Shaampiyoonaan Biskileetii Itoophiyaa naannoo Tigraayitti gaggeeffamaa ture boru xumurama

 Bayyanaa Ibraahimiin

Finfinnee: Dorgommiin shaampiyoonaa Biskileetii Itoophiyaa kan bara 2015 naannoo Tigraay, Magaalaa Maqaleetti adeemsifamaa ture Dilbata boruu xumura argata.

Ispoorteessitootni naannolee hundaafi bulchiinsota magaalaa lameenirraa bakka bu’an hundi dorgomicharratti hirmaachaa jiraachuu kan himan Pirezidaantiin Federeeshiinii Biskileetii Itoophiyaa Obbo Wandimmuu Hayilee, dorgommichi Waxabajjii 14 irraa eegalee hanga 18 bara 2015 eegalee adeemsifamaa jiraachuus ibsaniiru.

Shaampiyoonaan Maqaleetti gaggeeffamaa jiru kun dorgommii shaampiyoonaa Biskileetii Addunyaa bara dhufuurratti ispoorteessitoota biyyattii bakka bu’uudhaan hirmaatan filachuuf kan gargaaru ta’uus eeraniiru.

Dorgommichi naannoo Tigraay, Maqaleetti gaggeeffamuunsaa walittidhufeenya ummattoota biyyattii kan cimsuufi miira walamantaa kan uumu ta’uu kan himan immoo Bulchiinsa Yeroo Tigraayitti Dura Taa’aan Damee Ce’umsa Misoomaa Pirofeesar Kindiyaa Gabrahiywoti.

Naannolee hundatti nageenyi ittifufiinsa qabu akka uumamuuf shoora olaanaa kan bahatu ta’uus dubbataniiru. Kana waan ta’eefis ispoorteessitootni dorgommicharratti hirmaatan hundi ambaasaaddaroota nageenyaa ta’uun akka tajaajilan gaafataniiru.

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 17 Bara 2015

Recommended For You

2 Comments to “Shaampiyoonaan Biskileetii Itoophiyaa naannoo Tigraayitti gaggeeffamaa ture boru xumurama”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *