“EBCn ga’umsa sagalee Afrikaanotaa ta’uurratti argama” – Abiyyi Ahmad (PhD)

Finfinnee: Korporeeshiniin Birodikaastingii Itoophiyaa (EBCn) ga’umsa sagalee Afrikaanota hunda ta’uurratti argamuunsaa ibsame.

Eebba EBC Miidiyaa Kompileeksii haaraa ijaaramerratti haasaa kan taasisan Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad (PhD) akka dubbatanitti, guddinni Itoophiyaa kan lakkaa’amu sadarkaa dhaabbileen ishee irratti argamaniin akka ta’e ibsuun dhaabbileen biyyattii keessa jiran dhaabbata miidiyaa kanarraa muuxannoo qooddachuu akka qaban eeraniiru.

Ijaarsa biyyaa keessatti gahee miidiyaan qabu olaanaa ta’uu kaasanii, jechi “Beela” jedhu galmee jechootarratti Itoophiyaan akka fakkeenyaatti akka ibsamtuuf miidiyaa karra saaqe ta’uus ibsaniiru.

EBCn ilaalchi gandummaa biyyattii keessaa badee, fedhiin Itoophiyaa addunyaarratti akka calaqqisu akka godhu abdii akka qaban ibsanii, miidiyichi afaan mootummaa qofa ta’uu hinqabus jedhaniiru.

EBC’n mootummaan dogoggora yoo hojjete kan sirreessu, biyyi ilaalcha warra iyyanii iyyisiisaniin akka hinjeeqamne miidiyaa hojjetu ta’uu qaba jedhanii, miidiyaan kun sagalee dhageessisuu qofa osoo hintaane biyyaaf ajandaa uumee dhageessisuus akka qabu Doktar Abiyyin ibsaniiru.

Raawwachiisaa Hojii Olaanaan EBC Obbo Fissahaa Yittaagasuu gamasaanitiin, dhaabbatni kun waan kanaan dura hir’ise guutee, kan kanaan dura hinhojjenne hojjetee fedha ummata biyya kanaa guutuuf qixa barbaachisurratti argama jedhaniiru.

EBCn Itoophiyaadhaaf galmee kaleessaa, mul’ata egeree, ummatni Itoophiyaa Kaabaa hanga Kibbaatti, Bahaa hanga Lixaatti biyyasaa akka baruuf dhaabbata shoora olaanaa taphachaa ture ta’uusaas yaadachiisaniiru. Miidiyaan kun kaleessa wayita Afrikaanotni biroo sirna kolonii jala turan sagalee ta’aa turuusaas dubbataniiru.

Yeroo Itoophiyaan ce’umsarra jirtu kana, dhaloota beekumsaan ijaaruun yeroon dhaabbanni kun ittigaafatamummaasaa bahuu qabu amma ta’uu eeranii, dogoggora sabaafi sablammoota gidduu sirreessuufis ittigaafatamummaa guddaa qabaachuu ibsaniiru. Ittigaafatamummaa qabu kana bahuufis kan isa dandeessisu miidiyichi rifoormii teknolojiifi hojmaataa taasisuu dubbatu.

Reformichis dhugaa Itoophiyaafi Afrikaanotaa addunyaarratti ol kaasee mul’isuu kan dandeessisuudhas jedhaniiru.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 1 Bara 2015

Recommended For You

5 Comments to “ “EBCn ga’umsa sagalee Afrikaanotaa ta’uurratti argama” – Abiyyi Ahmad (PhD)

  1. Pingback: ruay
  2. Pingback: bk88
  3. Pingback: Jaxx Liberty

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *