- Mootummaan qabeenyasaa ala jirutti sirnaan fayyadamuuf xiyyeeffannaan hojjechuu qaba
Finfinnee: Guyyaan reemitaansiin maatii itti ergamu akka biyya keenyaatti Kibxata dhufu, Waxabajjii 13 bara 2015 yeroo jalqabaatiif kabajama.
Gaazexaan Bariisaas guyyicha sababeeffachuun Ameerikaa, Magaalaa Waashingitan Diisiitti dhimmoota gara garaarratti diyaaspooraa qindeessuun kan beekaman Aadde Biraanee Beekaafi jiraataa Minisotaa Obbo Firaa’ol Abdiisaa dubbiseera. Isaanis waa’ee guyyaa reemitaansii maatiif ergamu kanaa akka quba hinqabne eeranii,
ta’us isaan akka nama dhuunfaa tokkootti haalota adda addaatiin maatii gargaaraa akka jiraniifi guyyichi kamajamuun dadammaqina uumuuf gaariidha jedhu.
Isaanis, “Nuti duraanis harkaqal’eeyyii gargaaruufi barsiisuurraa kaasee waantota biyya koo ilaallatan baay’eerrattin hirmaadha. Maatiidhuma ofiitiifuu waan jireenyaaf barbaachisu guutuunuu waan guddaadha. Gama kanaan waanti diyaaspooraan ala jiru gochaa jiru salphaa miti’ jechuunis ibsu.
Lammiin biyyattii kan karaalee adda addaatiin biyyaa kan bahu hunduu maatiisaa gargaaruuf ta’uu kan dubbatan diyaasporaawwan kunniin, diyaasporaan maatiisaatiif hojii daldalaa saaquudhaan, mana ijaaruufii dabalatee guddina dinagdee biyyaa keessatti qooda olaanaa qaba jedhu.
Guyyichi adda baheefi beekamtii argatee kabajamuun kan isaan gammachiise ta’uus eeranii, Aadde Biraanee Beekaa waggaa 20; Obbo Firaa’ol Abdiisaa waggaa 11 Ameerikaa jiraatanitti maallaqa guddaa akka erganiifi akkuma dhuunfaattuu waanti gumaachame laayyoo akka hintaane himaniiru.
Gurmuudhaanis ijaarsa pirojektota guguddoo kanneen akka mana barnootaafi kilinikiirratti hirmaachaa turuufi jiraachuu kan eeran qindeessituun tun, dhiyeenyuma kanallee wiirtuun kaleen ittidhiqamu (diyaalisiisii) Hospitaala Minilik keessatti akka saaqamu, akkasumas lammii Booranatti hongeedhaan miidhameefi Wallaggatti buqqa’eef gargaarsa taasisuusaanii beeksisaniiru.
Gumaachi diyaaspooraan biyyasaatiif taasisu cimee akka ittifufuuf qaamni mootummaa imaammataafi taarsiimoo baasee dadammaqina uumuurratti xiyyeeffannaadhaan hojjechuu qaba jedhanii, mootummaan birokraasiifi malaammaltummaa caasaaleesaa keessatti mul’atanis cabsuu akka qabu eeraniiru.
“Lammiin Itoophiyaa alatti karuma kamiinuu of danda’ee bulu baay’eedha. Akkaataa ga’eesaaniitiin daldalaan akka daldalummaasaatti, hayyuun hayyummaasaatiin akka hirmaatuuf bakka jirutti keessumaa Ameerikaatti hawaasni karaalee adda addaatiin ijaaramee waan jiruuf mootummaan kanatti fayyadamee akkuma warra Chaayinaafi Indiyaa biyyasaanii akka gargaaran gochurratti xiyyeeffannaan hojjechuu qaba. Imaammanni kanaaf ta’us jiraachuu qaba; gama mootummaatiin qophiin asirratti jiru laafaa waan ta’eef” jedhan.
Yeroo Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad (PhD) Minisotaa daaw’atanitti diyaaspooraa baay’een ogummaawwan adda addaatiin ijaaramanii biyyasaaniif gumaachuuf kaka’umsa guddaa keessa galanii turuus yaadachiisanii, waanti kaka’umsichaan gara hojiitti jijjiirame daran muraasa waan ta’eef qaamni dhimmi ilaallatu hojmaata diriirsee ittifufiinsaan irratti hojjechuu qaba jedhaniiru.
“Aniifi fakkaattonni koo bilisaan barannee biyyaa baane. Ameerikaatti barnoota kolleejii kaffaltee baratta. Nuti waan bilisaan baranneef idaan biyyattii nurra jira. Garuu idaa sana deebisuu akka dandeenyuuf haalli mijataan jiraachuu qaba” jedhan Aadde Biraaneen.
Mootummaan Itoophiyaa qabeenyasaa biyya alaa jiru kanatti sirnaan fayyadamuurratti xiyyeeffannaan hojjechuu akka qabus eeranii, diyaaspooraan akka kan Itoophiyaa biyyasaa jaalatu waan hinjirreef hanqinoota gama hojmaataatiin jiran karaa qabsiisuun ni barbaachisa jedhan.
“Mootummaan sharafa alaarratti xiyyeeffannaan hojjechuu qaba. Akka diyaaspooraan maallaqa karaa gabaa gurraachaa (black market) hinergine gochuu qaba. Guyyaan diyaaspooraan reemitaansii gara biyyaatti ergu kabajamuun akka diyaaspooraan sochiisaa kamuu karaa seeraqabeessa qofa taasisu jajjabeessa; kaka’umsas ni dabala. Karaa maallaqni ittiin ergamurratti baankonni hojii gabbisa hubannoo hojjechuu qabu” jedhan Obbo Firaa’ol.
Dhimma reemitaansii kanarratti sirnoota darbanirraas ta’u biyyoota biroo ittiin milkaa’anirraa muuxannoo fudhatanii hojiirra oolchuu akka barbaachisus diyaaspooraawwan kunniin beeksisaniiru.
Tajaajilli Diyaaspooraa Itoophiyaa guyyaa reemitaansiin maatii itti ergamu kana Dhaabbata Gargaarsaa Jarmaniifi dhimmamtoota biroo wajjin ta’ee sagantaalee adda addaatiin kabajuuf qophiirra jiraachuu daarektarri kominikeeshinii tajaalichaa Obbo Wandasan Girmaa ibsaniiru.
Charinnat Hundeessaatiin
BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 10 Bara 2015
5 Comments to “ Waxabajjii 13: Guyyaa reemitaansiin maatii itti ergamu”