Kilaba kubbaa miilaa Magaalaa Dambi Doolloo

Shaampiyoonaa kilaboota Naannolee Itoophiyaa Waxabajjii 14 irraa eegalee Naannoo Sidaamaa magaalaa Hawaasaarratti dorgomamurratti morkataa cimaa taanee dhiyaachuuf gahumsa gaarii horaneerra jedhan taphattoonni kilabii kubbaa miilaa Bulchiinsa Magaalaa Dambi Doolloo ibsa otoo garasitti hinimaliin kennaniin.

Hanqina kilabichi kana dura qabu furuun hamilee guutuun dorgommicharratti akka hirmaatan gochuufis deggarsi barbaachisu godhamaa jiraachuu waajjiri kantiibaa magaalichaa himeera.

Torbee darbe keessa dorgommiin waliigalaa liigii Oromiyaa magaalaa Buraayyuutti geggeeffamerratti olaantummaa kan gonfate kilabni kubbaa miilaa Bulchiinsa Magaalaa Dambi Doolloo urjiiwwan lixa biiftuu dorgommii ittaanurratti morkataa cimaa ta’uuf cimee hojjetaa akka jiru leenjisaan garichaa Gazzaanyi Taayyeefi miiltoowwansaanii himaniiru. Waan deggarsi hawaasaa nu cina jiruuf hamilee guutuun dorgommicharratti hirmaachuun injifannoon deebi’uuf qophii barbaachisu gochaa jirra kan jedhe ammoo Dursaa garee kilabichaa Hundee Taasisaati.

 Injifannoo boonsaa magaalaa Buraayyuurratti galmeessifne Hawaasaarratti dabaluun maqaa magaalaa keenyaa ol kaasuuf ga’umsa cimaarratti argamna kan jedhan ammoo taphattoota garichaati. Wayita waldorgommii liigii olaanaa Oromiyaarratti hirmaanne hanqina dhiyeessiifi ga’umsaa qabna turre, yeroo kanatti tumsa hawaasaafi mootummaatiin rakkoon keenya furmaata argataa jira, kanaafis galata qabna jedhan.

Kilabichi cimee ga’umsa barbaachisu horatee dorgommii magaalaa Hawaasaarratti akka hirmaatuuf deggarsi barbaachisu godhamaa jiraachuu bakka bu’aan kantiibaafi ittigaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Magaalaa Dambi Doolloo Obbo Girmaa Dangalaa himaniiru jechuun kominikeeshiniin godinichaa gabaaseera.

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 17 Bara 2015

Recommended For You

4 Comments to “ Kilaba kubbaa miilaa Magaalaa Dambi Doolloo”

  1. Pingback: แทงบอล
  2. Pingback: pg333

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *