Gabaa kappitaalaa milkeessuuf galii namoota dhuunfaa guddisuun barbaachisaadha

Finfinnee: Karoora gabaa kappitaalaa milkeessuuf galii namoota dhuunfaa guddisuun barbaachisaa akka ta’e yunivarsiitii Finfinneetti hayyuun dinagdee Pirofeesar Alamaayyoo Gadaa ibsan.

Pirofeesar Alamaayyoon ibsa addatti Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin akka jedhanitti, gabaan kaappitaalaa amalasaatiin hirmaannaa namoota hedduu kan gaafatuudha.

Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad bara dhufurraa eegalee Itoophiyaa keessatti sirni gabaa Kappitaalaa hojiitti akka hiikkamu ibsuun walqabatee sirni gabaa kun qixa barbaadamuun hojiitti yoo hiikkame invastaroota biyya alaa harkisuun diinagdee biyyattii guddisuurratti shoora olaanaa akka qabu hayyuun kun dubbataniiru.

Gabaa meeshaaleetti akkuma daldalli meeshalee garaagaraa raawwatamu gabaa kappitaalaa keessatti immoo daldala aksiyoonaatu taasifama jedhanii; daldala aksiyoonaa taasifamuun galii biyyattii guddisuuf dhaabbileenifi namootni dhuunfaan aksiyoona bitatanii fi gurguran baay’inaan jiraachuu qabus jedhaniiru. Milkaa’inasaafis aadaan qusannaafi humni qusannaa namoota dhuunfaas ta’ee kan dhaabbilee guddachuu akka qabus hubachiisaniiru.

Kana malees gabaa kappitaalaa finiinsuuf wanti daldalamus jiraachuu qaba kan jedhan Pirofeesar Alamaayyoon; biyyootni Afrikaa kan akka Ruwaandaa, Ugaandaa, Taanzaaniyaa, Gaanaa, Naayijeeriyaa, Afrikaa Kibbaa, Gibxiifi Keeniyaan sochii gabaa kaappitaalaatiin muuxannoo olaanaa qabaachuu yaadachiisaniiru.

Haa ta’u malee, wanti daldalamu biyyoota kunneen keessatti lakkoofsaan xiqqaa waan ta’eef gabaa kappitaalaa kanarraa faayidaan isaan argatanis baay’ee xiqqaadha jedhaniiru.

Itoophiyaa keessatti garuu wanti gabaaf dhiyaatu baay’edha waan ta’eef qixa sirriin yoo irratti hojjetame bu’aa guddaa kan fidu ta’uu eeranii; baankii dabalatee Itoophiyaa keessatti irra caalatti dhaabbileen kaappitaala gurguddoo sochoosan dhaabbilee mootummaa ta’uun sirna gabaa kappitaalaa diriirsuufi sirna gabaa kanaan diinagdee guddisuuf biyyattii keessatti akka carraa gaaritti kan gargaaru akka ta’es himaniiru.

Sirni gabaa kun waliin dhahiinsaaf salphaadhumatti kan saaxilamu waan ta’eef waliin dhahiinsa achi keessatti mudachuu danda’u hambisuuf sirna odiitii cimaa kan qabeenyaa dhaabbilee gara gabaa kanaatti galanii ittiin too’ataman diriirsun barbaachisaa akka ta’e hayyuun diinagdee kun ibsaniiru.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 8 Bara 2015

Recommended For You

5 Comments to “ Gabaa kappitaalaa milkeessuuf galii namoota dhuunfaa guddisuun barbaachisaadha”

  1. Pingback: jungle boyz
  2. Pingback: Diyala Bauc14
  3. Pingback: lucabet88

Comments are closed.