Finfinnee: Pirofesar Mahdii Haamid Muudeefi Jaal Leencoo Lataafa’iin kan hundaa’e Gaazexaan Bariisaa bara 1969 irraa eegalee Dhaabbata Pireesii Itoophiyaatiin (DhPI) torbanitti altokko maxxanfamaa kan jiru yoo ta’u, dagaagina ogbarruufi Afaan Oromootiif waan olaanaa gumaachuun ibsame.
Qorannoon mataduree, “Guddina ogbarruu Oromoo keessatti gumaacha Gaazexaa Bariisaa” jedhuun waltajjii gulaaltotaa DhPIn marsaa afraffaaf tibbana adeemsifamerratti dhiyaate akka ibsutti, gaazexichi hundeeffamasaarraa kaasee gama waaltina afaanichaa mirkaneessuufi jechoota dagataman fayyadamuun guddina ogbarruufi afaan sabichaatiif waan baay’ee gumaacheera, gumaachaas jira.
Bariisaan, Loogawwan Afaan Oromoo walbarsiisuun, afaan waaltessuun, Odeeffannoo barreeffamaa Afaan Oromootiin dabarsuun (saboota walbarsiisuu), gaazexootaafi barruulee Afaan Oromoo birootiif fakkeenya ta’uufi jalqabbii jiru ittifufsiisuun, fedhiin namoonni Ogbarruufi Afaan Oromoo barachuuf qabanis daran dabalee jechoota haaraa beeksisuun qooda guddaa bahachaa jiraachuun ibsameera.
Gaazexaa Afaan Oromoo jalqabaa sadarkaa federaalaatti qophaa’uufi ammaan tana fuulawwan 16 qabatee habbaa (koppii) kuma 10n maxxanfamaa jira.
Keessattuu riiformiidhaa as (bara 2010) fuulawwan Oduu Sadii, Ijoo Dubbiifi Yaada, Aadaafi Aartii, Qarreefi Qeerroo, Abbaa Sa’aa (Dinagdee), Ilaamee…, Keessummaa Bariisaafi Ispoortii qabatee halluudhaan maxxanfamaa jira.
Seenaafi eenyummaa Oromoo ibsuurratti shoora olaanaa kan qabdu Bariisaan yeroo gabaabaa keessatti feesbuukiidhaan ‘like’ kuma 163 ol, ‘post reach’ kuma 314, telegiraamiirratti hordoftoota kuma jahaa ol kan qabu yoo ta’u, Afaan Oromoo biyyoota ollaa Itoophiyaattis bal’inaan dubbatamuun kan qophaa’u waan ta’eef gaazexichi walitti hidhamiinsa zoonawaa cimsuu keessattis shoora olaanaa akka qabu ibsameera.
Gaazexichi gumaacha guddina ogbarruufi Afaan Oromootiif taasisaa jiru kana caalaatti bal’isuuf Mootummaa Naannoo Oromiyaa dabalatee dhimmamtoonni hundi gaheesaanii bahachuu akka qabanis waltajjicharratti eerameera.
Riippoorta Gaazexichaatiin
BARIISAA SANBATAA Adoolessa 1 Bara 2015
4 Comments to “ Gaazexaan Bariisaa dagaagina ogbarruufi Afaan Oromootiif waan olaanaa gumaacheera”