Moyyaaleetti dargaggeessa qawwee kalaqeen walbaraa

Dargaggoo Diimaa Baqqalaa jiraataa Godina Booranaa, Magaalaa Moyyaalee, Ganda Boolee Olaanaati. Waraana Itoophiyaa kaabaatti mudatee tureen walqabatee bittaa meeshaa waraanaatiif doolaara olaanaa bahaa jirachuun dhagahe jedha.

Kana booda gatiin bittaa meeshaa waraanaaf bahu daran qaalii ta’uu erga hubatee meeshaa waraanaa kana hojjechuun qaba mul’atni jedhu keessasaa buluu turtii tibbana Gaazexaa Bariisaa wajjin taasiseen ibseera.

Dargaggoo Diimaan bakka sibiilonniifi meeshaaleen biroo tajaajilaan ala ta’an itti argaman dhaquun ispiriingii konkolaataa, motoraafi meeshalee gara garaa keessaa bahetti fayyadamuun qawwee hojjetee baasii humnaa olii bittaa meeshaa waraanaatiif bahu maqsuuf kaayyeffatee hojiitti seenuu dubbata.

Mul’atasaa kana dhugoomsee ijaan arguuf daandeettii, yeroofi maallaqasaa baasee of kennee hojjetaa turuu kan himu dargaggoon kun, deemsa keessa mul’annisaa kun ijaa godhachuu eegaluu hubata.

Abbaa mul’ataa kan ta’e dargaggoon kun haala gaariirra jiraachuu hubatee oggaa tattaaffiisaa ittifufu warra taa’anii isa ilaalan, “Maal baasuuf dhama raasuu” ittimammaakaa kanneen dhamaatiisaa gatii dhabsiisuuf farrisan tokko lama miti.

Ta’us turtii yeroo muraasaan booda qawwee moodeela ‘DS-15’ (Diimaa Isnaayper 2015) jedhamu kalaquun mul’ata namootaaf abjuu ta’aa ture (dhama raasuu) dhugoomsuun qabatamaan lafarratti argamsiisuu danda’eera.

Warreen dargaggeessa kana hojii dhama raasuutti bobba’eera jechuudhan tattaaffiisaa busheesaa turanis afaan qabachiisuun oggaa qawween DS-15 sadarkaasaa eeggate kalaqamuu argan baga keenya taate, maqaa nu waamsiste jechuutti deebi’aniiru.

Qawween kun rasaasa kilaashii kan nyaatu yoo ta’u, yaaliin dhukaasaa irra deddeebbiin ittiin gaggeeffamee milkaa’inaan waan dhuka’eef akkasumas aggaamee rukuchuurratti qawwee alaa galu waliin qixa ta’ee waan argameef dargaggoo kana beekamtiifi badhaasaaf qaqqabsiiseera.

Sochii dargaggeesi kun taasisaa jiru abdii kan namatti horu ta’uu kan bare Waajjirri BLTO Godina Booranaa deeggarsa barbaachisu taasisuun dargaggeessi kun meeshaa waraaanaa kalaqe kana akka ammayyeessuuf onnachiisaa jira.

Meeshaan waraanaa inni kalaqe kun fageenya dhukaasni tokko qaqqabuu danda’u kan qaqqabu, ulaagaa qawween tokko qabaachuu qabu kan guutu ta’uunis ragaan bahameeraaf.

Meeshaa waraanaa kana meeqaan akka gurguru gaafatamee hanga qarshii kuma 25tti akka baasu eeree, sababa hanqina dhiyeessiitiin baay’inaan omishuu akka hindandeenye dubbata.

Mul’atasaa milkeeffachuuf dhiyeessiilee barbaachisoo motora gara garaa tajaajilaa ala ta’an keessaa walittiqabuufi sibiilota adda addaa walitti baqsuun kan hojjetu ta’uu eera.

Akka ibsasaatti yoo meeshaan hojichaaf barbaachisu guutameefi bakki hojii mijateef doolaara olaanaa bittaa meeshaa waraanaaf oolu ni baraara.

Dargaggoonni mul’ata kalaqaa gama hawaasummaa, siyaasaafi dinagdeetiin jijjiirama biyyaa fuulduratti tarkaanfachiisuu danda’u galmeessisan hedduudha jedhee, haala mijataa dhabuun gadi bahanii bu’aa hojiisaanii agarsiisuurratti garuu hanqinni jiraachuu kaasa.

Jalqabbiin yeroo ammaa kalaqxoota jajjabeessuufi kakaasuu eegalame kun biyyatti abdii kan horu waan ta’eef caalaatti xiyyeeffannoo argachuu qabu.

Fakkeenyaaf dargaggoon tokko diroonii hojjeta, kaan konkolaataa, tokko tiraaktara kalaqa. Kanamalees helekoptara kalaquuf kan tattaafatu jira. Namoonni akkanaa yoo xiyyeeffannoo argatan biyyaaf abdiidha.

BLTOn dargaggoota akka kanaa sakatta’uun jajjabeessuunsaa miira nidandeenyaa dhalootatti kan horu waan ta’eef ammallee cimee ittifufuu qaba.

Kanneen dandeettii kalaqaa addaa qaban duris turaniiru kan jedhu Dargaggoo Diimaan ilaalcha gadiqabaa ogeeyyota akkaanaarra ga’uun sochiin kalaqaa laafaa akka ture dubbata.

Deemsa keessa sochiin kalaqxoota jajjabeessuu gama mootummaatiin waan eegalameef namoonni dandeettii kalaqa addaa nama ajaa’ibsiisu qaban baay’achaa jiraachuu ibsa.

Ogummaa kalaqaa hunda akka waan faranjiin ykn ummanni adiin qofti uumuutti ilaalaa turre. Sun dogoggora guddaadha. Konkolaataa, diroonii ykn xiyyaara eenyutu kalaqe jennee otoo kara deemaa gaafannee deebii faranjiidha jedhu arganna.

Albee biyya keessatti kalaqamu, qottoo, haaduu eenyutu kalaqe jennee osoo gaafannee garuu haala arrabsoo fakkaatuun oggaa waaman dhageenya.

Albee biyya keessaafi kan alaa galullee kan biyya alaarraa gale faranjiitu hojjete jedhama. Kan biyya keessaa yoo ta’u, maqaa waan tuffii agarsiisu fakkati, “tumtuu” jedhamutu kennamaaf.

Namoonni ilaalcha duubatti hafaa akkasii qaban kunniin ammallee sammuunsaanii kan hindammaqne waan ta’eef kalaqxoota mogolee buusuuf carraaquun ni mul’ata.

Ogeeyyota mala aadaatiin uffata miidhagaa gatii guddaa baasu omishaniif maqaan dhiibbaa of keessaa qabu itti mogga’u tokko lama miti. Kanarraa kan ka’e ga’umsi muuxannoo kana dhaloota dhufuuf dabarsuu gadi bu’aa dhufuun qaroomina hawaasni durumaa kaasee qabu akka harkifatu addunyaa biraafis gadi bahee akka hinmul’anne taasisaa jira.

BLTOn dargaggoota ykn namoota kalaqa addaa qaban onnachiisuun ala rakkoo ilaalchaa kalaqxoota ykn ogeeyyota kalaqaarra jiru cabsuu keessattis gaheesaa bahachuu qaba.

Wayyaa dhahuun ogummaa qaroomina sammuu, ga’umsa, muuxannoofi hubannoo gaafatuudha malee gahee namoota muraasaa goonee ilaaluu hinqabnu. Ogummaa kana dhaloota guddatu osoo itti leenjisanii rakkoo hojidhabdummaa dargaggoota gaaga’aa jiru hir’isuu keessatti bakka olaanaa qabaata.

Dargaggoo Diimaan, “Fakkeenyaaf ani qawwee DS-15 kalaqeera. Namni biraammoo rasaasa, kaan mul’ata isaan keessa jirutti fayyadamuun wantoota gara garaa kalaquun dandeettii addaa qaban hojiitti hiikanii baasii hinmalle baraaruu qabu” jedha.

Biyyi keenya waantota hunda doolaara dhangalaastee alaa galchuun gaaga’ama dinagdee waan qaqqabsiisuuf humnaafi beekumsa qabnutti fayyadamnee qaroomina dur qabnu dhaloota haaraaf galaasnee bu’uura kaa’uun ni barbaachisa jedha.

Bu’uura dhaloonni olkaa’aa darbu egeree dhaloota dhufuuf cuuphata seenaa, madda qorannoofi qo’annoo qaroominaa dhaloonni irraa baratu taasisuunis ni danda’ama.

Walumaagalatti bu’aan kalaqa qawwees ta’e kanneen biroo yeroo ammaa guutuu Oromiyaattis ta’e sadarkaa biyyaatti galmaa’aa jiran qaroominni durii olaanaa ta’uu kan agarsiisuudha.

Kanaafuu, deeggarsiifi sochiin kalaqxoota onnachiisuuf hudhaaleesaanii addaan baasuufi deeggarsa barbaachisuun isaan faana dhaabachuun murteessaadha.

Dargaggoon kun yeroo ammaatti ogummaa ‘Water Work Management‘dhaan sadarkaa afraffaan (dippiloomaan) eebbifamee waajjira Bishaaniifi Inarjii Aanaa Moyyaalee keessa hojjetaa kan jiru yoo ta’u, meeshaa kana ammayyeessuuf tattaafataa jiraachuu ibseera.

Waasihun Takileetiin

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 10 Bara 2015

Recommended For You

7 Comments to “ Moyyaaleetti dargaggeessa qawwee kalaqeen walbaraa

  1. Pingback: ผ้า
  2. Pingback: fuckboy
  3. Pingback: my site
  4. Pingback: ezybet

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *