Walgargaaruuf dursa kennuun ummataa guddaa ta’uu

Ayyaani Idal-Adahaa (Arafaa) waggaa 1444ffaan Roobii darbe darbe kabajameera. Dursitoota biyyaarraa jalqabee hanga namoota dhuunfaatti miira jaalalaafi tokkummaa; walii yaaduufi quuqamuu of keessaa qabuun ergaa hawwii gaarii (baga ittiin isin gahee) darbaati kan ture.

Keessumaa Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad (PhD) ergaa dabarsaniin Arafaan guyyaa dhalli namaa Uumaafi amantiisaatiif jecha qorumsa simatu, wareegama hinbarbaachifneef eeyyamummaasaa itti yaadannu, kabajnuufi guyyaa itti leellisnuudha jedhan.

Yeroo Rabbiin, Nabi Ibraahimiin ilma kee aarsaaf naa dhiyeessi jedhee ajajuun, Nabi Ibraahim gaddi abbummaa isaan hinmo’anne, jaalalli daa’imaa isaan hinhawwisiisne, otoo mannisaanii diigamuutti hinyaadda’in, wanti hundi ajaja uumaa hincaalu waan ta’eef ilmasaanii tokkicha Ismaa’eeliin wareeguuf ka’uu yaadachiisan.

Ilmisaanii Ismaa’eelis aarsaaf qophii ture. Kanaaf ayyaana Iidal Adahaa ayyaana aarsaa ta’uu eeruun, Itoophiyaanonni seenaa Islaamaa durii kanarraa waantota gududdoo lama baranneerra kan jedhan. Akkuma warqeen ibiddaan qoramu, namoonnis yeroo rakkisaatti ni qoramu jechuunis ibsan.

Akka Ismaa’eel waan qabu hunda kennee wareegamaaf kan murteeffate, qormaaticha darbee, seenaa guddaa barreessee, yaadannoo akka Iidal Adahaa kaa’ee, bara baraan yaadatamaa akka jiraatus ibsan.

Kan wareegamaaf ija hinjabaanne, ulfinarraa fagaatee, seenaarraa haqamee akka dhukkee ta’ee bada. Barumsi lammataa immoo manii guddaa bira kan ga’amu kan jaalatanillee otoo hinhafiin dabarsanii kennuudhaan ta’uusaati. Nabii Ibraahiim Ismaa’eliif jaalala homaanuu hinsafaramne qabuufiiyyu.

Kaayyoonsaanii guddaan garuu fedha uumaasaanii Rabbii raawwachuudha. Kaayyoo kana milkeeffachuuf jecha, lafarratti qabeenyasaanii isa olaanaa akka ta’etti kan ilaalan Ismaa’eel aarsaa gochuuf murteessan.

Guyyaa addaa ayyaanni aarsaa kabajamu kanatti Itoophiyaanonni “Baga ittiin isin gahe” waliin jechuu qofa utuu hintaane, barnootawwan lamaan kanneen hubachuu qabu.

Kaayyoo olaanaaf qoramuu, dhimmaa cimaaf wareegama kaffaluuf qophaa’uu, sona namoonni guguddoon raawwataniifi seenaa hojjetaniidha. Kaayyoo olaanaaf jecha kan jaalatanillee wareeguuf kutannoo qabaachuun, addunyaa jijjiiruuf warri seenaa hojjatan hundi kan raawwataniidha.

Biyyi keenya yeroowwan garagaraatti rakkooleen mudachuun ni beekama. Qormaatileen waan darbaman hinfakkaanne yeroo yeroon mudatanis rakkooleefi qormaatilee dabareen darbuun fuulduraatti tarkaanfachaa jirti.

Wayita rakkoofi gidiraan baay’atetti lammiileen aarsaa dhumaa kaffaluuf duubatti hinjedhan, qabeenyasaanii qofa osoo hintaane aarsaa lubbuu kennuuf of duuba hinilaalan. Itoophiyaa kan asiin ga’es aarsaa ijoolleenshee kaffalan ta’uusaaniin seenaa yeroo hunda yaadatamuudha.

Aarsaa malee biyyi guddatteefi ummanni badhaadhe hinjiru. Sadarkaan guddina addunyaa hundi bu’aa wareegamaati. Sadarkaa har’a irra geenyeef lammiileen hedduun lubbuusaaniifi waan jaalatan hunda wareeganiiru. Jiraachuu caalaa kaayyoof lubbuu qaalii wareeganiiru.

Biyyi biyya kan taatu wayita ijoollee biyyaaf jecha yeroo, humna, meeshaalee, akkasumas aarsaaf dhiyaatan hedduu yoo horatteedha.

Tokko tokkoof du’uun, waliif kennuun, walii qooduun, inni tokko kan biraaf wareegamuun qaroomina addunyaa bu’uura cimaarra dhaabuudha. Bakka wareegamni jiru jibbiinsi, walitti bu’iinsiifi waldhiibuun hinjiraatan.

Bakka aarsaan jaalala guddaan jiru jibbiinsa lallabuun haraama. Qoodinsaafi waldhiibuu lallabuun gadheedha. Itoophiyaan yeroo ammaa kan barbaaddu jaalalaafi tokkummaa ummatasheeti.

Horteedhaan, halluudhaan, lammummaafi eenyummaan gargar ta’anis hundisaanii Musliima ta’uusaanii qofa yaadu. Waan irratti gargar ta’an cinaatti dhiisuun, kaayyoo itti walarganiifi walitti hidhaman qofa yaaduun tokko ta’u.

Nutis walqooduu, waldhiibuu, walshakkuu osoo hintaane, waltumsuu, walitti sassaabbamuufi walgargaaruuf dursa kennuun ummataa guddaa haa taanu jedhan.

Abbootiin amantii Musliimaa, hordoftoonni amantichaafi aanga’oonni mootummaa olaanaanis ayyaanicha sababeeffachuun ergaawwan ciccimaa dabarsaniiru.

Kutaa Qophiitiin

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 24 Bara 2015

Recommended For You