Finfinnee: Sababa rakkoo alseerummaan mindaan baatiilee sadiif nuu hinkaffalamne jechuun hojjettootni warshaa Fincaa’aa ibsan. Mootummaan rakkoosaaniif furmaata akka kennus gaafatan.
Nageenyaaf maqaan koo akka hindha’amne jechuun addatti Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf yaada kan kennan hojjetaa dhaabbataan warshichaa akka jedhanitti, alseerummaa warshicha keessatti dagaageen mindaan hojjettootaa osoo hinkaffalamiin baatii sadiifi isaa ol lakkoofsiseera. Hanga oduun kun qindaa’etti mindaan hojjettoota dhaabbataa baatii sadiif, kan hojjettoota humnaa baatii afuriif akka hinkaffalamne ibsaniiru.
Qaama seeraan hidhateen ugguramee saamichi warshicharra qaqqabe dhugaa ta’us mindaan hojjettootaa kan dhaabate ugguricha dura ta’uu eeranii, guyyaa mindaansaanii dhaabaterraa eegalee rakkoo hawaasummaa garagaraatiif saaxilamaa jiraachuu himaniiru. Mootummaan rakkoo hawaasa warshaa Fincaa’aaf furmaata akka kennus waamicha dhiyeessaniiru.
Hojjetaan humnaa warshichaa biraan nageenyaaf jecha maqaan koo akka hindha’amne jechuun yaada dabalataa kennan akka jedhanitti, mindaan hojjettoota dhaabbataa baatii sadiif, kan hojjettoota humnaaf kan baatii afuriif hanga ammaatti hinkaffalamne jedhaniiru. Sababuma kanaan hojjettootni rakkoolee hawaasummaa garagaraatiif saaxilamuu himanii; akka mootummaan furmaata kennuufiif gaafataniiru.
Hoji gaggeessaan warshichaa Obbo Mangistuu Hayilamaariyaam gamasaaniin, balaa Caamsaa 12 bara 2015 murna hidhateen warshicharra ga’een dokmantiin herregaa, chaappaa, kompiitara, cheekiin baankiifi meeshaaleen biroo barbadaa’aniiru jechuun ibsan. Baankiin naannawaasanatti argamu waan saamameef lakkoofsi herregaas cufameera jedhan.
Sababoota kanneeniin walqabatee rakkoo humnaa olii hoggansa warshichaa mudateen hanga haalli bakkatti deebi’utti mindaa hojjetaa kaffaluuf yeroo kan fudhatu ta’us mindaan hojjetaa dhaabbataafi humnaa hanga baatii Caamsaa gara baankiitti akka ergameedha ibsa Kibxata darbe dhimmicharratti kennaniin kan eeran. Kan baatii Waxabajjii hojjetaan hojii waan hingalleef maneejimantiidhaan ilaalamee kan murtaa’u ta’uus ibsaniiru.
Akka ibsasaaniitti, hojjetaa dhaabbiifi hojjetaa humnaa mindaan hinkaffalamneen kan baatii tokkoo qofa. Osoo balaan Caamsaa 12 warshicharra hinga’in alseerummaa warshichatti hidda gadifageeffateen mindaan hinkaffalamne jechuun komiin hojjettootni warshichaa dhiyeessan soba jedhaniiru.
Dura taa’aan waldaa hojjettoota giruuppii industirii sukkaaraa Obbo Guddisaa Dassaalanyi mindaan hojjettoota dhaabbiifi hojjetaa yeroo warshichaa kan baatii lamaa osoo hinkaffalamiif turuunsaa dhugaadha. Ta’us qaqqabsiisuuf hojjetamaa jiraachuu himanii; balaa baankiirra qaqqabeen kaffaltii raawwachuuf danqaa ta’eera jedhan. Warshichis hojjettoota kuma 12 ol qabaachuu hubachiisaniiru.
Gammachuu Kadiriin
BARIISAA SANBATAA Adoolessa 8 Bara 2015
7 Comments to “ “Mindaan baatii sadii nuu hinkanffalamne” -Hojjettoota “Mindaan baatii Caamsaa gara baankiitti ergameera” -Warshaa Sukkaaraa Fincaa’aa”
Comments are closed.