“Biyyaaf hojjechuun bu’aa argachuu caala”

Finfinnee: Biyya haala qilleensaa mijataafi dachee gabbataa qabdu Itoophiyaatti dhimmi wabii midhaan nyaataa har’ayyuu ajandaa ijoodha.

Kanaafis sababni guddaan yeroo baay’ee dhiyaatu fedhiifi dhiyeessiin walsimuu dhabuudha. Hanqinni dhiyeessii omishaafi omishtummaa wajjin hidhata qaba. Ammaan tana, keessattuu, gatiin shunkurtiifi timaatimii akka malee dabaluun yaaddoo uumeera.

Dhaabbatni Pireesii Itoophiyaa qaala’iinsa gatii shunkurtiifi timaatimii akkasumas haala gaariifi hudhaalee hojii qonnaa ilaalchisee haadha qabeenyaa hojii invastimantii qonnaatiin maqaa gaarii horatan Aadde Barakat Warquu wajjin turtii taasiseera.

Aadde Barakat turtii biyya alaa yeroo dheeraa booda biyyatti deebi’uun naannolee Oromiyaa, Kibbaafi Affaaritti hojiilee invastimantii qonnaa kanneen akka omishaa kuduraafi muduraa, nyaata beeyladaafi horsiisa beeyladaarratti bobba’uun of bira darbuun guddina biyyaa keessatti gaheesaanii taphachaa jiru.

Itoophiyaa akka Awurooppaa cabbiifi diilalli, akka biyyoota Arabaa ho’i garmalee namaafi omishaaleerratti miidhaa hamaa hingeessisnetti beelaafi qaala’iinsa gatiitiin dararamuun omishuu dhabuurraa madda jedhanii Awurooppaafi biyyootni Arabaa garuu haala qilleensa rakkisaa keessatti omishanii biyyoota biroofuu wabii ta’uunsaanii bu’aa hojii ta’uu dubbatu.

Qabeenya roga maraa mijataa jirutti fayyadamanii omisha wabii midhaan nyaataa mirkaneessuurra darbee utubaa guddina dinagdee biyyaa ta’u omishuun ni danda’ama. Haala qabatamaa amma jiruunis omishni shunkurtiifi timaatimaa amma jiru tarii fedhii jiruun yoo walsimuu dhabe malee qaala’iinsa gatii uumameef sababa hinta’u jedhu.

Akka isaan jedhanitti, isaan dabalatee omishtoonni biroo yeroo ammaa shunkurtiis ta’e timaatimii kiiloo tokko Finfinneetti geessuun qarshii 50 gadiin gurguraa jiru. Garuu daldaltoonni gatii dabaluun kiiloo tokko hanga qarshii 80 oliitti gurguraa jiru. Omishtoonni omishanii Finfinneetti gatii geejibaa dabalatee kiiloo tokko qarshii 50 gaditti wayita gurguraa jiran kanatti qaala’iinsi hinmalle mudachuunsaa rakkoo haala daldalaa malee hanqina omishaa akka hintaane hubachuun barbaachisaadha.

Ololli “Mootummaan lafa dur omisha shukurtiifi timaatimii omisha qamadiif oolcheera” jedhu dhugaarraa kan fagaatedha kan jedhan haati qabeenyaa tun; dhugaan jiru garuu namni fedhiisaarratti hundaa’ee lafa qabu keessaa muraasarratti qamadii omishuu akka danda’u akka filannootti kallattiin taa’uu ibsaniiru.

Hundaa ol, biyya omisha guddaa kennuu dandeessu, Itoophiyaatti qaala’iinsa gatii maqsuuf sektarootni dhuunfaa hojii qonnaarratti bal’inaan hirmaachuu akka qabaniifi biirokraasiin waajjiraalee mootummaa investaroota gufachiisu furamuu akka qabu gaafataniiru.

Carraa hojii uumuufi guddina biyyaatiif gumaachuuf bu’aa hojjetanii argatan caalaa akka isaan gammachiisus ibsaniiru. Kitaaba Ida’amuu kan galiinsaa ijaarsa Holqa Soofumariif ooluuf Yuuroo kuma 50 gumaachuunsaaniis ni yaadatama.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 1 Bara 2015

Recommended For You

5 Comments to “ “Biyyaaf hojjechuun bu’aa argachuu caala””

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *