Oromiyaatti hojjettoota ragaa barnootaa sobaatiin tajaajilaa turan kuma 12, Somaaleetti 700 irratti tarkaanfiin fudhatame

Finfinnee: Oromiyaatti barana qofa hojjettoota kuma 12 ol ragaa barnootaa sobaatiin tajaajilaa turanirratti tarkaanfiin seeraa fudhatamuu Biiroon Pablikii Sarvisiifi Misooma Qabeenyaa Namaa Oromiyaa beeksise. Ragaan barnootaa hojjettoota guutuu Oromiyaa qulqulleessuuf sochiin taasifamaa jiraachuus ibsaniiru.

Hogganaa ittaanaan biirichaa Obbo Yaa’iqoob Taaddasaa ibsa Dhaabbata Pireesii Itoophiyaatiif kennaniin akka jedhanitti, barana ragaa hojjettootaarratti sakatta’iinsa jabaa taasifameen namoota ragaa barnootaa sobaatiin faayidaa hinmalle argataa turan kuma 12 irratti tarkaanfiin hojiirraa gaggeessuufi bakka maluufitti gad buusuu fudhatameera.

Oromiyaan bara 2009 irraa eegalee duula ragaa barnootaa qulqulleessaa jiraachuus yaadachiisanii; osoo sakatta’iinsi hingodhamin hojjetaan matumasaatiin akka of saaxilu carraa kennameen hojjettootni ragaa barnootaa sobaatiin tajaajilaa turan 6,746 adda ba’anirratti tarkaanfiin fudhatameera jedhan.

Akka isaan jedhanitti, labsii lakkoofsa 24/20 bara 2015 ba’een hojjetaan tokko yakka sassaabdummaa kiraa jechuunis aangoo seeraan ala fayyadamee abbaa dhimmaa miidhu, matta’aa fudhatuufi ragaa barnootaa sobaatiin tajaajilu araarama tokko malee hojiirraa gaggeeffama. Hojjetaan kun eessattiyyuu akka hinmindeeffamneef ragaansaa hanga federaalaatti galmee gurraachaan hidhama.

Ragaa barnootaa hojjettoota guutuu Oromiyaa qulqulleessuuf sochii eegalameenis hanga ammaatti ragaalee hojjettootaa 4,445 dhaabbilee barnoota olaanaa mootummaafi dhuunfaa kanneen magaalota Naqamtee, Najjoofi Mojoo akkasumas aanaalee 14 godinaalee 14 keessaa filatamanirraa walittiqabaman teknolojiin deeggaramanii secca’aa jiraachuus Obbo Yaa’iqoob hubachiisaniiru.

Ittifayyadama humna namaatiin walqabatee yeroo ammaa Oromiyaan hojjetaa ga’aa, kuma 600 ol waan qabduuf hojjetaa jirutti qixa sirriin fayyadamuufi bu’aaqabeessa taasisuuf bakka hojiin baay’atutti tarsimoon hojjetaa sochoosuu hojiitti kan hiikamu ta’uus beeksisaniiru.

Haaluma walfakkaatuun, caasaa hojjettootaa naannichatti hojjetameen walqabatee namootni 700 ragaa barnootaa sobaatiin tajaajilaa turuufi baranas sochii taasifameen namootni ragaa barnootaa sobaatiin tajaajilaa jiran lama adda baasuusaanii kan eeran ammoo Hogganaa Ittaanaa Biiroo Siviil Sarvisii Naannoo Sumaalee Obbo Awwaallee Mahammadi.

Ragaa barnootaa sobaatiin hojjechuun, keessattuu seektara fayyaatti miidhaansaa daran balaafamaa ta’uu eeranii; osoo wal’aansa fayyaa hinbaratin waraqaa ogummaa bitachuun nama wal’aanuuf ija jabaachuun hunda caalaa yakka hamaadha jedhan.

Akka naannichaatti, namootni ragaa barnootasaanii sobaa ta’erratti yeroodhaa gara yerootti tarkaanfii fudhachuutti dabalee namootni kunneen eessayyuu deemanii hojjechuu akka hindandeenyetti galmee gurraacha /black list/ irratti galmaa’aa jiru.

Ragaan sobaa, barnoota malee karaa qaxxaamuraatiin hojii argachuu waan ta’eef dhalootni gatii barnootaa daran akka gad buusu taasisaa yaada jedhuun gaaga’ama karaa qaxxaamuraatiin hojiitti ba’uun dhufu maqsuuf ragaa sobaarratti qabsoo jabaan adeemsifamaa jira jedhan.

Akka isaan jedhanitti, hojii maanuwaaliin rakkoo ragaa sobaa jalaa ba’uun waan hin yaadamneef hojmaatni teknolojiidhaan deeggarame iftoomeera.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 8 Bara 2015

Recommended For You

4 Comments to “ Oromiyaatti hojjettoota ragaa barnootaa sobaatiin tajaajilaa turan kuma 12, Somaaleetti 700 irratti tarkaanfiin fudhatame”

  1. Pingback: Dan Helmer
  2. Pingback: klik dultogel

Comments are closed.