Dhaabbii biqiltuu miliyoona 500 irraa hinhafamu

Itoophiyaan Wiixata dhufu cidha guddaa qabdi; cidha dachee bosonni irraa golgolaa’e deebisanii magariisa uwwisuu. Itoophiyaan keessumaa waggoota shanan darbanitti moggaasa ashaaraa magariisaa jedhuun marsaa jalqabaatiin biqiltoota biliyoona 25 dhaabdeetti.

Marsaa lammaffaa barana eegalameenis biqiltoota biliyoona hedduu dhaabuuf karoorfamee hojii qabatamaatti seenameera. Qaamuma karoora kanaa kan ta’e dhaabbiin biqiltuu guyyaa tokkotti biqiltoota miliyoona 500 milkeessuu Wiixata dhufu, Adoolessa 10 bara 2015 mataduree, “Kun Dhimma Itoophiyaati” jedhuun ni adeemsifama.

Kanuma ka’umsa gochachuun ergaa kan dabarsan Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad (PhD), “Guyyaa tokkotti biqiltuu miiliyoona 500 dhaabuun seenaa haa hojjennu; Itoophiyaanonni guyyichatti riikardii haaraa haa galmeessinu” jedhan.

Ashaaraan magariisaa nuuf waan hedduudha. Omishtumma qonnaa kan guddisu, wabii nyaataa keenya akka mirkaneeffannu kan taasisu, waggaatti yeroo lamaa sadii omishnee omisha nyaataa gatii gadaanaan akka argannu, laggeen akka guutan gochuun jallisiifi bishaan dhugaatiin akka addaan hincitne kan taasisuudha. Uwwisa bosonaa dabaluun madaala qilleensaafi nageenyummaa Hidhaa Haaromsaa kan eeguudhas.

‘Itoophiyaa Jiituu’ jennee kan leellisneef akka dhugoomuuf, seenaa hongeefi beela jedhaman gogsuuf dandeettii kan uumu ta’uudha.

Beeylada lakkoofsaan qofa utuu hintaane, bu’aa irraa argamuun addunyarratti akka beekamnu kan taasisu, kuduraafi muduraa, mi’eessituuwwan qe’ee keenyatti akka argannu kan taasisuudha.

Galii turiizimii qabeenyaa uumamaa argamu guddisuuf carraa kan uumu waan ta’eef, ashaaraan magariisaa nuyiif waan hedduudha.

Jireenyi dhala namaa bara keenyaa, jireenya magariisawaadha. Uumama waliin kan waliigale, kan uumamaaf gatii kennu, uumama keessa kan da’eeffateedha. Namni uumama dhabuudhaan gatii hamaa kaffalaa jira.

Dhukkuboota salphaatti irraa fayyuu hindandeenye, haala qilleensaa yeroo yeroon jijjiiramu, qaamoleen bishaanii xiqqaachuufi hir’achuu, cabbiiwwan waaltaawwanii baquu, qaroomina dhala namaa gatantarsaa jira.

Kanaaf, ashaaraan magariisaa dhaloota boruutiif qabeenya dilbiidha. Biyyi dhaalchifnu kan qabeenya uumamaatiin kan eegame ta’uu qaba.

Naannawaan keenya jijjiiramuun, dhiqamuun biyyee hir’achuun, simbirroonniifi bineensonni deebi’aa jiraachuun, haalli roobaa fooyya’aa dhufuun agarsiistuu bu’aa hanga ammaatti taasifame keessatti eeramu.

Sagantichaan gaarren, qarqarri lageenii, iddoowwan duwwaan mandarootaa, mooraan nama dhuunfaa, manneen amantiilee, barumsaafi waajjiraalee, lafa qonnaafi dheedicha beeyladaatiif hinoolle bosonaan uwwifamuu qabu.

Warri bakka dhaabu hinqabne meeshaalee garagaraa keessa dhaabuun gamoowwan keenya magariisa uffachuu qabu. Hanga Itoophiyaan waggaa guutuu magariisa uffattutti dhaabbiin biqiltuu ittifufuu qaba.

Kanaafis akkuma kanaan dura guyyaa tokkotti biqiltuu miliyoona 350 dhaabne iftaan, Adoolessaa 10, 2015s guyyaa tokkotti biqiltuu miiliyoona 500 dhaabuun seenaa haa hojjennuu. Guyyichatti Itoophiyaanonni hundi galmee haaraa ofii keenyaa haa galmeessinu.

Hojichi dhimma siyaasaa, paartii ykn sagantaa mootummaati jedhamee kan irraa hafamu otoo hintaane dhimmichi dhimma Itoophiyaa magariisa uwwisuu waan ta’eef amantiifi aadaa, dhaaba siyaasaafi ilaalcha, umuriifi koorniyaa, barnootaafi sadarkaan jireenyaa osoo hinjenne hunduu bariidhaan bahee hirmaachaa ooluu qaba.

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 8 Bara 2015

Recommended For You

2 Comments to “Dhaabbii biqiltuu miliyoona 500 irraa hinhafamu”

  1. Pingback: toto slot
  2. Pingback: best free cams

Comments are closed.