“Labsii haaraatiin lafa qabsiisanii baankiiwwan garagaraa irraa biiliyoonaan itti liqeeffachuun dhaabateera” – Obbo Ahmad Indiriis

Bayyanaa Ibraahimiin

 Nama waadaa harmeensaa onneesaa keessatti guduunfite osoo irraa hinsharafiin galmaan ga’ee, garaa harmeesaa jiise, daa’imummarraa hojii gaariidhaan ijoollee isa boodaatiif fakkeenya ta’uudhaan har’a sadarkaa hoggansa fakkeenya gaarii namaaf ta’uu irra darbee, hojiisaa sadarkaa ogeessaatiin eegalee caasaalee bulchiinsaa sadarkaa gadii hunda keessatti milkaa’inarratti milkaa’ina dabalachuun har’a sadarkaa hoogganaa biiroo ta’eefi abbaan mul’ata dheeraa Hogganaan Biiroo Invastimantiifi Indastirii Oromiyaa Obbo Ahmad Indiriis keessummaa Bariisaa torban kanaati. Turtiin isaan waliin taasifne guutuunsaa akka armaan gadiitti dhihaateera.

 Bariisaa: Mee duraan dursa wal haabarruutii dubbistoota keenyaan wal baraa!

Obbo Ahmad: Hayyee, ani Ahmad Indiriisiin jedhama. Iddoon dhalootakootii immoo Harargee Lixaa, Araddaa Qancarataa jedhamuttin dhaladhe. Barnoota sadarkaa duraa kan baradhe immoo magaalaa xiqqoo Marabbaa jedhamutti yemmuu ta’u, sadarkaa lammaffaa immoo magaalaa guddittii Godina Harargee Lixaa kan taate Ciroo, Mana Barnoota Sadarkaa Lammaffaa Carcaritti barachuu danda’eera. Sanaan booda qabxii gara yunivarsiitiitti ittiin seenamu argadheen Yunivarsiitii Finfinnee seenuun Muummee Barnoota Fiiziksiitiin digrii jalqabaatiin eebbifameera.

Bariisaa: Ijoollummaa keessan akkamiin yaadattu? Osoo barnoota hingaliin dura akkamiin maatii keessan gargaaraa turtan?

Obbo Ahmad: Akkuma beekamu, ijoolleen baadiyyaa kamiyyuu osoo looniifi jabbilee hintiksiin, re’oota hineeginiifi maatii ofii hingargaariin baratan hinjiran. Kanaaf anis akkuma ijoollee baadiyyaa kanneen birootti ijoollummaa kiyyatti re’ootaafi loon tiksurraa kaasee hanga ooyiruu maatii qotuufi sangoota gabbisuutti maatii koo gargaaraatuma guddadhe jechuudha.

Ani immoo maatii kootiifis ilma hangafa waan ta’eef maatii keessatti ijoollee ana booda jiraniif itti gaafatamummaa dachaan qaban ture. Hojiin gaariin ani maatii keessatti hojjadhus ta’ee hojiin gadheen ani hojjadhu ijoollee ana booda jiranirratti dhiibbaa akka qabu waanan beekuuf hanga naaf danda’ametti ijoollummaamakootii kaasee hojii gaarii fakkeenya namaaf ta’un hojjechaa guddadhe.

Kanaaf hojiin gaariifi miirri gargaarsa maatii ani gaafa ijoollee turetti maatii keessatti raawwachaa ture obbolootakoo ana booda dhufaniifis hamileefi kaka’umsa cimaa uumee jira. Isaanis akkuma kootti maatii gargaaraa barnootasaaniis xiyyeeffannoon hordofuufis muuxannoo guddaa anarraa fudhataniiru.

Ani barumsa kootti cimee iddoo har’a jiru kana akkan gahuuf hamileefi dadhabbiin akkasumas, fedhiin harmee kootii olaanaa ture. Barumsa guyyaa jalqabaa irraa kaasee akka baradhuufi akka addaan hinkutne kan hamileefi gorsa guddaa anaaf kennaa ture harmee koo turte.

Bariisaa: Harmeen keessan ofiisaaniitiif  baratanii jiru moo akkamitti mi’aa barnootaa baranii akka isin barattaniif dhiibbaa gochaa turan?

Obbo Ahmad: Lakki harmeen koo ofiisheetiif barnoota hinbaranne. Garuu mi’aa barnootaa sirriitti nama hubateefi beekuudha isheen. Maaliif yoo jette, ofiisheetiif carraa barnootaa argattee maatiinshee ishee barsiisuu baatanis, hiriyootnishee ilmaan dureessaafi abbootii lafaa warri turan baratanii iddoo guddaa akka gahan ni beekti. Warreen baratanii yeroo ammaa biyyoota garagaraa keessa jiraachuu danda’anis sababa barnootaatiin akka ta’e waan beektuuf, carraa barnootaa ofiisheetiif argachuu hindandeenye sana nuti akka argannuuf kutannoon ishii olaanaa ture.

Sababa kamiinuu taanaan barnoota addaan kutuu wanti jedhamu akka hinuumamneefis deeggarsa humnishee danda’e hundaan guyyaa tokko ana biraa haftee hinbeektu turte. “Yoo dubbiin jabaattee rakkoon cimaa dhuftes sangaa tokkicha qabu siif jecha gurgura malee ati barnoota tasuma dhiisuu hinqabdu” jechuudhaanis hamilee yoomiyyuu keessa kootii baduu hindandeenye na keessatti uumteerti.

Kanaaf fedhiifi hawwiin harmeen teenya anis ta’ee ijoolleenshee akka barannuuf qabdu kan nama ofiisaatiif baratee mi’aa barnootaa beeku yoo caale malee hinhanqatu jechuun ni danda’ama. Anis immoo hawwiifi fedhii harmee kootii kana ijoollummaarraa eegalee waan beekuuf ofiikootii jecha qofaa osoo hintaane, harmee kootiif jecha barnoota koo guyyaa tokko addaan osoo hinkutiin hordofuudhaan xumuruuf carraa argadheera. Kanatti immoo ana caalaa kan gammadus harmeekoo akka taate sirritti beeka.

Sababni haatiikoo barnootarratti akkan cimee baradhuuf na dirqaa turteefis ani ilma hangafaa waanan ta’eef ijoolleen ana booda turanis daandiikoo akka qabataniif yaaddee akka turtes waan beekuuf har’a fedhiifi hawwiin ishii sun milkaa’ee arguusheettis heddu takka gammada.

Wanti asirratti siif kaasuu barbaadu tokko garuu, harmeenkoo yeroo barnootaaf kana hunda anarratti dhiibbaa gootu kana waan ittiin ana barsiiftu gahaa qabaattee osoo hintaane, hiyyummaa keessa teessee ana ilmasheetiif abdiifi beekumsa hidhachiifte. Anis hanga barnootakoo sadarkaa lammaffaatiif gara magaalaa Cirootti dhufutti yeroo hunda waan hundaan isaan gargaaraatiin baradhe.

 Bariisaa: Erga barnoota xumurtaniin booda hoo eessafa’atti tajaajilaa turtan?

Obbo Ahmad: Ani erga barnoota xumureetis sadarkaa ogeessaa irraa ka’ee hanga caasaa hoggansa aanaa, magaalaa, godinaafi naannootti hojjedheera. Hojiiwwan hanga ammaafi iddoowwan itti tajaajila kennaa ture keessaa muraasa yoo siif kaase; Magaalaa Duukam akkasumas, Walisootti Kantiibaa Ittaanaa ta’ee tajaajileera, Bulchiinsa Magaalaa Adaamaattis Ittigaafatamaa Damee Intarpiraayizii, akkasumas Kantiibaa Ittaanaa bulchiinsa magaalattii ta’uudhaanis tajaajila kennee jira.

Akkasumas bulchiinsa Magaalaa Galaanittis Kantiibaa magaalattii ta’uudhaan erga tajaajilaa tureen booda jijjiiramni siyaasaa kun erga dhufee booda immoo gara sadarkaa hoggansa biirootti dhufuu danda’eera jechuudha. Yeroo ammaa kanatti immoo Hogganaa Biiroo Invastimantiifi Indaastirii Oromiyaa ta’uudhaan tajaajilaa jira jechuudha.

Bariisaa: Biiroo haaraa qabattanii dhuftan waan ta’eef haala hundeeffama Biiroo kanaas waa nutti himaa.

Obbo Ahmad: Dhugaadha, biiroon kun haaraadha. Garuu kanaan duras caaseeffama garagaraa keessatti hammatamus hojiin invastimantiis ta’ee indaastirii hojjetamaa akka ture nama kamiifuu ifaadha jedheen amana. Jalqabarraa kaafnee yoo ilaalle dameen invastimantii kun Oromiyaa keessatti bara 1985 kan eegale yoo ta’u, ergasii kaasee caaseeffama garagaraa haa qabaatuu malee waajjirri invastimantii hundaa’ee Oromiyaa keessatti hojii simannaa invastimantii gaggessaa tureera.

Gaaffii ati ana gaafattetti yemmuu siif deebi’u ammoo, Biiroon Invastimantiifi Indaastirii Oromiyaa kun labsii bulchiinsi Mootummaa Naannoo Oromiyaa qaama raawwachiiftuu irra deebisanii hundeessuuf baase bu’uura godhachuun Fulbaana bara 2014 kan hundaa’eedha.

Irra deebi’ee hundeeffamuu biiroo kanaatiif sababootni turan hedduu yemmuu ta’an, simannaa invastimantii naannichaa daran dabaluuf, bulchiinsi invastimantii si’ataafi bu’aqabeessa ta’e akka jiraatu haala mijeessuuf, seerotaafi qajeelfamoota hudhaa invastimantii ta’an sirreessuuf, carraa Oromiyaan gama invastimantiifi misooma indaastiriitiin qabdutti bifa guutuu ta’een fayyadamuun sababoota ykn kaayyoo hundeeffama biirichaatiif isaan muraasadha.

Bariisaa: Irra deebi’ee hundaa’uu biiroo kanaatiin bu’aan hanga har’aatti argame maali?

Obbo Ahmad: Gaaffii barbaachisaafi bareedaa ta’e na gaafatte. Akkuma jalqabarratti siif kaasuuf yaaletti, caasaan invastimantii naannoo Oromiyaa keessatti kan hundaa’e yeroo jalqabaatiif bara 1985tti. Erga hundeeffamee kaasee hanga bara 2012tti baay’inni pirojeektota invastimantii naannicha keessatti simatamaniifi hojirra oolanii pirojeektota kuma 10 qofa turan.

Bara 2012 irraa kaafnee hanga bara 2015 amma keessa jirruutti yoo ilaalle immoo waggoottan sadeen kana keessatti baay’inni invastimantii naannichaa dachaa ol dabaluun pirojektoota invastimantii kuma 24 horachuu dandeenyeerra. Kun immoo miklaa’ina olaanaadha.

Keessattuu jijjiiramni siyaasaa biyya kanatti dhufe kun simannaan invastimantii Oromiyaafi babal’inni damee indaastirii Oromiyaas akka si’atuuf qooda guddaa bahateera jechuun ni danda’ama. Sababnisaas murteewwan jajjabooniifi yeroo gabaabaa kana keessatti ni ta’u jedhamanii hineeggamne hedduu fudhatamuusaaniitiin sochiin invastimantii Oromiyaa waggoota sadii hincaalle keessatti dachaa oliin akka dabalu taasisee jira.

Kunis qaamota hawaasaa kanaan dura invastimantii irraa dhiibamaa turan baay’inaan gara invastimantiitti harkisuudhaan, qonnaan bulaafi horsiisee bulaan gara damichaatti akka galu taasifameera. Dargaggeessi gurmaa’eefi qabeenya horatee hojii invastimantii naannichaatti akka makamus taasifameera.

Kana ta’uusaatiin simannaan invastimantii naannichaa waggoottan jijjiiramaa muraasa kana keessatti dachaa oliin dabaluu qofa osoo hintaane, yeroo ammaatti qabeenyi invastimantii naannoo Oromiyaa irratti dhangala’ee jiru qarshii tiriiliyoona akka ta’uufis carraa uumeera. Kana qofaas osoo hintaane, hanga ammaatti simannaa invastimantiifi babal’ina indaastirii naannoo Oromiyaa keessatti jiruun, lammiileen kuma 900 ol ta’anis carraa hojii argataniiru.

Bariisaa: Pirojektootni kuma 24 eertan kunneen yeroo ammaa kana hunduu hojiirra jiruu laata?

Obbo Ahmad: Pirojeektota invastimantii yeroo ammaa kana akka naannootti qabnu kuma 24 keessaa kumni 10fi 933 wayita ammaa qabatamaan hojii keessa kan jiran /functional/ kan ta’an yoo ta’u, naannoo kuma lamaa kan ta’an immoo yeroo ammaa ijaarsarratti kan argamaniidha. Isaan hafan immoo walii galtee raawwatanii heeyyama argachuudhaan kanneen adeemsa gara ijaarsaatti isaan galchurratti kan argamaniidha.

Babal’inni gama indaastiriifi invastimantiitiin hanga ammaatti Oromiyaa keessatti mul’achaa ture kun immoo gama carraa hojii uumuutiin qofa osoo hintaane, gama daddabarsa teknolojiitiin, gama omisha alaa galu biyya keessatti omishuun sharafa alaa oolchuutiiniifi kanneen walfakkaataniin faayidaa hedduu argamsiisaa turaniiru.

Kanaanis yeroo ammaa guddina dinagdee Oromiyaa keessatti dameen indaastirii dhibbantaa 16 akka qabaatu taasiseera. Kun immoo haala mijoomina Oromiyaa babal’ina indaastiriitiin qabduun wal bira madaallee yoo ilaalle caalaan kan nu hafu ta’uu kan agarsiisu waan ta’eef, waggoottan ittaanan muraasa keessatti guddina Oromiyaa keessatti shoorri damee kanaa akka dabaluuf gamanumaan hojjachaa jirra.

Durarratti guddinni simannaa invastimantii inni caalu kan galmaa’uu eegale bara 2012 irraa eegalee akka ta’e sitti himeen ture. Bara sanatti labsii qonnaan bulaafi horsiisee bulaa Oromoo baay’inaan gara invastimantiitti galchuuf bahe tokkotu ture. Innis labsii 208/ 2012dha. Labsii kanaan dura carraan invastimantii kan qonnaan bulaafi horsiisee bulaa Oromoo hawwatu hinturre.

Kanaaf bahuu labsii kanaatiin booda qonnaan bulaan humna horatee gara hojii invastimantiitti akka galu, horsiisee bulaan humna qabus hanga humnasaatiin damee danda’uufi barbaadurratti hirmaatee akka ofiisaatiifis ta’ee Oromiyaadhaaf gumaacha bahachuu qabu akka bahuuf carraa uumameen bu’aan olaanaa ta’e waggoota gabaabaa kana keessatti akka argamuuf carraa uumeera.

Hunda caalaa immoo qabeenyi uumamaa Oromiyaan qabdu, argamti ishee giddu gala biyyattii ta’uunsaa, bu’uraaleen misoomaa akka biyyaatti diriiran irra jireessaan Oromiyaa kan qaxxaamuran ta’uunsaafi gabaa alaatiif immoo buufata gogaa Mojoo dabalatee Finfinneefis dhiheenyi Oromiyaan qabdu hojii simannaa invastimantiifis ta’ee babal’ina indaastiriitiifis abdii gaariin jiraachuu kan namatti agarsiisaniidha.

Lafa sirnootaafi seerota darbaniin hojii invastimantiitiif kennamanii hanga ammaatti hojii isaan irraa eegamu hojjachaa hinturre irraa fuudhuudhaan nama sirnaan misoomsuuf kennuudhaan qisaasamni lafaa osoo hinuumaminiifi lafti invastimantiif kennamee maseene tokkos akka hinjiraanneef tarkaanfiin fudhatames jijjiirama yeroo ammaa simannaa invastimantii Oromiyaa keessatti uumameef shoora olaanaa bahateera.

Paarkima Indaastirii Adaamaa akka fakkeenyaatti yoo fudhanne ijaarsisaa xumuramee gara hojiitti kan gale baruma jijjiiramaa kana keessatti. Gara hojiitti galuun paarkii indaastirii kanaa immoo dargaggootaafi shamarran kuma saddetii ol ta’aniif carraa hojii uumuu qofa osoo hinta’iin, ce’umsa teknolojiifi sharafa alaa hambisuu keessattis shoora olaanaa bahachaa kan jiruudha.

Haalli kenna tajaajilaa kanaan dura ture hannaafi malaanmaltummaan hedduu hamatamaa ture sunis yeroo ammaa kanatti jiijjiiramuudhaan maamiltootaaf tajaajila si’ataafi hannarraa bilisa ta’e kennuun danda’amuunsaas jijjiiramaafi guddina invastimantii yeroo ammaatti mul’achaa jiruuf shoorasaa bahateera jechuun ni danda’ama.

Bariisaa: Yeroo ammaa kanattis labsii haaraa 249/2015 baherratti qaamota dhimmi ilaalu leenjisaa jirtan waan ta’eef, mee labsichi kun maal fa’a of keessaa qaba, rakkoowwan akkamiis fura?

Obbo Ahmad: Labsiin invastimantii haaraa 249/2015 kun labsii bulchiinsa invastimantii tibbana Caffee Oromiyaatiin ragga’eedha. Akkuma atuu kaaftee qabiyyee labsii haaraa kanarratti yeroo ammaa ogeeyyota seektara invastimantii sadarkaan jiraniif kanneen dhimmi ilaaluuf leenjiin kennamaa jira.

Labsiin haaraa kun rakkoolee bulchiinsa invastimantii keessatti mul’achaa turan bifa murteessaa ta’een kan furu yemmuu ta’u, irra jireessaan bu’aawwan gurguddoo lamatu eeggama. Isaanis; qaawwa seeraafi bulchiinsa invastimantiin walqabatee jiru ni hiika jedhameeti.

Hanqinoota seera invastimantii kanaan dura ture fudhannee yemmuu ilaallu, inni biraa hafee seeruma liiziitiinis kan walitti bu’uudha. Kanaaf rakkoo gama kanaan jirus bifa seera qabeessa ta’een furuudhaaf seericha geeddaruun dirqama ture jechuudha.

Inni biraa immoo seerri invastimantii hanga ammaatti ture umrii dheeraa lakkofsisuu isaa irraa kan ka’e haala qabatamaa yeroo ammaa jiru waliin kan adeemuu hindandeenye waan tureef seericha geeddaruun barbaachisaa ta’ee argameera. Dabalataanis, rakkoo bulchiinsa invastimantii kan furu, qisaasama lafaa kan hir’isu, sochii invastimantii naannichaa kan si’eessuufi hojiin invastimantii kamiyyuu bifa seera qabeessa ta’e qofaan akka gaggeeffamuuf carraa kan uumuudha.

Haala labsii haaraa kanaan, invastarri tokko lafa invastimantiifudhatee booda nama biraatiif dabarsee kennuunis ta’ee gurguruun hindanda’amu, namni lafa fudhate tokko laficharratti dhibbantaa 90 misoomsuu qaba. Akkasumas invastarri lafa fudhate tokko ji’oota muraasa keessatti ijaarsa eegaluudhaan hanga waggaa lamaatti omisha keessa hingalu taanaan lafti kennameef sun deebi’ee kan irraa fudhatamu ta’uunsaas labsii haaraa keessatti kan hammatame waan ta’eef qisaasama lafa invastimantii irra tures bifa olaanaan kan hir’isuudha jedhamee abdatama.

Bifa waliigalaatiin yemmuu ilaallamu immoo, haala labsii bulchiinsa invastimantii haaraa 249/2015 kanaan saamichiifi alseerummaa kanaan dura lafa Oromiyaa irratti gaggeeffamaa ture kan itti dhaabbatu, lafa Oromiyaatiin liqeeffatanii naannoo biraa misoomsuun kan itti daangaa argatu, lafa qabsiisanii baankiiwwan garagaraa irraa biiliyoonaan itti liqeeffachuun kan itti dhaabbatuufi liqiin humna hojjachuu isaanii madaalu qofti kan itti isaaniif eeyyamamu ta’uusaatiin haala gaarii ta’e kan uumeedha jedhanii kaa’uun ni danda’ama.

Bariisaa: Hayyee yeroo nuuf kennitaniif galatoomaa!

Obbo Ahmad: Galatoomi atis!

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 17 Bara 2015

Recommended For You

3 Comments to “ “Labsii haaraatiin lafa qabsiisanii baankiiwwan garagaraa irraa biiliyoonaan itti liqeeffachuun dhaabateera” – Obbo Ahmad Indiriis”

  1. Pingback: swan168

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *