Finfinnee: Aadaafi duudhaan Oromoo lalisummaafi magariisummaa waliin hidhata jabaa akka qabu Abbaan Gadaa Maccaa Warqinaa Tarreessaa ibsan.
Abbaan Gadaa kun sagantaa ashaaraa magariisaa ilaachisee addatti Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf akka ibsanitti, magariisummaan falaasama jiruufi jireenya Oromoo keessatti gulantaa olaanaa waan qabuuf biqiltuu dhaabuufi kunuunsuuun duudhaa Oromoo ganamaati.
Oromoon mukkeen keessaa muka filee mukkeen akka birbirsa, danbii, ejersa, waddeessaafaa mukkeen ulfoo jedhee kan waamu ta’uu eeranii; mukkeen ulfoo kanneen muruun haa hafuutii qottoyyuu akka itti hin naanneeffanne hubachiisaniiru. Mukkeen ulfoo keessaa tokko kan ta’e muka odaaf Oromoon mukoota addunyaa kanarra jiran keessaa iddoo addaa qabas jedhaniiru.
Akka isaan jedhanitti, Oromoon odaa jalatti seera baasa, seera qajeelcha, seera lallaba. Oromoon muka birbirsaas itti irreenfata, Muka danbiifi heexoos Oromoon qoricha garaagaraatiif itti fayyadama waan ta’eef mukkeen kanneeniif jaalala addaa qaba.
Gaa’ila dura dargaggeessi yookiin durba gaa’ilaaf qophoofte heexoo dhugu. Kana malees, yeroo waraanaa namni gara waraanaa adeemu heexoo dhuga. Baalli muka danbiis qorichaaf daran barbaadama. Dhiirri yeroo fuudha deemu ejersa harkatti qabatee dhaqa. Akka aadaa Oromoottis mukkeen ulfoo kana baalasaaniillee irraa ciratu malee hundeerraa akka hinmurre ibsaniiru.
Mukkeen ulfoo kanneen yoo muraman gariinsaanii tasuma hinlatan, gaariinsaanii ammoo yoo muraman deebi’anii latuuf waggoota hedduu gaafatu jedhanii; hariiroo aadaan Oromoo magariisummaa faana qabu yoommuu ibsan, aadaafi duudhaaleen Oromoo kan raawwataman lafa jiidhaqabeessarratti ta’uu himaniiru.
Gumaa baasuufi seera muruuf iddoo magariisatti walgahu, bokkuullee yeroo baasan lafa magariisarratti baasu, Abbootiin gadaallee yommuu eebbisan lafa jiidhaarratti marga jiidhaa qabatanii eebbisus jedhaniiru.
Aadaa Oromoo keessatti biqiltuu dhaabuun daran jajjabeeffama kan jedhan Abbaan Gadaa kun; faayidaa biqiltuu dhaabuu Oromoon mammaaksaan yommuu ibsu “Waan gad dhaabantu nama dhaaba,” jedha, jedhaniiru.
Biqiltuu dhaabuufi kunuunsuun waan aadaa saba Oromoo ta’eef qofa osoo hintaane, gammoojjummaa hir’isuuf, faalama qilleensaa ittisuufi oomishafi oomishtummaa qonnaa dabaluuf daran kan gargaaru akka ta’e Abbaan Gadaa kun ibsaniiru.
Namni gara fuulduraatti biyya lallistuufi magariisa keessa jiraachuu barbaaduufi dhalootaaf biyya guddatte dhaalchisuu barbaadu hundi garaagarummaa kamiiyyuu yaada keessa osoo hingalchin duula dhaabbii biqiltuu Wiixata dhufu taasifamurratti argamuun hirmaannaa akka taasisu Abbaan Gadaa kun waamicha dhiyeessaniiru.
Taammiruu Raggaasaatiin
BARIISAA SANBATAA Adoolessa 8 Bara 2015
6 Comments to “ “Waan gad dhaabantu nama dhaaba” -Abbaa Gadaa Maccaa Warqinaa Tarreessaa”
Comments are closed.