Sa’aatii si’ataa Atileet Barrihuu Aragaawwii

Finfinnee: Atileet Barrihuu Aragaawwii dorgommii marsaa jahaffaa liigii daayimandii bara 2023 Siwiizarlaandi, Luuzaanitti adeemsifameen meetira kuma shaniin sa’aatii si’ataa kan waggaa kanaa galmeessisuun mo’ateera.

Atileet Barrihuu daqiiqaa 12 sakondii 40 maayikiroo sakandii 45n abbaa qabxii addunyaa lammii Ugaandaa Jooshuwaa dursuun mo’ateera.

Dorgommii kanaan Hagos Gabrahiywoot 3ffaa, Xilaahun Hayilee 4ffaa, Solomoon Baaraggaa 5ffaa, Kumaa Girmaa 7ffaa, Gammachuu Didhaa 8ffaa qabachuun dorgommicha xumuraniiru.

Dorgommii dubartootaa gufachiisaa meetira kuma sadiin Simboo Alamaayyoo 2ffaa yemmuu baatu Zarfee Wandimmaagany 4ffaa, Loomii Mul’ataa 5ffaa, Maqdas Abbabaa 11ffaa bahuun xumuraniiru.

Dorgommii kanaan atileetiin Keeniyaa Biitriis Cheepkoo’eech daqiiqaa 9 sakondii 5 maayikiroo sakandii 98n riikordii fageenya kanaa fooyyessiteetti.

Dorgommiin liigii daayimandii marsaa 7ffaa bara 2023 Siwiidin, Istookhoolmitti Dilbata darbe adeemsifameen haalli qilleensaa dorgommiif mijataa ta’uu baatus atileetonni Itoophiyaa injifannoowwan gonfataniiru.

Riippoortara Gaazexichaatiin

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 1 Bara 2015

Recommended For You

5 Comments to “ Sa’aatii si’ataa Atileet Barrihuu Aragaawwii”

  1. Pingback: w69
  2. Pingback: suicide bombing
  3. Pingback: OK CASINO
  4. Pingback: nemo168

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *