Oromiyaatti kitaabilee barnootaa miliyoona 27 ol maxxansuuf sochiin eegalame

Finfinnee: Bara barnootaa 2016tti hanqina kitaabilee barnootaa furuuf sochiin maxxansa kitaabilee miliyoona 27 olii eegalamuu Biiroon Barnoota Oromiyaa ibse. Tajaajila lammummaatiin manneen barnootaa kuma afur ol ijaaruufis karoorfameera.

Sadarkaa Hogganaa Ittaanaatti Gorsaan Biirichaa Obbo Efreem Tasammaa ibsa addatti Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin akka jedhanitti, ganna darberraa kaasee kitaabilee barnootaa akaakuuwwan garagaraa barnoota sadarkaa 1ffaa imaammata barnoota haaraa bu’ureeffate qopheessuun akka baay’ifamaniif caalbaasiin ba’eera. Caalbaasicha kan injifate Manni Maxxansaa Meelbaa kitaabilee miliyoona 27 ol maxxansuuf sochii eegaleen baatii tokko dura kitaabilee miliyoona 8.5 maxxanse keessaa miliyoonni 7.4 manneen barnootaa qaqqabaniiru.

Haaluma walfakkaatuun haala idileen maxxansuun ala, ‘soofti koppii’ kitaabilee kanneenii gadibuusuun abbootiin qabeenyaa hojii tajaajila lammummaatiin akka baay’isiisan hojiin hojjetames jiraachuu eeranii, maxxansa eegalame kana hanga danda’ametti saffisiisuun hanga Fulbaanaatti hanqinni jiru ni furama abdii jedhu qabaachuu ibsaniiru.

Akka ibsasaaniitti, naannichi rakkoo qulqullina barnootaa akka biyyaatti mudate maqsuuf manneen barnootaa sadarkaasaanii eeggatan Ifa Boruu, Bu’uura Boruufi Bultii addaa baay’inaafi qulqullinaan ijaaraa jira.

Kana malees, Finfinnee keessatti Afaan Oromootiin barumsi akka kennamu bara 2010 manneen barnootaa afuriifi barattoota kuma ja’a hincaalleen sochiin eegalame har’a hoggansa bulchiinsa magaalattii jalatti barattoota Afaan Oromootiin baratan kuma 100 ol yommuu ta’an manneen barnoota Afaan Oromoon barsiisanis gara 500tti dhiyaataniiru.

Dhaloota dorgomaa uumuuf sadarkaa gadaanaatti manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa duraarraa kaasee xiyyeeffannoon addaa kennamuufi sadarkaa 2ffaattis barnoota qulqullina qabu kennuuf akka ta’utti manneen barnoota waan hundaa mijataa ta’an ijaaruurra darbee barsiisota ga’umsa olaanaa qabaniin hojiin baruufi barsiisuu adeemsifamaa jiraachuu kan himan Obbo Efreem, keessattuu, barattoota sadarkaa 2ffaatti haala kanaan barataa jiran kunneen bara dhufu qormaata kutaa 12ffaa yeroo jalqabaaf waan taa’aniif firiin gaariin akka irraa eegamus dubbataniiru.

Dhibee koronaa biyyattii mudatee tureen Oromiyaan akka carraatti ittifayyadamuu kan kaasan gorsaan biirichaa, haaluma kanaan hojii tajaajila lammmummaan yeroo baatii shan hincaalle keessatti daree barnootaa dabalataan al takkaatti kuma 34 ol ijaaruun taatee sadarkaa addunyaattuu ajaa’iba ta’e dalaguun akka danda’ames yaadachiisaniiru.

Ganna kanas tajaajila lammummaatiin manneen barnootaa pirojektii bu’uura boruun karoorfaman kuma afurii ol ijaaruuf karoorri qabamuu, kitaabilee barnootaa baay’isuu, kitaabilee deeggarsa barnootaa walitti qabuufi hojiin suphiinsa manneen barnootaa naannoo hanga aanaatti jiran bifa ummata bal’aa hirmaachiseen kan raawwatamu ta’uu hubachiisaniiru.

Waaqshuum Fiqaaduutiim

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 10 Bara 2015

Recommended For You

3 Comments to “ Oromiyaatti kitaabilee barnootaa miliyoona 27 ol maxxansuuf sochiin eegalame”

  1. Pingback: hit789

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *