Sochii bal’aa akka dhaloonni duudhaa ganamaatti deebi’uuf taasifameen bu’aan galmaa’eera

Mootummaan Naannoo Oromiyaa hojiilee hawaas dinagdeefi siyaasaa hojjetuun cinaatti aadaa, eenyummaa, seenaafi afaan ummatichaa akka cimuuf akkasumas bakkeewwan hawwata turizimii naannichaa akka beekamaniif xiyyeeffannaa olaanaadhaan hojjetaa jira. Gama kanaanis bu’aan jajjabeessaa kan argame ta’uudha Pirezidaantiin naannichaa Obbo Shimallis Abdiisaa Walga’ii Idilee 5ffaa Waggaa 2ffaa Bara Hojii Caffee 6ffaa irratti gabaasa miseensoota Caffeef dhiheessaniin kan ibsan.

Akkasaan jedhanitti, hojiiwwan seenaafi seenessa Oromoo qajeelchaniifi misooma aadaa irratti xiyyeeffannoo kennuun hojii hojjetamaa tureen bara kana misooma aadaa, seenaa, hambaalee, aartiifi ardaalee jilaa akkasumas beekumsa xabboo Oromoo eeguun walqabatee bu’aawwan gurguddoon galmaa’aniiru.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa dhimma qorannoo seenaa, afaan, aadaafi aartii Oromootiif xiyyeeffannaa guddaa kennuun bara kana mata dureewwan qorannoo 60 ta’an irratti hojiiwwan qorannoo gaggeeffamaa turuu eeranii, qorannoowwan gaggeeffamaa turaniinis kitaabonni jahaa maxxanfamanii ummata bira kan gahan yommuu ta’u, kitaabonni akaakuu saddeet ta’an ammoo hojiin isaanii xumuramee mana maxxansaa galuu ibsu.

“Iddoowwan ga’umsaafi hawwata turizimii beeksisuufi misoomsuun walqabatee hojiiwwan jajjabeessaan hojjetamaniiru. Hojiilee beeksisaafi dhaadheessa cimaa miidiyaa diijitaalaa, agarsiisa gara garaafi miidiyaa idilee fayyadamuun yaa’insi tuuristiifi galiin tuurizimii irraa argamu akka dabalu taasifameera. Haaluma kanaan; sagantaa Imala Oromiyaa labsuudhaan yaa’iinsa turistii biyya keessaa miliyoona 9.5fi turistii biyya alaa kuma 237 naannoo keenya akka daawwatan ta’een maallaqni qarshii biliyoona 9.8titti tilmaamamu naannoo keenya keessatti akka dhangala’u ta’ee jira” jedhu.

Qabeenyi uumamaa hawwata turizimii Naannoon Oromiyaa qabdu hedduu yoo ta’es, faayidaan gama kanaan argame sadarkaa barbaadamu irra kan hingeenye ta’uun isaa hubatamee, dhaabbileen tajaajila turizimii kennan naannicha keessatti akka babal’atan haala mijeessuu, qabeenya turiizimii naannichaa irratti qorannoowwan adda addaa gaggeessuun adda baasuu, misoomsuufi beeksisuun sektarichi madda dinagdeefi iddoo carraan hojii bal’aa itti uumamu akka ta’u kan hojjetamu ta’uu himu.

Akka ibsasaaniitti, haaromsa aadaa Oromoo jajjabeessuuf labsii hundeeffamaafi beekamtii manneen murtii aadaatiin manneen murtii aadaa jalqabaa gandoota kuma ja’aafi 232 irraa dhimmootni waldhabdee hawaasaa kuma 376fi 60 dhiyaatan keessaa kumni 326fi 428 (%86.8) karaa aadaafi duudhaa Oromootiin hiikamuun furmaata argachuu kan danda’an yommuu ta’u, manneen murtii aadaa oldabarfannaa 310 irratti dhimmootni kuma 15fi 540 dhiyaatanii kumni 13fi 429 (% 86.4) furmaata argataniiru. Walumaagalatti, bara kana manneen murtii aadaa irratti dhimmoota kuma 391fi 600 dhiyaatanii kumni 339fi 857 (%86.8) furmaata argataniiru. Kanaanis yeroofi maallaqni ummataa qarshii biliyoona 1.3 olitti tilmaamamu qisaasama irraa baraaramuu bira darbee; dhaloonni har’aafi boruu duudhaa Oromoo isa ganamaatti akka deebi’u sochiin bal’aa taasifameen bu’aa qabatamaa galmeessuun eegalamee jira.

Ummanni Oromoo duudhaa isaa ganamaatti deebi’ee akkaataa aadaa isaatti haqa akka argatuuf hojiin manneen murtii aadaa hundaa’anii jiraniin rakkooleen walxaxaa hawaasummaa akka furamaniif cimsuufi deggaruun gaaddisa murtii mijeessuu, dhimmoonni waldhabbii hawaasummaa karaa duudhaa seeraafi heera Oromootiin furmaata akka argatuuf ciminaan kan hojjetamu ta’us ni kaasu.

Ijaaramuufi diigamuu biyya tokkootiif gaheen dhaabbilee miidiyaa olaanaa ta’u kan himan pirezidaantichi, walhubannan gaarii mootummaafi ummata giddu akka jiraatu taasisuuf hojii hojjetamen, imaammata, tarsiimoofi karoora mootummaa irratti yaada, gaaffiifi komii ummata sassabuun, waltajjii maree komataafi komatamaa walitti fidu uumuudhaan hariiroo ummataafi ummataa cimsuu irratti hojiin bal’aan hojjetamaa turuu dubbatu. Haaluma kanaan, maqaa gaarii naannichaa ijaaruufi waliigaltee biyyaa uumuuf hojii hojjetameen, gochaa farrummaa miidiyaa keessaafi alaa maqaa gaarii naannichaa xureessuuf hojjetan, akkasumas odeeffannoo dharaa ummata burjaajessuun jibba uumuuf tamsaasan hordofuun hojiin bal’aa ta’e hojjetamaa tureera.

Baajatni akka Oromiyaatti yeroo yeroon ramadamu haala qabatama fedhii misoomaa ummatni gaafatuufi bal’ina Oromiyaan qabduun gahaa yoo hintaanees, waggoottan haaromsaan asitti xiyyeeffannaa duudhaaleefi aadaa Oromoo duriitti deebi’uun hawaasni misooma keessatti akka hirmaatu taasifamaa jiruun bu’aawwan guguddoon argamaa jirachuus ni eeru.

Haaluma kanaan hawaasni aadaafi duudhaa Oromoo gabbifatee naannoo isaa yeroo, humna, beekumsa, ogummaafi qabeenyaa qabuun bilisaan tajaajiluun jaalalli naannoo fi biyya isaatiif qabu caalaatti dabalaa kan dhufe ta’u kan himan Obbo Shimallis, bara 2015 kanatti hojii kenna tajaajila lammuummaa akaakuu garaa garaan tilmaama maallaqaa qarshii biliyoona 71.6 hojjechuuf karoorfamee biliyoona 72.2 (%101) tti tilmaamamu hojjetamuu ibsu.

Haaluma walfakkaatuun, aadaafi duudhaa walgargaarsaa hawaasa Oromoo kan ta’e Buusaa Gonofaan balaa namtolcheefi uumamaatin hawaasa miidhaman sirna ittiin gargaaran, deggaraniifi deebisanii ittiin dhaaban hojiirra oolaa jiruun, bara 2015 kanatti miseensota Buusaa Gonofaa miliyoona 11.4 (%102.2) horachuun, fandii Buusaa Gonofaa qarshii biliyoona 1.4 (%84) walittiqabuun danda’amuu ibsu.

“Ummanni Oromoo afaan, aadaa, seenaafi aartiin isaa akka dagaaguufi beekamu, akkasumas meeshaa walqunnamtii ta’uu bira dabree bu’aa dinagdeefi siyaasaa irraa akka argatu taasisuuf tarsiimoo warraaqsa aadaa bocameen haaromsi aadaa Oromoo kan gaggeeffamu yommuu ta’u, aartiin Oromoo guddina ummatichaafi ijaarsa biyyaa karaa tiksuun haaromsa hawwisoo 12fi sarkasii afur meeshaalee ammayyaafi teeknoolojiin irra gahe akka hidhatan taasisuun aartiin Oromoo karaa ummata Oromoo madaaluun dorgomaa taasisuuf xiyyeeffannaan kan hojjetamu ta’a” jedhu.

Duudhaa Oromoo ganamaatti deebi’uu eegaluu keenyaan walgargaarsaafi sirna misooma waloo ummata keenyaa jalqabamanii bu’aa olaanaa galmeessisaa jiran daran cimsuun kan ittifufu ta’u kaasanii, kenna tajaajila lammummaa hojiirra oolchaa dhufame daran gabbifachaa sosochii hawaasaa bal’aa ta’een hojii kenna tajaajila lammummaa qarshii biliyoona 91.9tti tilmaamamu raawwachuuf karoorfamuu ibsu.

Akkasumas; duudhaa walgargaarsa hawaasaa cimsuun balaa namtolcheefi uumamaa dandamachuuf miseensa buusaa gonofaa miliyoona torba horachuun waliigalaan gumaata buusaa gonofaa irraa qarshii biliyoona 2.28 horachuuf karoorfamuus Caffeef ibsaniiru.

Riippoortara Gaazexichaatiin

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 8 Bara 2015

Recommended For You

3 Comments to “ Sochii bal’aa akka dhaloonni duudhaa ganamaatti deebi’uuf taasifameen bu’aan galmaa’eera”

  1. Pingback: ไฮโล lsm99

Comments are closed.