Giddugalichi jireenya qonnaan bultoota misoomaaf kaafamanii jijjiiraa jira

 Finfinnee: Giddugalli Misooma Beeyladaa Qonnaan Bultoota Misoomaaf Qe’eesaaniirraa kaafamanii Finfinnee, Kutaa Magaalaa Aqaaqii, naannawa Koyyee Facceetti ijaarame jireenyasaanii jijjiiraa jiraachuu qonnaan bultoonni ibsan.

Giddugalichi Dheengadda Kantiibaa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeetiin eebbifamee tajaajilaaf ifa ta’eera.

Kutaa Magaalaa Nifaas Silki Laaftoo Aaanaa 01 irraa misoomaaf kan kaafaman Obbo Dirribaa Geetaachoo sirna eebbaa kanarratti Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf akka himanitti, giddugalichi abdii jireenyaa isaanitti horeera. Mootummaan deeggarsa qarshii miliyoona 1.5 mijeessuufiin fayyadamoo taasisuun ala bittaafi kunuunsa beeyladaarratti ogeessa beeyladaatiin deeggarsa ogummaa taasifamaa jira.

Sheedii kennameef keessatti saawwan aannanii 14 horsiisaa jiraachuu eeranii; fayyaan loonsaanii ogeeyyii giddugalichaatiin waan hordofamuuf omisha sadarkaasaafi qulqullinasaa eeggatte gabaaf dhiyeessuu eegaluus ibsaniiru.

Akka Obbo Dirribaan akka jedhanitti, giddugalichi qonnaan bultoota akkasaaniif abdii ta’uusaatiin bu’aan hanga ammaatti argame agarsiiftuudha. Dhuunfaattis ta’e akka waldaatti jijjiiramuuf kan nama onnachiisuudhas.

Kutaa Magaalaa Aqaaqiirraa qonnaan bulaan Masfin Baacaas gamasaaniin, giddugalichi jireenya qonnaan bulaa jijjiiruuf shoora guddaa qabaachuu ibsanii; mootummaan giddugala hundeesse qarshii miliyoona 1.4 akka argatan taasisuun sheedii kennameef keessatti lukkuu kuma sadiifi 311 horsiisaa jiraachuu dubbatu.

Deeggarsi ogeessaafi hoggansa giddugalichaan kennamaafii jiru gara fuulduraatti omisha sadarkaasaa eeggate gabaaf dhiyeessuu kan isaan dandeessisu ta’uus himanii; bu’aa horsiisa lukkuurraa argataniin jireenyasaanii jijjiiraa jiraachuu ibsaniiru.

Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee sirna eebba giddugalichaarratti argamuun haasawaa taasisanii akka jedhanitti, giddugalichi jireenya qonnaan bultoota misoomaaf qe’eesaaniirraa buqqa’an ittifufiinsaan deebisanii dhaabuurratti shoora olaanaa qaba.

Qonnaan bultoonni kunneen omisha sadarkaasaa eeggate omishanii gatii madaalawaan gabaaf dhiyeessuun qaala’iinsa kan tasgabbeessan ta’uu eeranii; jiraattonni magaalattii maaddii guutuu qooddachuuf kan gargaaru ta’uufi carraa hojii bal’aa dargaggoota naannawaa magaalattii jiraniifis kan uumu waan ta’eef waldaaleen giddugalichaa cimanii akka hojjetaniif waamicha dhiyeessaniiru.

Komishinarri Komishina Qonnaan Bulaafi Misooma Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Baayyuu Shugguxees rakkoo hawaas dinagdee qonnaan bultoota misoomaaf qe’eesaaniirraa kaafamanii furuuf mootummaan pirojektota garagaraa bocee hojiirra oolchaa jiraachuu eeran. Isaan keessaa giddugalli misooma beeyiladaa Koyyee Faccee isa tokko ta’uus ibsaniiru. Giddugalichatti qonnaan bultoonni 485 waldaalee 97n gurmaa’anii hojjechaa jiraachuus ibsaniiru.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 8 Bara 2015

Recommended For You

4 Comments to “ Giddugalichi jireenya qonnaan bultoota misoomaaf kaafamanii jijjiiraa jira”

  1. Pingback: zbet911

Comments are closed.