Finfinnee: Waamicha guyyaa tokkotti biqiltuu miliyoona 500 dhaabuuf Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad dhiyeessaniifi iftaan mataduree, “Borii keenya har’a haa dhaabnu” jedhuun adeemsifamuuf qophii xumuruusaanii naannoleen beeksisan.
Mootummaan Naannoo Sidaamaa, Amaaraa, Gaambeellaa, Beenishaangul Gumuzi, Sidaamaafi Kibbaa waamicha Ministira Muummeedhaan dhiyaate ilaalchisuun ibsa addatti Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin, Wiixata dhufu, Adoolessa 10 bara 2015 waamicha dhiyaate hojiitti jijjiiruuf qophiin xumuramuu himaniiru.
Hogganaan Biiroo Qonnaa Naannoo Sidaamaa Obbo Mamihiruu Mokee iftaan naannichatti biqiltuu miliyoona 25 dhaabuuf qophii xumuruufi abbaan warraa kuma 260 waliigala namoota miliyoona 12 hirmaachisuun bakkeewwan dhaabbii biqiltuu 234 irratti kan dhaabamu ta’uu himaniiru. Biqiltuuwwan dhaabbatanis soorata namaafi beeyladaaf akkasumas kunuunsa biyyeefi bishaaniif kan gargaaran ta’uu ibsaniiru.
Sadarkaa Pirezidaantii Ittaanaatti Qindeessaa Kilaastara Baadiyyaafi Hogganaan Biiroo Qonna Naannoo Kibbaa Obbo Usmaan Suruur gamasaaniin, waamicha ministira muummee bu’uura godhachuun naannichatti biqiltuun miliyoona 110 akka dhaabamu ibsaniiru.
Namni tokko giddugalaan biqiltuu 10 dhaabuun waliigala namooti miliyoona 12 biqiltuu akka dhaaban himaniiru. Barattoota, dargaggoota, dubartoota, abbootii amantaa, jaarsoliin biyyaa, hayyootaafi dhaabbileen garagaraa akka irratti hirmaatan yaadachiisaniiru.
Hogganaan Biiroo Qonnaa, Misooma Bishaaniifi Qabeenya Uumamaa Naannoo Gambeellaa Obbo Ajaak Uchaalaa, guyyaa jedhame kanatti naannichatti biqiltuun miliyoona sadii akka dhaabbatu himanii; biqiltuun dhaabbatu dhibbantaan 50 kan nyaataaf oolu ta’uu ibsaniiru.
Bakkeewwan bosonni irraa manca’etti biqiltuun bosonaa akka dhaabbatan eeranii; biqiltuun jireenya waan ta’eef dhaabuu qofa utuu hintaane kan dhaabbate qe’ee irraa eegaluun kunuunfamuu akka qabuufi namni hunduu dhaabbii biqiltuurratti akka hirmaatu waamicha dhiyeessaniiru.
Hogganaan Biiroo Qonna Naannoo Beanishaangul Gumuz biqiltuu miliyoona 10 dhaabuuf qophiin xumuramuu ibsanii; kana milkeessuuf koreen tekniikaa hundeeffamee bakka biqiltuun dhaabbatutti biqiltuu geejjibsiisuu eegaluu hubachiisaniiru. Maangoo, avokaadoofi leemman akaakuu biqiltuu dhaabbatanii yommuu ta’an eeggannoon dhaabuufi kan dhaabame kunuunfamuu akka qaban dubbataniiru.
Hoggantuu ittaantuun Biiroo Qonnaa Naannoo Amaaraa Doktar Almaaz Gizeewu naanichatti biqiltuu miliyoona 260 dhaabuuf qophiin xumuramuu ibsaniiru. Biqiltuuwwan dhaabamanis mala saayinsawaadhaan hordofuuf kaartaan qophaa’uu beeksisaniiru.
Biiroon Kominikeeshinii Naannoo Oromiyaas haaluma walfakkaatuun fuula miidiyaa hawaasaasaarratti akka ibsetti, guyyaa borii biqiltuu akaakuu garagaraa miliyoona 481 dhaabuuf qophii barbaachisaa xumuruu ibseera. Ummati, barataa, barsiisaa, hojjetaa mootummaa magaalaafi baadiyyaatti argaman, daldaltooti gaheesaanii akka ba’aniif waamicha dhiyeesseera.
Gammchuu Kadiriin
BARIISAA SANBATAA Adoolessa 8 Bara 2015
7 Comments to “Dhaabbii biqiltuu iftaaniitiif qophiin xumuramuu naannoleen ibsan”
Comments are closed.