Dargaggoota Hararii tola ooltummaarratti

Hojiin tola ooltummaa waqtii gannaa eeggatee bifa duulaatiin bal’inaan gaggeeffama. Amma amma garuu hojiin kun kan tibba tokko hojjetamee tibba tokkommoo dhaabachuu qabu waan hintaaneef bakkeewwan hedduutti waggaa guutuu raawwatama. Keessumaa dargaggoonni ammoo hojii kanarratti adda durummaadhaan hirmaataa jiru.

Harkaqal’eeyyiif mana ijaaruu, meeshaalee barnootaa barattootaaf dhiheessuu, dhiiga arjoomuu, biqiltuu dhaabuu, magaalaa qulqulleessuufi, nageenya eegsisuun hojiilee muraasa tola ooltonni irratti hirmaataniidha. Mootummaanis hojii qarshii miliyoonaataan lakkaa’amu oolchu kana qindeessuufi mijeessuun hojii jajjabeessaa hojjetaa jira.

Naannoolee hojiin tola ooltummaa bal’inaan keessatti hojjetamaa jiru keessaa tokko Naannoo Hararii yoo taatu dargaggoonni naannichaa hojii fakkeenya ta’u hojjetaa jiru. Akkasumas, dargaggoonni daangaa ce’anii gara naannichaa deemuun tola ooltummaarratti hirmaatanis gama tokkoon hawaasa tajaajilaa, gama biraan tokkummaa cimsuurratti hojjetaa jiru.

Dargaggoo Shariif Muummee Hogganaa Liigii Dargaggoota Naannoo Hararii yoo ta’u, yaada Gaazexaa Bariisaaf kenneen akka jedhetti, liigiinsaanii miseensota kuma saddeetii ol qaba. Dargaggoonni miseensonni kunneenis hojiilee hawaasummaafi siyaas dinagdee addaddaa keessatti hirmaataa kan jiran yoo ta’u, keessumaa nageenya eeguurratti caasaalee dargaggootaafi nageenyaa wajjin hojjetaa jiru. Halkan halkan naannawaasaaniitti roondii ba’uun poolisii waliin ta’uun ambaasaaddara nageenyaa ta’anii hojjetaa jiru.

Fakkeenyaaf sochii magaalitti keessatti konkolaataa miila sadii (baajaajiin) lakkoofsa gabate malee namoota addaddaa fe’ee deemu sakkatta’iinsa taasisuun hojiin hojjetan jajjabeessaa ta’uu eeree, kana qofa osoo hintaane hojiilee tola ooltummaa garagaraarrattis hirmaachuun ga’eesaanii ba’ataa jiraachuu hima. Dhaabbii biqiltuu akka biyyaatti iftaan gaggeeffamuufis aanaalee sagaliifi gandoota 36 Magaalaa Harar keessatti argamaniitti qophiirraa eegalee hanga dhaabbiitti akka hirmaatan ibsa.

Harariitti dargaggoota naannichaa qofa osoo hintaane kanneen daangaa ce’anii hojii tola ooltummaa hojjetanis hirmaachaa jiraachuu eeree, kanas Ministeera Dhimma Dubartootaafi Hawaasummaa akka biyyaatti kan eegalchisee ta’uufi Harariittis dargaggoonni naannoolee biyyattii hundaafi bulchiinsoota magaalaa Finfinneefi Dirree Dhawaarraa baba’an argamuun hojiilee hedduu hojjechuusaanii ibsa. Dargaggoonni kunneenis harkaqal’eeyyiif mana ijaaruu, biqiltuu dhaabuu, dhiiga arjoomuufi hojiilee tola ooltummaa biroo bal’inaan raawwachuusaanii kaasa.

Akeekni tola ooltummaa dargaggootaa daangaa ce’anii kun inni ijoon tokkummaa uumuuf ta’uu kan himu Dargaggoo Shariif, ilaalchi biyyummaa dagaaguun obbolummaan akka cimu yaadamee qophaa’uus ni eera. Aadaa walii baruufi walitti hidhamiinsa uumuunis miirri tokkummaa uumuu, wantoota badaa dhabamsiisuufi biyya ijaaruu kan uumamu ta’uu dubbata.

Dargaggoonni naannichaas akkuma dargaggoota daangaa ce’anii kanneen naannolee biyyattii hunda deemuun hojii tola ooltummaa hojjetaa kan jiran yoo ta’u, dhaabbii biqiltuutiin walqabatees bara darbe hanga biyyoota ollaa Afrikaa ja’atti deemanii biqiltuu dhaabuu himee, hojiin tola ooltummaa Itoophiyaanota qofa osoo hintaane dargaggoota Afrikaa Bahaallee walitti fiduun hojii dippiloomaasii hojjechuuf akka fayyadu ibsa.

Hojii kana keessattis hirmaannaan shamarranii gama hundaan cimaafi dhiiraan qixa ta’uu kaasee, namoota gama hundaan hojii tola ooltummaarratti hirmaataniifis dhuma waggaarratti beekamtiin kan kennamu ta’uu dubbata. Hojiin tola ooltummaa kun ganna qofa osoo hintaane yeroo kaanittis cimee hojjetamuu akka qabuufi xiyyeeffannaafi deggarsi barbaachisu osoo taasifamee bu’aa caalu kan argamsiisu ta’uu hima.

“Bu’uurri namaa bakka sadiitti qoodama; ijoollummaa, dargagummaafi dulluma. Ijoollummaan yeroo ati akkasiin ta’a jettee yaaddu, dargaggummaan ammoo kan taatee itti argamtuufi dullumni waan hojjettee dabarte tokko gabaasa itti namaaf dhiheessituudha. Kanaaf yeroon qaalii yeroo dargagummaa ta’uusaatiin dargaggoonni hojii irraa eegamu mara hojjechuun siidaasaanii dhaabbatanii darbuu qabu. Dargaggoonni yeroo qabanittis sirnaan fayyadamuu, haadhaafi abbaarraa eegalee namoota kabajuun fuuldureesaanii jijjiiruu danda’u” jechuun dhaama.

Shamarree Sitraa Bahaar ammoo Ittaantuu Hogganaa Liigii Dargaggootaa Naannoo Harariiti. Isheenis yaada gaazexaa keenyaaf kenniteen akka shamarree tokkootti dhiiga arjoomuu, qulqullina, biqiltuu dhaabuufi waantota jiran hundatti kan hirmaattu ta’uu kaastee, akka naannichaatti hirmaannaan dargaggoonni naannichaa tola ooltummaarratti taasisan daran jajjabeessaa ta’uu dubbatti.

Dargaggoonni naannolee biroos magaalichatti tola ooltummaarratti hirmaachaa jiraachuu ibsitee, kun hojii hojjetamurra darbee tokkummaan inni akka biyyaatti fidu bu’aa olaanaa ta’uu eerti. Dargaggoonni daangaa ce’anii dhufan muuxannoo ofii fidan dargaggoota naannichaatiif, dargaggoonni naannichaa ammoo muuxannoosaanii warra naannoo biraarraa dhufaniif qooduun hariiroo kan cimsu ta’uu dubbatti. Darbees dargaggoonni naannicha dhufan yommuu gara dhufanitti deebi’an ambaasaaddara ta’anii Harariillee kan beeksisan ta’uu ibsti.

Dargaaggoonni daangaa ce’anii dhufan kunneen ji’a ja’a ja’aan gara naannichaa kan dhufan ta’uu kan dubbattu shamarreen tun, turtiisaaniitiinis hojii tola ooltummaan cinaatti aadaafi seenaa magaalittii kan isaan daawwachiisan ta’uu kaastee, dargaggoonni naannichaa iddoo biraa deemanis haaluma kanaan aadaafi seenaa bakkee deemanii sanaa fidanii dhufuun muuxannoon kan waljijjiiramu ta’uusaatiin tokkummaa uumuu keessatti gahee olaanaa akka qabu ibsiti.

Biyyattiin rakkoo keessa jirtu keessaa ba’uuf tokkummaafi jaalalli murteessaa ta’uu ibsitee, hojiin akkanaas fuulduratti cimee ittifufuu akka qabu dhaamti. Akkasumas yeroo turtii dargaggoota tola ooltootaa ji’a ja’arraa gara waggaatti osoo dheeratee sirrittii bakka deeman hubachuu waan dandeessisuuf utuu itti yaadamee jetti. Dargaggoonnis hojii tolooltummaa eegalan kana cimsanii itti fufsiisuu akka qabaniifis ergaashee dabarsiti.

Tibba kanas jilli Ministira Nageenyaa Obbo Binnaalfi Anduu’alamiin durfamu, kan ministirootaafi minister de’eetaawwan hammate hojiilee misoomaa naannichatti hojjetaman daawwatee kan ture yoo ta’u, keessumaa hojiilee dargaggoonni tola ooltummaadhaan hojjetanis daawwateera. Hojiiwwan tola ooltummaan hojjatamaa jiran keessaas sagantaa ashaaraa magariisaa, maaddii guutuu, hojiiwwan omisha misooma qonnaa guddisuuf hojjatamaa jiran daawwachuun deggarsaafi hordoffii qabatamaa taasisuu jalqabaniiru.

Obbo Binnaalfis hojiiwwan tola ooltummaa dargaggoonni naannichaa raawwataa jiran bu’aa olaanaa galmeesisaa jiraachuusaa kaasanii keessumaa hojii nageenyarratti hojjetameen duudhaan nageenya naannichaa eegamuu ibsu. Fuuldurattis kun cimee ittifufuufi muuxannoonsaa babal’achuu akka qabu dubbatu.

Ministirri Pilaaniifi Misoomaa Doktar Fitsum Asaffaas gamasaaniin akka waliigalaatti hojiin misoomaa naannichatti waggoota afran darbe hojjetame akka fakkeenyaatti kan eeramu ta’uu himanii, hojii nageenya eegsisuurratti hirmaannaan hawaasni keessumaa dargaggoonni taasisaa jiranis jajjabeeffamuu kan qabuufi deggarsi barbaachisu kan taasifamuuf ta’uu himu.

Walumaagalatti hojiin tola ooltummaa fakkeenyummaa qabu kun ibsama naannoo tokkoo qofa ta’uu hinqabu. Muuxannoon kun babal’atee hojii misoomaa hojjechaa tokkummaa cimsuun dhagaa tokkoon simbira lama waan ta’eef aadeffamuu qaba jenna.

Saamraawiit Girmaatiin

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 8 Bara 2015

Recommended For You