Finfinnee: Hanga baatii Muddee bara 2016tti loltoota hidhannoo hiikkatan kuma 75 deebisee dhaabuuf hojjetaa jiraachuu Koomishiniin Haaromsa Biyyaalessaa ibse.
Koomishinichi waltajjii marii Dhaabbilee Siviilii Hawaasaa waliin haala loltoota hidhannoo hiikkatan deebisanii itti dhaabuu irratti marii taasiseen, loltoota naannoo Tigiraayi hidhannoo hiikkatan kuma 50fi kanneen naannolee biroo kuma 25 hanga baatii Muddee bara 2016tti deebisee kan dhaabu ta’a.
Komishinarri Komishinichaa Ambaasaaddar Tashoomaa Toogaa waltajjicharratti akka dubbatanitti, loltoota hidhannoo hiikkachiisuufi deebisanii ummatatti makuun hojii mootummaa qofaaf dhiifamu osoo hin taane tumsa qaama hundaa fedha. Waltajjiin marii qopheessuun kan barbaachiseefis kanumaafi.
Hojiin hidhannoo hiikkachiisuu olaantummaan raayyaa ittisa biyyaan kan adeemsifamu ta’uu kan ibsan komishinarichi; komishinichi naannoleefi raayyaa ittisaa waliin wal ta’uun daataa loltootaa adda baasuufi qindeessuurratti hojjetaa akka jiru himaniiru. Haaluma kanaan, yeroo darbe gara Maqalee deemuun dunkaana/kaampii loltoonni kunneen keessatti leenjii ogummaa, qorqalbiifi siyaasaa itti kennamu adda baasuu ibsaniiru.
Angoon komishinichaaf yeroo waggaa lamaa qofa ta’uu ibsanii; hojii ulfaataa kana yeroo murtaa’e keessatti xumuruun rakkisaa ta’us dhaabbilee idil addunyaafi kutaalee hawaasaa garaagaraa wajjin walta’uun yaaliif loltoota kuma 75 hanga baatii Muddeetti deebisanii dhaabuuf sochiirra jiraachuufi kanneen kumaatamaan hafanis kan itti adeeman ta’uu hubachiisaniiru.
Rippoortara Gaazexichaan
BARIISAA SANBATAA Adoolessa 8 Bara 2015
5 Comments to “Komishinichi loltoota hidhannoo hiikkatan kuma 75 deebisee dhaabuuf hojjetaa jira”
Comments are closed.