan daran jajjabeeffamuudha.
Bariisaa: Bajata BMNO bara hojii 2016f ramadame qarshii biiliyoonni 221.5 sirnaan hojiirra oolchuurratti qaamolee raawwachiistotaarraa maaltu eegama?
Aadde Masarat: Raawwachiistonni imaanaa guddaan akka kennamee beekuu qabu. Haadholii bishaan dheebotantu jiru. Qonnaan bulaa ofii horii tiksee ilmaansaa barnootaaf ergutu harka isaan ilaalaa jira. Bajanni kun qisaasama tokko malee dhalootaaf tajaajila barbaachisuufi irraa eegamu kennuu qaba. Maallaqni kun dhibbantaa 65 galii gola maatii ummataa keessaa kan sassaabamedha malee arjoomamee miti.
Harki imaanaa hawaasaa hatu, sabbata harmeesaa akka hiikeetti of ilaaluu qaba. Akka waan gola abbaasaa diigeetti of madaaluu qaba. Kanaafuu ergama bajanni kun milkeessuu qabu irratti xiyyeeffannoon laatamee hojjetamuun fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuuf ooluu qaba.
Bariisaa: Turtii yeroo keessaniif guddaa galatoomaa.
Aadde Masarat: Isinis galatoomaa.
Waasihun Takileetiin
BARIISAA SANBATAA Adoolessa 8 Bara 2015
7 Comments to ““Waldhabdee mariidhaan furuun duudhaa Oromoo ganamaati” – Aadde Masarat Birihaanuu”
Comments are closed.