“Hangi boqqolloo faca’eefi dhiyeessiin xaa’oo yuuriyaa walhinsimu”

– Omishaalee gannaarraa waliigalaan callaa kuntaala miliyoona 29 oltu eegama

Finfinnee: Omisha gannaa bara 2015/16tti hamma boqqolloo faca’eefi hammi xaa’oo adii (Yuuriyaa) dhiyaatee kan walhinsimne ta’uu Biiroon Qonnaa Naannoo Beenishaangul Gumuz beeksise. Omishaalee ganna baranaarraa waliigalaan callaa kuntaala miliyoona 29 ol argachuuf karoorfamuunis ibsameera.

Hogganaan biirichaa Obbo Babakir Haliifaa ibsa addaatti Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin, omisha gannaa bara 2015/16tti boqqolloo faca’eefi dhiyeessiin xaa’oo adii (yuuriyaa) waan wal hinsimneef rakkoon kun hatattamaan furamuu qaba jedhaniiru.

Naannichatti roobni waqtii gannaa dhuma baatii Caamsaatti waan seeneef hojiin qonnaa baatii tokkoof haalaa gaariin gaggeffamaa jiraachuu himanii, osoo ganni hinseenin oyiruu qonnaa hektaara kuma 937 qopheessuuf karoorsuun hektaarri kuma 971 qophaa’ee hojii keessa galamuu ibsu.

Akka ibsasaaniitti, hanga ammaatti lafti hektaarri kuma 800 qotamuu himanii, kan qotame keessaa lafti hektaarri kuma 600 sanyiidhaan uwwifamuufi omisha qamadiifis lafti hektaarri kuma 50 adda ba’ee qophaa’aa jiraachuu dubbatu.

Callaa walittiqabuuf karoorfame milkeessuuf makaanaayizeeshinii fayyadamuun wayita ammaa tiraaktaroota 500 ol hojii qonna gannaarratti bobba’uu kan himan Obbo Babakir, xaa’oo gurraacha (NBS) kuntaala kuma 110s qonnaan bulaaf raabsamuu ibsu.

Haa ta’uutii, naannichatti xaa’oo adii (yuuriyaa) kuntaala kuma 50 hanga 60tti kan barbaachisu ta’us wayita ammaa kuntaala kuma 10 qofti waan qaqqabeef hanqinni xaa’oo adii mudachuus himaniiru.

Boqqolloon faca’ee guyyoota 35 hanga 40 keessatti xaa’oo adii argachuu eeranii, buufata doonii Jibuutiirraa gara biyya keessaatti geejjibamaa kan jiru dafee akka isaan qaqqabuuf qaama dhimmichi ilaallatu waliin hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.

Hanqina xaa’oo waliigalaa furuuf dikee loonii, koompostiidhaafi koompoostii gubataa fayyadamuun qaawwa jiru cufuuf hojjetamaa jiras jedhaniiru. Dabalataanis, hanqina sanyii boqqolloo filatamaa furuuf lafti boqqolloo qotuuf qophaa’e gara boobee, xaafiifi atara boonsituu bakka bu’ee akka qotamu kallattiin taa’ee hojiirra ooluus dabalataan ibsaniiru.

Hojii qonna gannaan walqabatee hojiin ashaaraa magariisaa akkuma bara darbeettii itti fufee jiraachuusaa eeranii, ganna baranaatti biqiloota miliyoona 55 dhaabuuf karoorfamee hanga ammaatti boolli miliyoona 10 yoo qophaa’u baati biqiltuawwan kumni 30 dhaabamaniiru.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 1 Bara 2015

Recommended For You

9 Comments to “ “Hangi boqqolloo faca’eefi dhiyeessiin xaa’oo yuuriyaa walhinsimu””

  1. Pingback: ต่อผม

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *