Bu’uurri waa hundaa nageenya ta’uun dhimma walnama falmisiisu miti. Yoo nageenyi jiraate misoomni, guddinni, milkaa’inniifi badhaadhinni jiraata. Faallaasaatiin yoo nageenyi hinjiraanne homtuu hinjiru.
Nageenyi nama dhuunfaarraa kaasee hanga biyyaatti dhimma murteessaafi barbaachisaadha. Biyya nagaa keessatti ba’anii galuuf, daldalanii buufachuuf, ilmaan horanii barsiifachuuf, yaadanii milkeeffachuuf nageenyi shoora olaanaa qaba. Kanaafi, egaa yeroo baay’ee dhimmi nageenyaa kan lallabamuuf.
Nama dhuunfaarraa kaasee hanga biyyaatti barbaachisummaa nageenyaa hubachuun dhimma murteessaafi bu’uura waan hundaa ta’e kanaaf oggaa ifaajan mul’ata. Keessumaa mootummaan Itoophiyaa waggoota sadan darban nageenyi biyyattii akka eegamuufi mirkanaa’uuf tattaaffii cimaa taasiseera; taasisaas jira. Bilchina, garabal’inaafi dhiifamaan ittideemuun badii ga’uu malu daran hir’isuunis danda’ameera. Sababuma kanaani biyyattiinis dameelee hundaan milkaa’ina galmeessisaa kan jirtuuf.
Ministirri Muummee RFDI Abiyyi Ahmad (PhD) borumtaa gara aangootti dhufanitti dhiifama labsuun kanneen walirraa fagaatanii turan akka walitti dhufan, kanneen gonkuma gara biyyattii ni deebi’u jedhamanii hin yaadamne akka deebi’an akkasumas walgaarreffannaa hamaan Itoophiyaafi Ertiraa jidduutti waggoota dheeraaf ture akka furamu kan taasisan bu’aa nageenyaa haalaan waan hubataniifi.
Yaa’ii idilee Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa 28ffaa dheengadda taa’amerratti gaaffii nageenyaafi tasgabbii ilaalchisee miseensonni kaasaniif yommuu deebii kennanis ejennoodhuma cimaa kana mirkaneessan.
Kanaanis, bu’uurri milkaa’inoota keenyaa nageenya ta’uusaatiin haaloorra dhiifamaafi nagaa dursuun akka barbaachisu cimsanii eeran. Mirkanaa’uu nageenyaatiif hunduu gaheesaa ba’achuu akka qabus hubachiisan. Kanaafis biyyattiitti qaamolee seeraan eeyyamameefiin ala kanneen meeshaa waraanaa hidhatan marti hiikkachuu akka qaban eeran.
Humnoonni addaa naannolees caasaalee nageenyaa kaanitti akka makaman, darbees misoomarratti akk bobba’aniif kallattiin kaa’amee xiyyeeffannaan irratti hojjetamaa jiraachuu ibsan.
Waliigalteen ABUT waliin taasifames nageenyaafi boqonnaa lammiileef aarsaa kanfalame ta’uufi ammallee sadarkaa barbaadamurra waan hingeenyeef keessumaa lammiilee miidhaman gargaaruufi dhaabbilee diigaman deebisanii ijaaruurratti hunduu tumsuu akka qabu waamicha dhiheessaniiru.
Lafti lammiilee buqqisuun bal’atu waan hinjirreef, rakkinichis kan jiru warra siyaasaa bira malee ummata bira waan hintaaneef siyaasessitoonni mari’achuun namoonni qe’eesaaniirraa buqqifaman akka deebi’aniifi nageenyi waarinaan akka mirkanaa’uuf xiyyeeffannaan socho’amuu qaba.
Ummannis nageenyasaaf waardiyyaa dhaabachuun meeshaa fayyadama siyaaseessitootaa ta’uurraa of qusachuu qaba. Nageenya eeguun waan ofumarraa eegaluuf maatiin ilmaansaa waa’ee nageenyaa barsiisaafi itti lallabaa guddisuun bu’aasaa itti agarsiisuu qaba. “Ijoolleen koo eenyu waliin eessa oolu?” isa jedhullee hordofuun yommuu karaarraa goran deebisuun ittigaafatamasaa ba’achuun irra jiraata.
Waa’een nageenyaa waan hunda ilaallatuuf hunduu garaa dhiifamaafi jaalalaa qabaachuun tokkummaa dagaasuuf hojjechuu qaba. Milkaa’ina barbaadamu bira ga’uufis hunda dura nageenyaaf ciminaafi xiyyeeffannaadhaan socho’uufi hojjechuun murteessaadha.
BARIISAA SANBATAA Adoolessa 1 Bara 2015
6 Comments to “ Bu’uura milkaa’ina keenyaa, nageenyaaf haa dursinu”